Atileetonni Itoophiyaa fi Keeniyaa ta'e jedhanii lammiin Chaayinaa akka mo'atu gochuun himataman

Atileetiin Itoophiyaa tokkoofi atileetonni Keeniyaa lama atileetii Chaayinaa dorgommii maaraatoonii walakkaa Beejiing akka mo'atu ta'e jedhanii gadhiisaniif jedhamuun qorannoon irratti gaggeefamuu eegale.

Qopheessaan dorgommii kanaa, Waajirri Ispoortii Beejiing, dhimmicha qorachaan jiraa jechuun Asoosheetid Pireesitti himeera.

Atileetiin Itoophiyaa Dajanee Haayiluu Biqilaa, atileetota Keeniyaa Roobert Kaateriifi Wiilii Naangaat, atileetiin Chaayinaa Hii Jii akka injifatu dhuma jala gahanii ariitii hir'isuun isaanii ''gocha naamusa Ispoortii hin qabneefi saalfachiisaa'' jedhamuun daawwattootan qeeqamaniiru.

Atileetotni sadan kun jalqabaa eegalee hanga dhumaatti atileetota Chaayinaa duuba fiigaa turan.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodameen gara dhuma dorgomichaatti atileetotni sadan Baha Afrikaa ariitii isaanii hiri'suun atileetiin Chaayinaa akka injifatu harkaan yeroo haasa'an mul'atu.

Dhumarrattis atileetiin Chaayinaa tapha guutuu Eeshiyaarratti maaraatooniin warqee injifate Hii atileetota kana sekoondii tokkoon dursee galeera.

Waajirri Ispoortii Chaayinaa ''qorannoo gochaa jirra. Qorannicha yeroo raawwannu bu'aasaa ifa goona'' jedheera.

Viidiyoon xumura dorgommichaa mul'isu miidiyaa hawaasaa Chaayinaa Weeboo irratti bal'inaan qoodameera. Hedduun namaa atileetiin Chaayinaa dorgommicha akka injifatu dursee haalli mijatee akka ture agarsiisa jedhu.

Namni yaada kenne tokko ''injifannoon kun Hii Jiif injifannoo isa saalfaachisaa ta'ee galmaaha'' jedhe.

Namni biraan ammoo ''dorgommii maqaa guddaa qaburratti naamusni ispoortii sadarkaa kanatti gadi bu'uun baayye nama saalfachiisa'' jedheera.

Dorgommiiwwan atileetiksii Chaayinaarratti waliindhahuun yeroo mudatu kun kan jalqabaa miti.

Bara 2018tti dorgommii walakkaa maaraatoonii Sheenzeenitti godhamerratti hirmaattota 258 keessaa walakkaa kan ta'an qaxxaamura fayyadamaniiru.

Kaameraan sochii tiraafikaa hordofuuf kaahame atileetota qaxxaamura fayyadaman, daggala keessa yoo fiigan agarsiiseera.