Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistoonni naacha ofiin of ulfeessite arganne jedhan
Saayintisoonni kan jalqabaati kan jedhame naacha ofiin of ulfeessite jedhan arguu isaanii beeksisan.
Naachi kun kan argamte Kostaarikaa, bakka bineeldonni keessa jiraatan keessattidha.
Micireen ykn dhalli naachi kun ofiin of ulfeessitee godhatte kun qacceen sanyii (DNA) yeroo qoratamu harka dhibba keessaa 99.9 ishuma waliin wal fakkata jedhameera.
Ulfi naacha kanaa kun "osoo durbummaan jirtuu dhaluu" jedhamuun taatee waamamudha.
Wanti akksii kun gosoota simbirroota, qurxummiifi bineensota lafarra lo'an (repitaayiloota) irratti kan argamee beeku ta'us naacha irratti garuu kun kan jalqabaati.
Saayintistoonni amalli akkasii kun naacha durii jijjiirama tirannaa (evolution) keessaa kan dhaalame ta'uu akka danda'u tilmaamuun, kanaanis daayinoosaroonni dandeettii ofiin ofii isaanii ulfeessuufi horuu qabaachuu akka danda'an eerameera.
Bu'aan qorannoo kanaa Jornaala Baayoo-daayivarsiitii Royaal Sosaayitii irratti maxxanfameera.
Micireen kun bara 2018 bakka beeyladoonni keessa jiraatan Paark Reeptilaaniyaa jedhamu keessa naacha Ameerikaa umurii waggaa 18 qabdurraa dhalate.
Ulfi naacha kana keessa tures guutummaan guutuutti bifa naachaa qabaatus lubbuun akka hin jiraanne ibsameera.
Naachi ofiin of ulfeessite kun kan argamte osoo waggaa lama jirtuu yoo ta'u, naachawwan biroorraa adda baatee jiraachaa turte, ammas qofuma jiraachaa jirti.
Dhimma kana irratti saayintistiin buleessiifi garee saayinitistootaa Paarkichaa dhalataa Beelfaast ta'e Dr. Waaren Buuz dubbateera.
Dr. Waaren saayinsiidhaan 'Paartenojeneesi jedhamuun beekamu "durbummaan osoo jiranii dhaluu" irratti waggoota 11f qorachaa tureera.
Qorataan kun ulfa erga qorateen booda harka dhibba keessaa 99.9 haadha waliin qaccee sanyii (DNA) kan walfakkaatu akka ta'eefi abbaa akka hin qabne mirkaneesseera.
Wanti inni argate kun akka isa hin ajaa'ibne duubbateera.
"Shaarkota, simbirrootaa, bofaafi loocuuwwan irratti wanti akkasii ni mul'ata. Taateen akkasii kun haala nama ajaa'ibuun kan barameefi babal'atedha," jedhe.
Naacha irratti Paartaanoojenesis kanaan dura sababa hin mul'anneef namoonni wanta kana naacharra barbaaduu irraa kan ka'e ta'uu tilmaamaa isaa ka'eera.
"Namoonni bofa akka horii manaatti yeroo kaawwatanitti ofii ofiisaaniin akka horan (Paarteenojenoosiis) jiraachuu gabaasaaleen jiraachuu argineerra.
Naachi ammoo akka horii manaatti waan hin mul'anneef kana hin argine," jedheera.
Akka yaadaatti Paarteenojenesiis kan uumamu sanyii baduutti dhiyaateefi lakkoofsi isaanii hir'atan birattidha.