Itoophiyaatti gabateen konkolaataa hundaa mallattoo ''ETH'' fi "ኢት" qofa taasifamuuf ta'a

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaatti qajeelfamni konkolaatoonni galmaa'an hundi mallattoo gabatee ''ETH'' fi "ኢት" jedhu qofaa fi kaartaa Itoophiyaa irra jiru akka qabaatan taasisuu ragaasifame.
Qajeelfamni Ministeera Geejiibaafii Loojistiikiin bahee kun mallattoo naannoolee fi bulchiinsoota magaalaa adda addaa yeroo ammaatti gabatee konkolaattootaa irratti mul'atu hin hammanne.
Ministeerichi sanada gosawwan lakkoofsa gabatee konkoolaattoota Itoophiyaa fi murteessuu mallattoolee fi qajeelfama kenniinsa tajaajilaa 1050/2017 jechuun ragaasisuu beeksiise kana irratti gabateen konkolaattoota biyyattii akka jijjiramu ibseera.
Sababii ijoon gabatee lakkoofsa konkolaattootaa itti jijjiruun barbaachiseef, akka waliigalte idil-addunyaa Itoophiyaan mallatteessite buu'uurreeffatuu fi qaawwa hojiimaata ture, badii qabeenyaa akkasumas gabateewwan sobaa to'achuuf ta'u ibseera.
Haala qajeelfama lakkoofsa 1050/2017 gosawwan gabatee lakkoofa konkolaattootaa fi murteessuu mallattoolee akkasumas kenniinsa tajaaliilaa haaraa kanaatti, lakkoofsi gabatee guutuu Itoophiyaatti hojiirra oolan kan wal fakkaatu akka ta'u labseera.
Qajeelfama Ministeerri Geejiibaa fi Loojistiikii baasee kutaa lama keessatti,waa'ee gabatee lakkoofsa konkoollaattootaa fi mallattoolee jechuun akka eerameetti, gabatee lakoofsa konkolaataa hundaa mallattoo ''ETH'' jedhuufi kaartaa biyyattii qabaata.
''Konkolaattoota biyyattii keessatti galmaa'an hunda irratti gabatee lakkoofsaa maxxanfamu irra kaartaa Itoophiyaafi mallattoo addaa haaluma waliigaltee addunyaa biyyattiin raggaasifteetiin 'ETH' jedhuu akkasumas qubee Amaariffaatiin "ኢት" jedhu taasifama.''
Dabataanis ministeerichi haalli kenniinsa gabatee lakkoofsaa qubee Laatiin sadii fi lakkoofsa afur fayyadamuun lakkoofsa walitti aananiin gabateen akka oomishamu akka taasifamu qajeelcha kanarratti ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerichi gabatee lakkoofsaa haalluu fi qubeedhaan alatti wayita oomishamaniitti mallattooleen icciitii odeeffannoo to'annoofi galmeef tajaajilan kennan akka qabaatan akka taasifaman ibse.
Haala qajeelfama kanaatti, gabateewwan lakkoofsaa kunneen abbaa qabeenyaa konkolaataa, tajaajila kennanii fi haalli fayyadama anniisaa akkasumas mallattoolee biraas akka qabaatan eerameera.
Haaluma kanaanis gabateen lakkoofsaa konkolaattoota humna anniisaa haroofamuun hojjatanii kan kaaniin addatti barreeffama mallattoo ''geejiba magariisa (Green Transaport)'' jedhu akka qabaatu qajeelfamicharratti kaa'ameera.
Kana malees, namoonni ''gabatee lakkoofsaa adda ta'e'' barbaadan haaluma gaaffii dhiyeessan ''irratti hundaa'uun addatti kennamuuf akka danda'u'' qajeelfamni ministeerichaa kun ni mul'isa.
Gosti gabatee lakkoofsa konkolaataa Ministeerri Geejibaa fi Loojistikii ifa taasisee haaraan kun konkolaattoota kanaan dura galmaa'an irrattis hojiirra kan oolfamu ta'a.
Konkolaatoonni qajeelfamichi osoo hojiirra hin oolfamiin dura galmaa'an ''gabatee duraanii qaama galmeessuuf deebiisuudhaan gabatee lakkoofsaa haaraa'' fudhachu akka qaban qajeelfamicha irratti ibsameera.
Gabateen haaraan kunis kan fudhatamus haaluma ''karoora yeroo ministeerichi qopheessuun'' akka ta'e qajeelfamichi dabaluun ibseera.
Konkolaataan jalqabaa yeroo Itoophiyaa itti seenee kaasee konkolaataaf gabatee lakkoofsaa kennuun akka eegalme kan himamu yoo ta'u, erga yeroo sanaatii asi yeroo garaa garaatti gabateen lakkoofsa konkolataa jijjirameera.
Gabateen lakkoofsa konkolaataa bara aangoo Hayilasilleesee ture erga Dargiin aangoo qabateen booda kan jijjirame yoo ta'u, kan bara Dargi turte ammoo bara ADWUI'tti jijjirameera.
Yeroo ammaa kanatti gabateen lakkoofsa konkolaattootaa hojiirra jiru konkoolaattoota waajiraalee mootummaa 'ETH' jedhu qaban muraasaan alatti, kaan qubee naannoolee fi bulchiinsa keessa socha'aniitiin gabatee lakkoofsaa kan qabaniidha.












