Haleellaa Beerutiin booda Hezboollaan Israa'elitti rookkeettii 250 dhukaase

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Israa'el akka gabaasetti Hezboollaan daangaa Libaanos irraa rookkeettiiwwan 250 itti dhukaaseera. Fulbaanatti erga muddamni gidduu isaanii jabaatee haleellaan Hezboollaa kuni isa jabaa dha jedhameera.
Kaabaafi gidduugala Israa'elitti namoonni baayyeen yoo miidhaman gamoowwan immoo manca'aniiru, gariin isaanii kan Teel Aviivitti siqanii argamanidha.
Haleellaan kuni isa Israa'el gaafa Sambataa gidduugala Beeruut irratti haleellaa qilleensaa raawwatteen booda dhagahame. Haleellaa Beeruutiin yoo xiqqaate namoonni 29 ajjeefamu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.
Gaafa Dilbataa miidiyaaleen Israa'el lola milishaa Iraaniin deeggaramu Hezboollaa wajjin adeemsifamu dhaabuuf Libaanosiifi Israa'el gara waliigaltee dhukaasa dhaabutti adeemaa jiru jechuun gabaasanii ture.
Rookeettiin Libaanos irraa dhukaafamuun booda poolisiin Israa'el caccabaan rokeettii naannoo Teel Aviivitti kukkufee argamuu himeera.
Haleellaan kallattii ollaa tokkorra bu'e ''manneen gubee balleesseera,'' jedhe Humni Ittisaa Israa'el.
Hezboollaan haleellaa gidduugala Beeruutitti raawwateef deebii akka kennu kan hime yoo tahu Teel Aviiv irratti xiyyeeffachuun kaampii waraanaa lama irratti akka dhukaase hime.
Humni Waraanaa Israa'el boodarra haleellaa qilleensaa 12 wiirtuuwwan ajajaa Hezboollaa Daahiyeh irratti raawwachuu himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerri Fayyaa Libaanos gaafa Dilbataa lakkoofsi namoota lubbuun darbee 20 hanga 29 akka tahu hime. Haleellaa Israa'el akeekkachiisa malee gaafa Sambataa raawwatteen walumaagala namoonni 84 ajjeefamaniiru.
Humni Waraanaa Israa'el dhimma kanarratti yaada kennuu baatullee miidiyaaleen Israa'el haleellicha qondaala olaanaa Hezboolaa Mohaammad Haaydar ajjeesuu irratti kan xiyyeeffate ture.
Israa'el lola Hezboollaa waliin taasifatuun jiraattonni 60,00 kaaba Israa'elirra buqqa'an akka deebi'aniifi jetti.
Libaanositti Onkololeessa 2023 irraa qabee namoonni 3,670 kan ajjeefaman yoo tahu yoo xiqqaate 15,400 kan tahan madaa'aniiru. Akka qondaalonni Libaanos jedhanitti kanneen miiliyoona tokkoo ol tahan immoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.
Over the past fortnight, Israel has intensified its campaign against Hezbollah.
Torban lama darbanitti Israa'el haleellaa Hezboollaa irratti taasiftu cimsiteetti. Gaafa Dilbataa immoo miidiyaan Israa'el Kaan jedhamu Israa'el Hezboollaa dhukaasa dhaabuuf yaada US dhiyeessite fudhattus ammallee garaagarummaan jira.












