Filisxeem biyya walabaa akka hin taane maaltu danqaa ta'e?

Madda suuraa, Reuters
Biyyoota addunyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)dhaan beekamtii qaban 193 keessaa Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 143 Filisxeem biyya walabaa ta'uusheef ifatti beekamtii kennaniiru.
Biyyoonni Afrikaa, Baha Giddu Galeessaafi Eshiyaa hedduunsaanii Filisxeemiif beekamtii kennaniiru.
Biyyoonni michoota US fi Israa'el ta'an duraan biyymmaa Filisxeeiif beekamtii osoo hin kenniin turan warri akka UK, Faransaay, fi kaan ammoo kora UN Fulbaana 2025 gaggeeffamerratti kennaniiru.
Israa'el garuu tarkaanfii michootashee kana mormiteetti.
Caamsaa 23, 2024, akkuma kana biyyoonni Awurooppa sadii: Ispeen, Ayirlaandiifi Noorweey waliin ta'uun ibsa kennaniin Filisxeemiif ifatti beekamtii kennaniiru. Kunis wal-dhabdee Israa'elifi Filisxeem jaarraa ol ta'eef furmaanni Filisxeem biyya walabaa of dandeesse yoo taate qofaadha kan jedhuuni.
Biyyoonni Awurooppaa sadan waliin ta'uun biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu hordofee Israa'el ambasaaddarootashee Ispeen, Ayirlaandifi Noorweey irraa gara biyyaatti waamteetti.
Minstiira Dhimma Alaa Israa'el kan ta'an Israa'el Kaatz: "Ispeen, Noorweeyifi Ayirlaand Hamaas [garee] lubbuu namaa galaafatu, shamarran gudeedufi daa'imman gubuuf medaaliyaa warqee badhaasuuf murteessuu isaanii seenaan isaan yaadata.
Israa'el kana calliftee bira hin dabartu- tarkaanfiinsaanii kun balaa cimaa qaqqabsiisu qaba," jechuun biyyoota sadaniif deebii kennan.
Waldhabdee kanaaf yaanni furmaataa Two State Solution: Israa'elifi Filisxeem biyya of-danda'an lama ta'anii akka itti fufan ta'uu qaba kan jedhu dhiyaachuu erga eegalees walakkaa jaarraa ol-ta'eera.
Haata'u malee, kun milkaa'uu dhabuusaaf Israa'eliifi Filisxeem quba walitti qabu.
Biyyoonni addunyaa hedduu walabummaa Filisxeemiif beekamtii kennuunsaanii Filisxeem biyya walabaa taasisuuf maaliif gahaa ta'uu dhabe? Danqaawwan gama Israa'eliifi Filisxeemin jiran maalidha?
Biyyi tokko walabummaa qabaachuf ulaagaa maal guutuu qabdi? Odeessii kun gaaffii ijoo kana deebisa.
Hundeeffamuu Israa'elifi rakkoo Filisxeemota mudate
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Israa'el bara 1948tti yeroo hundooftu kan Yihudootaafi Filisxeemotaa jechuun Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Filisxeem bakka lamatti hire. Murtee UN kana Israa'el gammachuun yoo simattu Filisxeemonni hin fudhanne.
Kun ammoo Waraana Israa'eliifi Arabootaa isa jalqabatti isaan geesse. Waraana kanaan Filisxeemonni 750,000 ol ta'an qe'eesaanirraa buqqa'an.
Addumatti ammoo, waraanni Israa'eliifi Arabootaa bara 1967 (Waraana Guyyaa Jahaa) jedhamuun beekamu kan Israa'el caalmatti olaantummaa itti agarsiifatte ta'e. Waraana kanaan Israa'el Joordaan irraa Weest Baankifi Yerusaalem fudhatte. Masirii irraa gammoojjii Siinafi Gaazaa yoo fudhattu Sooriyaa irraa gaarren Goolan fudhatte.
Waraana Israa'el-Arabaa bara 1973 booda Masiriifi Israa'el walii galtee waliif mallatteessaniin, Masiriin Israa'elif beekamtii yoo kennitu, Israa'el ammoo Gammoojii Siinaa bara 1967 qabatte Masiriif deebiste. Weest Baankifi Baha Yerusaalem Jordaaniif hin deebisne, Filisxeemonni biyya walabaa akka ijaarrataniifis hin hayyamne.
Warraaqsa uummataafi sochii hidhannoo Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) waggootaf taasiseen, gaggeessan dhaabbatichaa Yaasir Arafaatifi Ministeera Muummee Israa'el kan turan Yisaaq Raabin bara 1993 giddu seentummaa Ameerikaan Oslotti harka wal-fuudhan.

Madda suuraa, AFP
Israa'elis Filisxeem biyya akka taatuf, Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeemis Israa'eliif beekamtii kennuu qofa osoo hin taane, Israa'el irratti hokkaraafi haleellaa homaatuu akka hin gaggeessine waliif galuun waliif mallatteessan. Kunis Waliigaltee Osloo jedhamuun beekama.
