Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee ajaa'ibsiisoo bineensota kolfanii isinii kofalchiisan kanaan bohaaraa
Suuraaleen bineensotaa kunneen Badhaasa bara 2021'tti dorgommiidhaaf dhiyaatan keessaa kan filatamaniidha.
Tokkoon tokkoo suuroota kanneenis haala ykn mallattoo ajaa'ibsiiisaa wayita bineensonni agarsiisan kan kaafamaniidha.
Biineensi asiin gadii tunis ammoo of gadhiiftee kofaa jirti fakkaata.
Dorgomtonni badhaasa bara sanatti suuraalee bineensota taatee addaa osoo raawwatanu addunyaa mara irraa kaafamaniitu irratti dhiyaate.
Dorgommiin Badhaasa Suuraalee Biineensoota kunis oggeessota suuraa fi falmitoota eegumsa naannoo Pool Jooyinsan Hiiksi fi Toom Sulaamiin jalqabe.
Dabalataanis, dorgommichi gammachuu namatti uumuusaatiin alatti, eegumsa bineensota daggalaa irratti ergaa barbaachisaa dabarsu irratti kan xiyyeeffate ture.
Suuraalee bara sanatti dorgommicha injifataniifi gammachu isiniitti uumuu danda'an keessaa muraasni kunooti:
Suuraan asiin gadii kunis ganama keessa Andiriiw Maayeesiin Afrikaa Kibbaatti kaafame.
Suuraan kunis Andii Paarkinsaniin Baha Raashiyaa keessatti kaafame. Bineensi tunis mee takka haa shubbiifnu kan jettu fakkaatti.
Aaa aaa! Machiin kaleessaa ammalleen narraa hin gallee jechaa jirti fakkaata kan jettu oggeettiin kaameeraa, Aniitaa Rooz, suuraa kana Ameerikaa Kaalifooriniyaatti kaafte.
Gama biraatiin ammoo biineentiin asiin gadii tun qaamashee guutuu muka keessa galchuun miilashee alatti baaftee waan tuffii agarsiisaa jirtu fakkaatti.
Suuraan kunis Biruuk Burliingiin Ameerikaa Wiiskoonsin keessatti kaase.
Yeroonsaa kan taphaa osoo hin taane kan itti mana barnootaa galaniiti, jechuun bineentiin tun ilmooshee kan harkistu fakkaatti jedha namni suuraa kana kaasee Chee Kee Te'o.
Suuraan kuni kan kaafame Singaapoor keessattidha.
Mee eenyuu caalaa akka ol utaaluu haa ilaaluu. Suuraan qurxummii kunis nama Chuu haan Jiin jedhamuun Taayiwaan keessatti kaafame.
Jaldeessi kunis waan kolfaan gaggabee fakkaata. Suurichis Saawudi Arabiyaa keessatti nama Kileemanti Gu'inaard jedhamtuun kaafame.
Shubbisa qamalee ajaa'ibsiisaa kana agartanii beektuu? Kan hanga koo shubbisuu beektuu isin jettuu fakkaata.
Suuraa ajaa'ibsiisaan kunis Indiyaa bakka eegumsa bineensotaa Taadobaa Andhaarii jedhamuutti Saaroosh Loodhiin kaafame.
Qeerransa qoraan laaqanaaf cabsee galaa jiru fakkaatu kunimmoo Paarkii Biyyaalessaa Jiim Korbeeti kan biyya Indiyaa keessatti Sidhaanti Agraawaaliin kaafame.
Maaloo akka leencaa kabajamaatti suuraa na kaasi jechaa kan jiru fakkaata kan jedhu oggeessi suuraa Wenonaa Suydaam Ameerikaa Alaaskaa bakka Kodi'ak jedhamutti suuraa kana kaase.
Haalli bineensi kun itti taa'ees kan suuraa kaafamuuf itti yaaduun qophaa'ee ciise fakkaata.