Galchii Ronaaldoo 901ffaan Porchugaal Iskootilaand mo'atte

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii Neeshinsi Liigii Poorchugaalii fi Iskootilaandi gidduutti gaggeeffameerratti Roonaaldoon galchii injifannoo biyya isaaf lakkoofsise.
Kunis isaaf galchii 901ffaa lakkoofsise ta'ee galmaa'eera.
Iskootilaandi galchii taphataa duraanii maanchister Yuunaayitid Iskoot Maaktoomineen dursa qabatanis taphataan Maan Yuunaayitid Buruunoo Fernaandez galchii wal qixxeesituu lakkoofsise.
Roonaaldoon jijjiiramee galuun galchii lakkoofsisuun Poorchugaal 2-1 mo'achuun gabatee ramaddiishee dursaa jirti.
Buruunoo Fernaandes taphoota 22 leenjisaa Poorchugaal Roobertoo Maartinez jalatti taasise irratti galchii 10 lakkoofsisuun kubba galchii tahan 11 ammoo mijeessee kenneera.
Kanaan taphataan isatti siqu hin jiru. Roonaaldoon tapha boqonnaa boodaa irratti irratti jijjiiramuun dirree seene.
Yeroo lama kubbi gara galchiitti yaale poolii rukutuun deebi'ee sadaffaa irratti galchii lakkoofsise.
Tapha kana irratti Roonaaldoon rikardii galchii hedduu waliigalaa dursuu itti fufuu qofa osoo hin taane biyya isaafis galchii lakkoofsisuun rikardii isaa fageessaaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Roonaaldoon dorgommii biyyi isaa Poorchugaal biyyoota kaan waliin taasifteen hanga ammaa biyyoota 48 irratti galchii lakkoofsisuun namani isa gitu hin jiru.
''Anatu rikardii cabsuu barbaada osoo hin taane rikardiitu na barbaada'' jedhe Roonaaldoon.
Umurii isaa waggaa 39'n ammayyuu gahumsa gaarii irratti argama.
Miiltoon isaa duraanii Luukaa Moodirich galchii injifannoo Kirooshiyaaf lakkoofsisuun Poolaandiin mo'atan. Innis ammatti waa'ee soorama bahuu yaadaa hin jiru. Humni sun ammayyuu na keessa jira.
Gaafan humnaa fi abidda keessakoo sana dhabun soorama baha jedhe.
Buruunoo Fernaandez ammoo guyyaa dhaloota isaa waggaa 30ffaa guyyaa kabajatu irra galchii lakkoofsise.
Iskootilaandi tapha Poolaandi waliin taasisan irratti daqiiqaa dhumaa irratti irratti lakkaa'amuun 3-2 mo'amanii ture.
Taphoota 14 keessaa kan mo'achuu danda'an tapha tokko qofaadha.
Ispeen ammoo Iswiizerlaandi waliin taphachuun 4-1 mo'atte.
Ispeen daqiiqaaa 20ffaa irratti taphataa sarara ittisaa Noormaandi jedhamu kaardii diimaan dhabde.
Garuu isa dura galchii lama lakkoofsisuun 2-0 dursaa turte. Ergasii Iswiizerlaandi galchii tokko lakkoofsiftus shaampiyoonaan Awurooppaa Ispeen 4-1 mo'atte.
Lamiin Yamaal ammas kubba tokko mijeessee kenneera.
Faabiyaan Ruyiz galchii lama yoo lakkoofsisu Feran Tores galchii arfaffaa lakkoofsise.
Ispeen waancaa neeshinsi Liigii bara darbes mo'atteetti. Ammas garee ishee keessaa lammaffaa irra jirti.