Sababa waliigaltee kanaan Bulchiinsi Filisxeem (Palestinian Authority) kan amma Weest Baank bulchaa jiru akka hundaa'u ta'e. Gaggeessaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem kan ture Yaasir Arafaat biyya baqaarraa gara Ramaalatti deebi'e.
Israa'elii fi Filisxeem biyya walabaa of-danda'an lama ta'anii ollaa gaarii walii ta'uuf waggaa 30 dura, Waliigaltee Osloo waliif mallatteessanis hanga har'aa Filisxeem biyya hin taane.
Yisaaq Raabin ajjeefamuufi Netaaniyaahun gara aangotti dhufuu
Ministeera Muummee duraanii Israa'el kan ta'aniifi Israa'elifi Filisxeem gidduutti dhiigni dhangala'uun bara lakkoofsise karaa nagaan akka xumuramuuf Waliigaltee Osloo Yaasir Arafaat waliin waliif mallatteessan Yisaaq Raabiin leellistoota Israa'el kanneen waliigalticha hin barbaanneen ajjeefaman.
Duuti Yisaaq Raabiin wantoota yaada furmaata biyya walabaa lama duubatti akka harkifatu taasisan keessaa tokko akka ta'etu himama.
Yisaaq Raabiin ajjeefamuu booda hanga filannoon gaggeeffamutti muummee ministiiraa kan ta'e Shimoon Pereez ture.
Yisaaq Raabiin aangawoota Filisxeem wajjin walii galuunsaanii wal-tajjii idil-addunyaatti danuu akka jajaman isaan taasise. Kuni garuu Israa'elota hunda hin gammachiifne. Gaggeessitoota paartii mormituu yeroo sanaa Likuud Paartii kan ta'an kanneen akka Beeniyaamin Netaaniyaahufi Itaamar Beengaavir fa'aa walii galtee Oslotti baay'ee hin gammanne.
Inumaayyuu Yisaaq Raabin Filisxeemiif beekamtii kennee Israa'el gane jechuun irratti qorataa akka turaniifi ajjeechaa Yisaaq Raabiin keessaa harka akka qaban barruun The Times of Israel gabaasee ture.
Beeniyaamin Netaaniyaahun ministeera muummee ta'anii aangootti dhufuunsaanii ammoo abjuun walabummaa Filisxeem akka quucaru taasise.
Isaan inumaayyuu Filisxeem biyya ta'uu hin qabdu jedhanii nama ifatti falmaniidha. Kun ammoo utubaa hundeeffama paartiisaanii- Paartii Likuuditi.

Madda suuraa, EPA
Beeniyaamin Netaaniyaahuu bara 2023 Kora Waaliigalaa UN irratti dhiyaachuun dubbii taasisaniin: "Filisxeemonni nagaan akka jiraatu yoo feetan jalqaba jibba Yihudootaf qabdan of keessaa dhangalaasaa. Dhumarrattis biyya Israa'el wajjin araaramaa," jechuun dubbatanii ture.
Filisxeem biyya walabaa ta'uu hin qabdu jechuun sababoota Israa'el dhiyeessitu keessaa tokko "yaaddoo nageenyaati".
Filisxeem biyya taatee walabummaa labsatti taanan, gola shororkeessitoonni keessa dhokatan taati kan jedhu yeroo heddu dhiyeessiti.
Wal-dhabdee Faataafi Hamaas gidduu jiru Israa'eliif carraa uume
Waliigalteen Osloo Israa'eliifi Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) gidduutti mallattaa'uu hordofee Bulchiinsi Filisxeem (Palestinian Aurhority) Weest Baankifi Gaazaa bulchuu eegale.
Haata'u garuu, garaagarummaa paartilee Filisxeem: Faataafi Hamaas gidduutti mudateen Hamaas Gaazaa humnaan qabatee Faataa achii hari'e.
Lamaansaanituu Israa'el irratti ilaalcha faalla qabu. Paartiin Faataa kan Pirezidaant Mohaammad Abbaasin gaggeeffamuufi Weest Baank bulchaa jiru, akkaataa waliigaltee Osloo bara 1993 mallattaa'en Israa'el biyya akka taate beekamtii ni kennaaf.
Hamaas, Gaazaa kan bulchuufi amma Israa'el wajjin lolatti kan jiru, Israa'eliif beekamtii hin kennu. Walabummaan Filisxeem mirkaneessuf hidhannootti amana.
Gaggeessaa Ittaanaa Damee Siyaasaa kan ta'e Musaa Abu Maarzuk, "Gaggeessitoota siyaasaas ta'ee gaggeessitoonni waraanaa [Hamaas] kaayyoo ummata Filisxeem kan ta'e- walabummaa Filisxeem yoomiyyuu irraa duubatti hin deebi'an," jechuun bara 2023 BBC'tti dubbatanii ture.
Keessumaa Hamaas bara 2006 erga Gaazaa to'atee jalqabee ijjannoo siyaasaa qabateen Israa'el wajjin irra deddeebin lola keessa galeera. Kun ammoo Israa'el waliigaltee Osloo- kan walabummaa Filisxeem hayyamu-hojiirra oolchuuf "Hamaasirraa yaddoo nageenyan qaba" akka jettuuf haala mijataa uumeefiira.
