Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarreen Somaaliyaa fiigicha 'akka qocaatti' tirataa xumurte ijoo dubbii taate
Qondaalli ispoortii Somaaliyaa shamarree muuxannoo hin qabne 'firoomaan' dorgommii idila-addunyaa irratti akka hirmaattu taasisan hojiirraa dhorkamaniiru.
Naasiraa Abuubaakir Alii fiigicha gabaabaa meetira 100 Chaayinaatti qophaa'e xumuruuf yeroo mo'attuun dorgommichaa itti seente yeroo dachaan boodatti haftee xumurte.
Dorgommiin kuni Tapha Yunivarsiitiiwwanii Addunyaa Chaayinaan qopheessite dha.
Ministeerri Dargaggootaa fi Ispoortii Somaaliyaa qorannoo jalqabaa geggeesseen shamarreen kuni, ''ispoortii kam keessaayyuu hirmaannaa kan hin qabne akkasumas fiigduu akka hin taane mirkaneesseera,'' jedhe.
Hoggantuun Federeshinii Atleetiksii Somaaliyaa aangoo akka malee fayyadamuufi maqaa Somaaliyaa balleessuun himatamteetti.
Kahaadijoo Adeen Daahir walgahii ministira ispoortii fi Koree Olompiikii Biyyalessaa waliin taasifameen booda aangoorraa buuteetti.
Qorannoo taasifameen qaamni Waldaa Ispoortii Yunivarsiitii Somaaliyaa jedhamus hin jiru jedhameera.
Ministeerichi hogganaa Federeeshinii Atileetiksii Somaaliyaa fi qaamota biroo sobaan gareen ispoortii akkasii jira jedhan irratti tarkaanfii seeraan fudhadha jedheera.
Tahus qorannoon kuni Aadde Daahiir fi Naasiraa gidduu hariiroo jiru hin himu.
Viidiyoo mul'aterraa shamarreen kuni dorgomtoota keessaa boodatti haftee galmasheerratti akka utaaluu tahaa seente.
Shamarreen kuni dorgommii kana sekandii 21.81 irratti kan xumurte yoo tahu injifattuu dorgommichaa sakandii 10 boodatti haftee seente jechuudha.
Ministirri Ispoortii biyyatti Mohaammad Baree Mohaammuud mudannoo kana qaanessaadha jechuun ibsan.
''Waan har'a mudate waan ummata Somaaliyaa bakka bu'u miti, ummata dhiifaman gaafadha,'' jedhan.
Lammiileen Somaaliyaa miidiyaa hawaasummaa gubbaa jiran baay'een muuxannoo ispoortii homaa otoo hin qabaatiin maaliif filatamte kan jedhu gaaffii itti taheera.
''Mootummaa gahumsa hin qabne akkasii arguun nama qaanessa. Shamarree muuxannoo hin qabne akka Somaaliyaa bakka buutu maaliif filatu?'' jechuun fayyadamtuun miidiyaa hawaasummaa Elhaam Garaad barreessite.
''Biyya keenya akka hin taanetti agarsiisa,'' jette.
Waldaan Yunivarsiitiiwwan Somaaliyaa dorgommii kanaaf atileetii tokkoyyuu hin filanne jedhe.
Federeeshiniin Atileetiksii Somaaliyaa akkatti Naasiraan filamte irratti ifatti qorannoo jalqabeera jedhe.
Bara 2016'tti Olompiikii Riyoo irratti Maaryaan Nuh Musee fiigicha gabaabaa meetira 400 silaa sakandii 48 keessatti xumuramu 1.10.14 irratti tirachaa xumurte.
Tahus shamarreen kuni dorgommii sadarkaa guddaa kanarratti hirmaachuufi dhiibbaa dubartoota Somaalii irra jiru diduu isheen leellifamaa turte.
Olompiikii Landan bara 2012'tti qophaa'e irratti Zamzam Mohaammad sakandii 30 boodatti haftee galtee turte.
Shamarreen kuni namoota Somaaliyaa dubartootni ispoortii irratti hirmaachuu hin qaban jedhan ajjeesuuf doorsisuun gabaafamaa ture.