Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajajaan walii galaa Waraana Keeniyaafi miseensonni biraa sagal balaa hilikoptaraan du'an
Ajajaan walii galaa Waraanaa Keeniyaa Janaraal Firaansiis Omodii Ogolaa, erga helikoptarri isaaN baattee turte lixa biyyattii keessatti kuftee cacabdeen booda balaa qaqabeen du'usaanii pirezidantiin biyyattii beeksiisan.
Ogolaan gulantaa waraanaa Keeniyaa keessatti qondaala waraanaa sadarkaa isa dhumaarratti argaman yoo ta'u, miseensoota waraanaa gara bira 11 waliin hilikoptaricha keessa turan. Isaan keessaayis nama lama qofaatu lubbuun hafe.
Pirezidantiin biyyattii Wiiliyaam Rutoon ibsa gaazeexessitootaaf kennaniin, kunis'' biyyattiif yeroo gudda cimaati'' jedhan.
Isaan dura ammoo mana maree nageenyaa biyyattii wal gahii ariifachiisaadhaaf waamanii ture.
Balaa hilikoptaraa kunis guyyaa keessaa sa'aatii 14:20 (11:20 GMT) irratti qaqabuu kan dubbatan pirezidantichi, humni qilleensaa biyyattiis madda balaa kanaa qorachuudhaaf garee bobbaaseera.
Helikoptarri qondaaltoota kanneen qabattee turtes battaluma ka'eetti Kaawuntii Elgeeyoo Maaraakwet jedhamu keessatti kufte cacabuu dubbatan pirezidantichi. Eddoon kunis magaalaa guddoo biyyattii Naayirobii irraa gara kaaba'lixaatti fageenya km 400 irratti argama.
Ogoolaan erga ajajaa humna qilleensaa fi itti aanaa ajajaa humnoota raayyaa ittisaa ta'un tajaajilanii booda Ebla bara darbee ture kan ajajaa waliigalaa ta'un muudamanii ture.
"Biyyi keenya generaalota ciccimoo, qondaalota waraanaa jajjaboo...dhabde," jedhan Ruuton haasaa taasisaniin.
Har'aa jalqabee guyyaa sadiif Keeniyaatti guyyoota sadiif gaddi kan labsame yoo ta'u, alaaban biyyattis walakkaa gadi sikee fannifama.
Akka ragaan marsariitii Humna Waraana Keeniyaa agarsiisutti, Jeneraal Ogoolan Ebla 24, 1984 humna waraanatti akka makaman.
Hojii loltummaasa humna qilleensaa biyyattiitti kan eegale yoo ta'u, Humna Qilleensaa US irraa balaliisaa xayyaara waraanaa ta'ee leenji'e. Bara 2018tti ammoo ajajaa Humna Qilleensa Keeniyaan ta'uun muudame.
Namoonni sagal balaa helikoptaraa kanaan du'an biroon: Birgaader Siwaalee Sa'iidii, Koloneel Daankan Keeyitaanii, Leet. Koloneel Deevid Saawwee, Ajajaa Kumaa Joorj Benson Magonduu, Shaambal Sooraa Mohammad, Shaambal Hiilarii Litaaliifi namoonni biroo sadi keessatti argamu.
Dursaan Gamtaa Afrikaa Musaa Faakii gadda itti dhagahame ibsachuun pirezidantii Keeniyaa, mootummaafi uummata Keeniyaaf jajjabinan hawwa jedhan.
Kanneen lubbuun hafan lamaan waldhaansa argataa kan jiran yoo ta'a haala yaaddessaa keessa jiru jedhame.
Qondaalonni waraanaa Keeniyaa kun kaaba biyyattii bakka waanbadoonni itti hammaatan deemanii ture. Haleellaa waanbadoonni gaggeessaniin manneen barnootaa cufaman bansiisuf garasatti akka imalantu himame.
Bara 2021ttis magaala guddoo biyyattii kan taate Naayirobotti helikoptarri loltoota fe'ee deemu qubachuuf osoo jedhuu caccabee loltooni 10 du'anii ture.