Namichi boombiin miilasaa lamaan dhabe Gaara Evarast yaabuu eegale

Madda suuraa, RYAN SOSNA BOWD
Gaheessi loltuu Biriteen turee fi Afgaanistaan keessatti miila isaan lamaan dhabe, imala gaara yaabuu keessatti seenaa hojjechuuf tarkaanfii jalqabaa fudhateera.
Loltuu garee addaa Gurkha jedhamanii kan ture Harii Budaa Magaar, nama milli isaa lamaan jilbaa olitti citee jiru kan Gaara Evarast yaabe isa jalqabaa ta’uuf yaalaa jira.
Ingilaanditti jiraataa Keent kan ta’e ga’eessi umurii ganna 43 kun, torbee lamaaf wiirtuuu ka’umsaatti hanga haalli qilleensa mijataa ta’e argamutti eeguun boooda Dilbata imala isaa eegaleera.
Imala isaa kanaan “namootaaf fakkeenya ta’uu” akka barbaaduufi ilaalcha namootaa jijjiruu akka barbaadu hima.
“Yeroo itti bartu wanta hunda gochuu dandeessa, gaara kana yaabuun koon ilaalcha dandeettii namoota qaama miidhamtootarra jiru akka jijjiiruu fi namootni kaanis waanta isaanitti gaara ta’e kamuu akka yaabaniif jajjabina akka kennun abdadha,” jedha.
Hariin akka jedhutti imala kana sodaatee ture, garuu deeggarsi maatii fi hiriyyoota isaa “haalota cimoo” ta’an keessa isa ni dabarsa.
Qormaati isaa jalqabaa gara wiirtuu tokkoffaatti yeroo imalutti lafa cabbii Khumbu Icefall gubbaa Khambu Glacier’tti argamu keessa darbuu ture.
Gartuun isaa akka himanitti, Hariin amma kana keessa darbe, gaaricha yaabuun wiirtuu lammaffaa meetira 6,400 ol fagawtee jirutti imala isaa itti fufuu dura boqochaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daawwachiisaa gaarreeni Harii kan ta’ee fi hogganaa gartuu gaarreenii SAS kan ture, Kiriish Tapaa, “shakkii tokko malee kun imala gaara yaabuu ani taasise hunda keessaa isa cimaadha,” jedha.
“Akkaataa ittiin gaara kana yaabnu irratti maloota adda addaa uumuun nurra ture, dabalataanis yeroo hundatti nageenya keenya eeguuf gartuu yaabdota hedduu of keessaa qabu fayyadamna.”
Harii miila isaan lamaan kan dhabe bara 2010tti, Afgaanistaan keessatti yeroo boombii IED jedhamura ejjetedha.
Balaa dhohiinsaa kun erga uumamee booda yemmuu dammaqu, “jireenyikoo xumurameera,” jechuun yaadee akka ture abbaan ijoollee sadii kun ni hima.
Ta’us boodarra erga ispoortiiwwan akka saayikilii oofuu, gaara yaabuu, golfii fi cabbiirra mucucaachuu eegalee booda deebisee ofitti akka amane hima.
Imala isaa kanaan maallaqa “dheerina Gaara Evarastiin dachaa dhibba” ta’u, dhaabbilee tola ooltummaa shanan isa gargaaraniif walitti qabuu barbaada.
Imala kana guyyaa shanii hanga torba gidduutti ni xumura jedhamee eegama.

Madda suuraa, HARI BUDHA MAGAR















