Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Sudaan itti fufee babal'achaa jiruun namoonni 200 ta'an du'an
Lola Sudaan keessatti humnoota addaa Rapid Support Forces (RSF) fi humna ittisaa biyyattii gidduutti dhalatee guyyaa sadaffaatiif itti fufeen namoonni 200 ta'an ajjeefaman.
Jiraattonni akka himaa jiranitti, magaalaa guddoo biyattii, Kaartum keessatti dhukaasni gurguddaa akkuma itti fufetti kan jiru yoo ta'u, Wixata gara magaalota biyyattii biroottis babal'ataa jira.
Lola kana keessatti loltoonni meeqa akka ajjeefaman hin beekamu, garuu reeffi daandiiwwan irratti kukkufee argama jedhu jiraattonni.
Qabeenyawwaniifi konkolaataawwan hedduunis gubataniiru.
Biyyattiin hongee hamaatiin miidhamtee wayita deeggarsi baayyee barbaachisaa jirutti lolli kun kan dhalate.
Lolli RSF fi humna waraanaa Sudaan gidduutti jalqabe kun daran babal'achaa kan jiru yoo ta'u, namoota 200 lola kanaan ajjeefamaniin alatti, 1,800 kan ta'an madaa'aniiru jedha Gamtaan Doktorootaa biyyattii.
Haalli Kaartum keessa jiru akka malee yaaddessaa ta'uu kan akkeekkachiisan hakiimonni, sababa waraanaatiin hojjetoonni fayyaafi meeshaa wallaansaa dhiyeessuun rakkisaa ta'eera.
Pirezidaantonni Afrikaa sadii rakkoo Sudaaniif fala barbaaduuf
Gaggeessitoonni naannawaa sana keessa jiran ammoo Wixata gara Sudaan deemuun lola hojii gargaarsa dhiyeessuu danqe kana akka dhaabbatu gochuuf abdatamaa jira.
Haaluma kanaan, pirezidaantonni Afrikaa sadii rakkoo Sudaan keessatti dhalateef fala barbaaduuf garasitti qajeelaniiru.
IGAD Dilbata pirezidaantota Afrikaa sadii Sudaanitti erguun humnoonni biyyattii wal lolaa jiran akka dhaaban gochuuf karoora akka qabu himee ture.
IGAD fi aanga'oonni kora karaa verchuwaal gaggeessaniin pirezidaantota Keeniyaa, Jibutiifi Sudaan Kibbaa kaartumitti erguuf waliigalaniiru.
haata'u malee, buufanni xiyyaaraa idil-addunyaa cufatee waan jiruuf mariin nagaa yoom akka jalqabu ifa miti.
Hawaasni idil-addunyaas waraanni kun akka dhaabbatuuf carraaqqii taasisaa jiru.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez Sudaan keessatti lolli dhaabbatee mariin Sudaan gara bulchiinsa siviliitti deebisuu addaan cite akkajalqabuu qabu waamicha tsaasiaa jiru.
Ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin waraanni jalqabuu isaa balaaleffachuun Gamtaan Afrikaafi gaggeessitoonni naannawaa sana jiran akka gahee isaanii ba’atan gochuu qaba jedhan.
“Ce’umsa dimokiraatawaa deebisuudhaaf carraaqqii uummanni Sudaan” taasisan cinaa UN akka dhaabbatu jedhan.
Ministirri dhimma alaa Chaayinaa ammoo waraana deemaa jiru akka isaan yaaddesse himuun, qaamoleen lamaan Sudaan keessatti wal lolaa jiran kunneen akka dubbii hammeessuurraa of qusatan gaafataniiru.
Mootummaan Ameerikaa gamasheetiin lollu kun akka dhaabbatuuf dhiibbaa gochaa jirti.
Liigiin Arabaa ammoo dhimma Sudaan keessa jiru irratti mariyachuudhaaf gaaffii Masiriifi Sa’ud Arabiyaatiin marii atattamaa gaggeessaa jiru.