Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Maaloo na hin kofalchiisin': Suuraalee beeladotaafi bineensotaa filatamoo
Kolfi fardaa kun nama Deeviid Poznaantar jedhamuun kaafame. Fardi kuni ba’aa ykn fe’umsa hin komadhu jechuun kan seeqaa jiru fakkaata.
Ykn ammoo tarii suuraa akka kaafamaa jiru baruun fuula gammachuu agarsiisuuf ta’innaa laata?
Egaan akkuma torbanoota kanaan duraatti, har’aaf suuraalee bineensotaa fi beeladoota isin bohaarsu jennee yaadne isiniif filanneera.
Suuraalee kanneen keessaa muraasni isaanii kan nama kofalchiisan, kan nama qaanessan, kan nama gammachiisan, kan nama ajaa’ibsiisan fa’iidha.
Haata’u malee, hundi isaanitu akka seeqtan isin gargaara jennee yaadna.
Haaluma walfakkaatunis, hordoftootaa isnis suuraa nama bohaarsu kan kaftan yoo qabaattan nuuf ergaa.
Nutis deebiifnee ni maxxansina. Kanaafu maqaa keessan, bakka irra nuuf ergitaniifi yoom akka suuricha kaftan nutti himaa.
Oggeettiin suuraa Meemfiis Moreey, hantuunni lamaan kunneen osoo wal dhungatanii kaafte.
Tarii jaalala jalqabaa irraa turanii laata?
Ogeettiin suuraa tunis hantuunni kunneen osoo tapha hin eegaliin dura wal hammatanii osoo wal dhungataa jiranu kaafte.
Bineensi kunneen qurxummii sooratun jiraatu. Suuraa Joorjii Kaatkaart kaasee kana irrattis, bineensa kana keessaa inni tokko waan dhagahee kan amanuu dadhabee, ykn waan baay’ee nahe fakkaata.
Kanaafuu fuulli inni tokkoonsaa agarsiisaa jirus kan 'maal jettee?' jechuun waan dhagaheen kan nahe fakkaata.
Suuraan kun ammoo fuula haadhoofi ijoollee bineensota daggalaa gosa adurree fakkaatan agarsiisa.
Isaaniis muka keessa turan keessaa gara alaa ilaaluuf akka daa’ima wal dhiibaa osoo jiranuu kaafaman.
Ijoolleen bineensa tanaas erga guddataniin booda naannawa keessa jiraataniin wal baruuf kan muddaman fakkaatu.
Bineensi bishaan keessaa kunneen ammoo Kaaliforniyaa Elkhorn Slough keessatti haalaan bashannanaafi waliin baacaa kan jiran fakkaatu.
Wal dhabuurra maal qaba osoo ‘‘irbaata wal affeerree waliin bashannannee hin wayyuu?’’ kan waliin jedhan fakkaattu jedhan suuricha kan kaasan SAI Andii Haaris.
Adurreen tunis maqaanshee Kaaseey jedhama. Bashannanaa waan jirtu fakkaata.
Kanas yeroo hunda akka raawwattuu oggeessi suuraa Koorinaa Haardweer himu.
‘‘Eddoo ishee kana baayyee kan jaalattu fakkaatti’’ jedhan.
Ogeessi suuraa Rolaandi Kiraaniz suuraa kanaaf mata duree ‘‘Si argadheera’’ jedhaniin. Suuraan kunis Kaaba Ameerikaa keessatti kaafame.
Kun kan miira waan murteessaa tokko osoo hin raawwatiin daggatte agarsiifte fakkaata.
Birigitaa Moosar nama jedhamanitu suuraa binneentii tanaa Afriikaa Kibbaa keessatti kaasan.
‘Ohhh! Maaloo maaloo akka malee dhukkuba’ kan jedhu fakkaata.
Suuraa kanas Keen Jeenseen nama jedhamutu bara 2016'tti osoo maatii isaanii waliin bashannana irra jiranii Chaayinaatti kaasan.
Suuraan kuni dorgommii suuraalee ajaa’iboo bineensotaa injifatee ture.
''Haalli qamaleen kun irra ture baay'ee kan dhukkubaa jiru ta‘u agarsiisa’’ jedhan Keen.