Humnoonni Sudaan aangoof wal-hadhan waan itti jiran

Humni waraanaa Sudaan humnoota addaa Raappid Saapport Foors (RSF) jedhaman irratti ol aantummaa argachaa akka jiru dubbachaa jira.

Sadarkaa amma haalli biyyattii keessa jiruun humna isa kamitu isa kam irratti ol-aantummaa argataa jira kan jedhu qama walaba ta’een mirkaneeffachuun garuu rakkisaadha.

Humni Waraanaa Sudaan ibsa Dilbata baaseen “sa’aatiin injifannoo dhiyoodha,” jedhe.

“Lubbuu lammilee nagaa garee milishaa RSF lubbuu namaaf dhimma hin qabne kanaan darbeef araara kadhanna… Yoo Waaqayyo jedhe namoota keenya dhibamaniifi sabboontotni keenya yeroo dhiyootti aaga ni dhaga’u,” jedha ibsi humna waraanaa Sudaan kun.

Waraana halkan guutuu gaggeeffamaa buleen humni waraanaafi RSF adduma adda isaaniin buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Kaartuum fi bakkawwan murteessoo akka to’atan dubbatu.

Jiraataan bagaalaa Kaartuum akka jedhutti, humni waraanaa Sudaan RSF Kaartuum keessa jiran irratti kan xiyyeeffatee haleelaa jiru fakkaaata.

Qorataafi xiinxalaan imaammataa Inistitiyuutii Tahiriir Hamiid Kalaafallaah humnoonni Sudaan magaalattii keessatti wiirtuuwwan RSF haleelaa waan jiru fakkaata jedhe.

“Yeroo hirribaa kaanu dhukaasa gurguddaafi haleellaawwan ciccimoo dhageenye. Daqiiqaadhuma 20 dura sagaleen jeettii waraanaa gurguddoo hollaa keenyarra daddarbuufi boombii bakka gara garaatti darbatu sagaleen ni dhaga’ama ture. “Humni waraanaa Sudaan bakkawwan milishoonni RSF buufatan irratti xiyyeeffachuun rukkutaa jira,” jedhe namni kun.

Lolli Sudaan keessatti jalqabe kun akkamiin jalqabame? Dhimmi duuba jiru hoo maalidha?

Yeroo Sudaan waraanaan raafamaa jirtu kanatti doktoroonni biyyattii ammo gargaarsaaf, akkasumas akka hawaasni idil-addunyaa gidduu seenuuf waraana kana dhaabsisuuf iyyachaa jiru.

Hawaasni idil-addunyaas waraanni kun akka dhaabbatuuf carraaqqii taasisaa jiru.

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez Sudaan keessatti lolli dhaabbatee mariin Sudaan gara bulchiinsa siviliitti deebisuu addaan cite akkajalqabuu qabu waamicha tsaasiaa jiru.

Ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin waraanni jalqabuu isaa balaaleffachuun Gamtaan Afrikaafi gaggeessitoonni naannawaa sana jiran akka gahee isaanii ba’atan gochuu qaba jedhan.

“Ce’umsa dimokiraatawaa deebisuudhaaf carraaqqii uummanni Sudaan” taasisan cinaa UN akka dhaabbatu jedhan.

Ministirri dhimma alaa Chaayinaa ammoo waraana deemaa jiru akka isaan yaaddesse himuun, qaamoleen lamaan Sudaan keessatti wal lolaa jiran kunneen akka dubbii hammeessuurraa of qusatan gaafataniiru.

Mootummaan Ameerikaa gamasheetiin lollu kun akka dhaabbatuuf dhiibbaa gochaa jirti.

Liigiin Arabaa ammoo dhimma Sudaan keessa jiru irratti mariyachuudhaaf gaaffii Masiriifi Sa’ud Arabiyaatiin marii atattamaa gaggeessaa jiru.