Haleellaa mana hidhaa Abuujaarratti raawwatameen sirreeffamtoonni 400 miliqan

Naayijeeriyaatti mana hidhaa keessaa sirreeffamtoonni milqan

Madda suuraa, Reuters

Naayijeeriyaatti gareen hidhattootaa magaala guddoo biyyattii seenee haleellaa gaggeessun namoota 400 oli mana hidhaatee baase

Gareen ‘Hidhattoota Islaamaa’ ofiin jedhu magaala guddoo Naayijeeriyaa Abujaa seenun mana hidhaa cabsee hidhamtoota 400 oli gadi lakkisiisuun ibsame.

Aangawoonni mootummaa biyyattii akka beeksisanitti haleellaa garichi mana hidhaa irratti fudhateen eegdonni mana hidhaa afurii fi hidhatoonni garichaa heddu ajjeefamaniiru.

Naayijeeriyaa keessatti bara 2020 kaasee sirreeffamtoonni 5,000 oli mana hidhaatii akka miliqantu himama.

Kibxata darbe halkan mana hidhaa qarqara magaala Guddoo Naayijeeriyaa Abujaatti argamutti sagaleen dhukaasaa gurguddaan dhagahame.

"Daandii irratti sagalee dhukaasaa dhageenye. Hattoota hidhatantu dhukaasa nutti fakkaate. Sagalee dhukaasaa booda dhohiinsatu dhagahame. Lammata irrattis sagalee dhohiinsatu dhagahame, sadaffaanis itti fufe” jechuun jiraattonni naannichaa AFP tti himan.

Angawaan mana hidhaa akka himetti haleellaa hidhattoonni geessisaniin hidhamtoota keessaa namni 4 yoo du’u 16 ammoo madaa’aniiru.

Yeroo haleellan mana hidhaa irratti gaggeeffametti miseensota hidhattootaa ta’uun isaanii shakkamee fi hidhamtoota siyaasaa dabalatee namoota yakka gurguddaan shakkamantu mana hidhaa sana keessatti hidhamee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aangawaan mana hidhaa akka jedhetti hidhamtoonni siyaasaa warra kaan waliin mana hidhaa keessaa hin miliqne.

Yeroo hidhattoonni haleellaa gaggeessanitti hidhamtoota 1,000 ta’antu mana hidhaa sana keessa ture. Jalqaba irratti hundi isaanii bahanii turan, boodarra 443 kan ta’an qabamanii mana hidhaatti deebifaman.

Ministeerri Ittisaa biyyattii kan ta’e Bashir Magaashi ibsa gaazexeessitootaf kenneen, haleellicha kan raawwate garee Boko Harama “ta’uu hin oolu” jechuun dubbate. “Warra miliqan keessaa namoonni 64 miseensota Boko Harami. Miseensonni garichaa tokko iyyuu mana hidhaa sana keessatti hin hafne. Hundi isaanii miliqaniiru,” jechuun dubbate.

Gareen ‘Islamic State group (IS), kan maqaa ISWAP jedhuun Lixa Afrikaa keessa socho’uu fi Boko Haram wajjin hidhata qabu haleellaa kanaa anatu gaggeesse jedheera. Gareen ISWAP bara 2016 tti Boko Haram irraa foxxoqee ture. Yeroo tokko tokko namoonni garee lamaanuu Boko Haram jedhanii waamu.

Pirezidaantin Naayijeeriyaa Mohammaduu Buhaarin humni nageenya fi humni tikaa biyyattii haleellaa kana dursanii ittisuu dadhabuu isaanif komatanii jiru. Waa’ee sadarkaa eegumsa mana hidhaa yeroo sana turee fi “hidhamtoonni mana hidhaatii miliquu” gabaasa qindaa’aa ta’en barbaada jedhan.

Naayijeeriyaa keessatti nageenyi yaaddessaa ta’aa deemu fi gareewwan hidhatan humnaan nama butuun aadaa ta’aa dhufuun irraa kan ka’e mootummaa Buhaarii irratti komii guddaa kaasaa jira.