Dubartiin obboleettiishee afaan naachaa irraa baraarte badhaafamuufi

Dubartiin obboleettiishee lakkuu naacha abootteedhaan dhooftee nyaatamurraa hambsite badhaasa medaaliyaa mootii UK'n kennamu King's Gallantry Medal argachuufi.

Joorjiyaa Laawurii nama ganna 31 yoo taatu bara 2021tti obboleettiishee Malisaa wajjin Meeksikootti otoo bishaan daakanii naacha itti dhufe fuula keessa dhahuun obboleettishee baraarteetti.

Obbolaan ergasii hospitaalatti kan yaalamaa turan yoo tahu Malisaan naasuu guddaarraan kan ka'e dhiibbaan dhiigaashee gadi bu'ee eeyyama hakiimaan of wallaaltee akka turtu taasifameera.

Malisaan, ''ani nama carra-qabeettii dha, waan hamaa sana keessaa bahuun waan salphaa miti,'' jette.

Badhaasa mootii nama hojii gootaa dalageef kennamu kana keessatti dabalamuushee dhagahuun booda, ''xalayaan yeroo na gahu baayyeeman nahe sababiinsaa kana hin eegne ture,'' jette Joorjiyaan.

''Seenaa kana kan adda taasisu Malisaan jabina guddaan keessa bahuusheeti. Isheetu jabina waa loluu naa kenne, '' jetti obboleettishee baraarteen.

Waggaa sadii dura yeroo waan kuni mudate miidhaa naachi irraan gaheen Malisaan harkasheerra caba qabdi ture akkasumas garaafi miilasheerra madaa hamaa qabdi ture. Joorjiyaanis akkasuma harkashee ciniinamtee ture.

''Yeroon hammuma fagaataa deeme, miirrisaa hir'isaa deemeera,'' jette.

''Deebitee immoo waan akkasii mudateera jettee gaafa ilaaltu waan ajaa'ibaa akka tahetti yaadatta,'' jetti.

''Yeroo waa'eesaa yaaddu fiilmii nama sodaachisu fakkaata, garuu qaamuma jireenya keenyaati.'' jette Malisaan

Obbolaan lakkuu kuni UK bulchiinsa Baaksheer irraa yoo tahan, yeroo balaan mudate Meeksikootti laga daakaa ifa lubbuu qabeeyyii lagicha keessa jiraniin uumamu ilaaluuf eegaa turan.

Obbolaan bara 2021tti Meeksikoo kan deeman bashannanaafi eegumsa bineeldotaatti hojii tola-ooltummaa hojjechuuf ture.

Hagayya dhufu obbolaan kuni dorgommii bishaan daakaa irratti hirmaachuun qarshii walitti qabanii dhaabota fayyaa sammuuf kennuuf jiru.

Wal-dorgommii bishaan daakaa kanaan gara Yuroo 4,000 walitti qabuuf kaayyeeffataniiru.