Lola Sudaan keessatti deemaa jiru ilaalchisee waan beekuu qabnu

Walitti bu'insi tibbana magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum fi kutaa biyyattii birootti uumame morkii aangoo hoogantoota humna waraanaa olaanoo biyyattii gidduutti dhalatedha.

Sudaan erga fonqolcha bara 2021 hanga ammaa kan bulaa jirtu maqaa Sovereign Council [Mana-maree Walabaa yeroo Ce'umsaa] jedhuun janaraalota waraanaanidha.

Muddamni humna addaafi raayyaa ittisaa biyyattii gidduu guyyootaaf ture hammaachuun Kaartuum keessatti Sambata lolli jalqabe.

Muddamni kun karoora waraanni biyyattii bulchiinsa biyyaa warra Siiviiliif dabarsee kennuuf jedhuurratti xiyyeefata.

Humni addaa kun Rapid Support Force (RSF) jedhama. Humna kana kanhooganu ammoo pireezidantii itti aanaa Mana-maree marichaa Janaraal Mohaammad Hamdaan Dagalootiinidha.

Waraanni biyyattii ammoo Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhaaniin hoogganama.

Lola Sudaan keessatti deema jiru lubbuu galaafataa jiru kana ilaalchisee wanti beeku qabadan kunooti:

Waraanni kun duubni isaa maalidha?

Erga Onkolooleessa 2021 fonqolichi mootummaa gaggeeffamee kaasee, Sudaan mana-maree janraalootaa hogganamaa kan jirtu yoo ta’u, wal dabdee kanaaf ammoo gaggeessitoota humnoota waraanaa lamatu ka’umsa.

Janaraal Abdal Fattaa al- Burhaan hogganaa humnoota waraanaa yoo ta’u, biyyaafis piresidantiidha.

Kanaaf, ittaanaan isaafi hogganaan humna addaa (RSF) Janaraal Mohaammad Haamdaan Daagaaloo kan yeroo baayyee Hemeditii jedhamuun beekamudha.

Haata’u malee, jarri kunneen lamaan haala kallattii biyyattiin ittiin deemaa jirtuufi karoora adeemsa aangoo gara siiviliitti dabarsuu irratti walii hin galle.

Qabxii waldhabe inni guddaan karoora miseensoota humnoota addaa (RSF) 100,000 waraana biyyattii keessatti makuun isaan booda humna haaraa kana hoggannu irratti.

Lolli maaliif Sambata eegale?

Waldhabdeen kun erga miseensonni humna addaa (RSF) biyyattii keessatti irra deebiin bobbaafamanii muddama guyyootaaf uumameen boodadha.

Tarii mariin gaggeeffamuun rakkinicha furuu danda’a jedhamee abdatamee ture, garuu kun ta’uu hin dandeenye.

Sambata ganama dhukaasa jalqabaa eenyu akka eegale hin baramne, garuu ammoo haalli kun tasgabbii dhabinsa duraan ture baayyee hammeessa jedhamee yaada’amaa jira.

Dippilomaatoonnis gareen lamaanu akka dhukaasa dhaabaniif gaafataa jiru. Jaarmiyaaleen addunyaa akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Gamtaa Awurooppaafi US qaamni lachuu lola dhaabanii karaa nagaan rakkoo dhalate akka furaniif gaafachaa jiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) rakkoo Sudaan keessatti qaamoleen hoggansa waraanaa gurguddaa irra jiran gidduutti dhalate kana mariin akka furaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Humnootiin Addaa Rapid Support Force (RSF) jedhaman eenyudha?

RSF bara 2013 keessa kan hundeeffame yoo ta’u, ka’umsi isaa milishoota Janjaawid irraati.

Kaayyoon hundeeffama kanaa ammoo waraana Sudaan Daarfur keessa yeroo turetti miidhaa namoota nagaarraan gahu qolachuudhaaf mootummaa Sudaaniin hundeeffame.

Erga yeroo sanaatii kaasee, Janaraal Daagaaloon humna cimaa waraanawwan akka Yeman fi Libiyaa keessatti hirmaataniifi kan albudawwan warqee Sudaan muraasa to’atan ijaaran.

Humni RSF kun ajjeechaa namoota bara 2019 keessaa mormiif bahanii turan 120 dabalatee, mirga namoomaa sarbuudhaan himatamu.

Raayyaa ittisa biyyaatiin alatti humni cimaan akkasii jiraachun biyyattii keessatti akka madda tasgabbii dhabiinsaatti ilaalama.

Waraanni maaliif itti gaafatamaa ta’e?

Erga bara 2019tti pirezidant Omaar al-Baashiir kan baroota dheeraaf biyyattii bulchaa turan humnaan aangoorraa kaafamanii, muddama uumameen booda waraanni tibbanaa kun taatee haaraadha.

Aangoo pirezidant Omaar al-Baashir kan gara wagga 30’f ture akka dhuma godhatuuf mormitoonni hedduu daandiitti bahuun waamicha taasisaa turan. Boodarra waraanni aangoorraa isa buusuuf fonqolcha gaggeesse.

Haata’u malee, siiviloonni karoora gara bulchiinsa dimokiraasiitti ceesiisuu keessatti gahee akka qabaataniif gaafachuu itti fufan.

Kanaanis moorummaan waloo waraanaa fi siivilii hundeeffamee ture, garuu innis Oknkolooleessa 2021 keessa fonqolcha biraatiin aangoorraa kaafame .

Erga yeroo sanaatii kaasee wal dhabdeen Janraal Burhaan fi Janraal Daagaalo jidduu jiru cimaa deeme.

Booda ammo waliigalteen aangoo deebiisanii siiviilitti kennuu Mudde keessa taasifamu illeen, marii adeemsicha xumuruu osoo hin milkaa’iin hafe.

Amma maaltu ta’uu mala?

Waraanni kan itti fufu yoo ta’e, biyyattii caalaa bittinsuun rakkoo siyaasaa caalaa cimsuu mala.

Dippilomaatoonni kanneen aangoon harka siiviliitti akka deebii’uuf gahee olaanaa bahaa turan, janaraaloonni lamaan akka mari’ataniif karaa barbaachuutti ko’ommatu ta’a.

Kun yoo haala kanaan itti fufee, lammiilee Sudaan nagaatuu bara tasgabbii dhabiinsaa kan biraa keessa jiraachu dirqama ta’a.