Hamaasiifi Bulchiinsi Pirezidaant Mohaammad Abbaas tokkummaa dhabuufi ilaalcha siyaasaa garaa garaa qabaachunsaanii waloon ta'anii Israa'el walabummaa Filisxeem akka hojiitti hiiktu dhiibbaa gochuu hin dandeenye.

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi Filisxeem Mohaammad Abbaasin hogganamu Israa'el irratti dhiibbaa geessisuuf humna dippilomaasii hin qabu jedhamee hamatama. Akkasumas malaammaltummaan kan xaxameedhas jedhama.
Mootummaan Beeniyaamin Netaaniyaahus yanni furmaataa biyya walabaa lama: Israa'eliif Filisxeem ykn waliigalteen Osloo akka hojiirra hin oolleef carraa argate hundatti akka fayyadamuufi tokkummaa dhabuun paartilee Filisxeem gidduu jiru haala mijata akka uumeef qeeqxonni MM Netaniyaahuu ni himu.
Abrahaam Barg dubbi himaa Paarlaamaa Israa'el turan. Hamaas Gaazaa keessatti jabaatee akka jiraatu kan godhe Beeniyaamin Netaniyaahudha jedhanii qeequ.
"Bulchiinsa Filisxeem Weest Baank keessa jiru dadhabsiisuf, Gaazaa keessatti Hamaas humnaafi diinagdeen akka jabaatu kan godhe Netaaniyahudha," jechuun Weest Baank keesatti Filisxeem walaba taate akka hin hundoofne Hamaas akka kardii farra nagaatti akka dhimma itti bahamu BBC'tti himanii ture.
Kun ammoo Hamaas Gaazaa hanga bulchaa jiruttiifi Israa'el baduu qabdi jedhee amanu hanga hin dhiisnetti, biyyi Filisxeem jedhamtu ijaaramuu akka hin dandeenye sammuu lammiilee Israa'el heddu keessatti akka ijaaramu gargaarera.
Haleellaan Hamaas akkamitti yaada walabamummaa Filisxeem iddoo kufee kaase
Baatii onkoloolessaa keessa Hamaas daangaa Israa'el seenun haleellaa gaggeessuu hordofee waraanni Israa'el Gaazatti bante lubbuu namoota nagaa heddu galaafate.
Namoonni heddu Gaazatti du'uu hordofee hawaasa Idil-addunyaarraa rorroofi komiin Israa'el irratti ka'u dabalaa deemera.
Israa'el manneen murtii idil-addunyaatti yakka waraanafi duguuggaa sanyiin hanga himatamtutti ishee geessisera.
Kana qofa osoo hin taane, wal-dhabdee Israa'eliifi Filisxeemif furmaanni waaran yaadi biyya walabaa lama (Two State Solution) jedhu kan duraan qabbanaa'ee ture deebi'ee wal-tajjiiwwan idil-addunyaarratti akka ka'u ta'eera.
Israa'el haleellaa Gaazatti namoota nagaarratti raawwattu dhaabdee yaada furmaata biyya walabaa lama- kan Israa'eliifi Filisxeem of danda'anii, biyya ta'anii waliin jiratan, akka hojiirra oolcjhituuf dhiiban godhamaa jira.
Yaadi furmaataa kun akka hojiirra oolu biyyoonni heddu deeggarsa qaban agarsiisaa jiru.
Ispeen, Noorweeyiifi Ayirlaand waliin ta'uun ibsa kennaniin Filisxeemif beekamtii kennuusaanii hordofee biyyoonni kaanis yeroo mijataa ta'etti akka ifa godhan beeksisaa jiru.
Kun qabatamaan hojiitti hiikamaa? kan jedhu gaaffii cimaadha. Akkaataa Walii-galtee Monteviidiyoo bara 1933 mallattaa'etti, biyyi tokko biyya ta'uuf ulaagaalee afur guutuu qabdi: uummata, mootummaa, daangaa ifa ta'eefi waliigalteewwan taasisuuf dandeettii qabaachuu kan jedhuudha.
Kanneen keessaa ulaaga jalqabaa, ummata, kan jedhu Filisxeem akka guuttu barruun Biloombarg gabaasee ture. Uummanni Filisxeem lakkoofsan miliyeena heddu ta'an Weest Baankifi Gaazaa keessa jiru waan ta'eef.
Haata'u garuu, Mootummaan Filisxeem Weest Baank bulchaa jiru aangoo murta'aa waan qabuuf guutummaan guututti of danda'ee bulchaa hin jiru.
Gama daangaanis yoo ta'e guutummaa Weest Baankifi Gaazaa kan to'atu Israa'eliidha.
Gama biraan ammoo Filisxeem walaba akka taatuf fedhii fi hayyamni Israa'el jiraachun barbaachisaadha. Ammatti mootummaan Beeniyamin Netaaniyaahuu gaaffii kana dhagahuu waan barbaadu hin fakkaatu.












