Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Intalli pirezidaantii Keeniyaa abbaa warraa argachuuf kadhachiifachuun dubbii ijoo tahe
Intalli pirezidaantii biyya tokkoo miidhagduun abbaa warraa dhabdee akka Waaqni isheef kennu uummata fulduratti baatee kadhachiifatte jedhee eenyu yaada.
Tibbana intalli pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo akka abbaa warraa argattuuf paastarii beekamaa Ameerikaa kadhatameef jennaan miidiyaa hawwaasaa irratti ijoo dubbii tahe.
Intalli pirezidaanti Ruutoo Chaarliin Ruutoo sagantaa kadhannaa uummata bal'aaf paasterii Ameerikaa beekamaa Beenii Hiniin Keeniyaa Naayiroobiitti qophaa'e irratti hirmaaateetti.
Pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoofi Giifti Duree Rakaa'el, akkasumas Itti Aanaa pirezidaantii Rigaatii Gachagu'aafi haadha warraa siaanii Dorkaas saganticha irratti argamaniiru.
Paastar Beeniin namoonni kadhannaa barbaaddan gara fuulduraatti koottaa jedhanii afeeran.
Intalli pirezidaanti Ruutoo dargaggoota irratti akka hojjedhuuf waamichan qaba waan taheef akka naaf kadhatamun barbaada jettee bakka teessuu ol kaate.
Paastar Beeniinis kadhataniif. Ammas mata duree adda tahe akka irratti siif kadhatamu qabdaa jedhanii yoo gaafatan gurra isaatti hasaasuun waa itti himte.
Innis kadhannicha itti fufe. ''Abbaa warraa waamicha kana ishee gargaaree fiixaan baasuufii kenniif. Yaa Waaqayyo dargaggeessa sana kenniif, karaa isheerraa haa dhufuuf. Kan ishee jabeessu, deeggaraa gaarii,'' jechuun Beenii Hiin kadhataniif.
''Waan hojjechuu feetu kana hundaa qofaa ishee hin dandeessu yaa waaqayyo. Dirreetti bahuun lubbuu siif booji'uu barbaaddi...kanaaf ariitiin abbaa warraa ishee barbaachisa yoo Gooftaa.''
Kadhannaan abbaa warraa taasifame kaun Keeniyaatti ijoo dubbii taheera. Kaan ni qeeqan, kaan ammoo itti qoosan. Kaan ammoo nan si fuudha jechuun gaaffii dhiyeessaniif.
“Maqaankoo Omwambaa jedhama. Oliif gadi fiigee hojjedheeman jiraadha. Yeroo kadhannaa paaster Beenii waliin taasiftu akka abbaa warraa barbaaddu argeen si gaafachuu barbaade.''
Kadhannaa fi amantaa ati kalleessa agarsiiftetti hedduu gammadeera. Waaqayyos akkan si fuudhu gara keetti na qajeelche'' jechuun namni tokko toora X [Tiwiiterii] irratti barreesse.
Kaan ammoo yaada gaarii kennan. Chaarliin Ruutoo abbaa manaa argachuuf akka Paastar Beenii kadhatuuf gaafachuun rakkoo homaayyuu hin qabu. Gaa'illi qulqullaa'aadha'' jedhe namni biraan.