Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee filatamoo fakkeenya ‘Tokkummaa’ ibsan
BBC’n Ingiliffaa mata’duree ‘Tokkummaa’ jedhu jalatti hordoftooti suuraalee kaasan akka erganiif gaafate.
Kanneen hordoftoonni addunyaa mara irraa BBC’f ergan keessaa mata duree Tokkummaa jalatti kan har’aaf filanne kunooti akka armaan gadiitti isniif qindeessineera itti bohaara.
Elzaabeet Ispeer: ‘‘Sibrroowwan kunneen caama ganamaa keessatti Haroo Niiw Zilaand keessatti walitti dhiyaachuun ija keessaa wal ilaalaa tokkumaa saanii agarsiisaa tura.’’
Koristofar Isonkzaak: ‘‘Yaaddannoowwan yeroo waliin akka gaaddidduu darba waliin dabarsuun, garuu sammuu keessatti kan hanga bara jireenyaa nama waliin turudha’’ jedha.
Piitar Kitaanoov ruumeecha Masrii lama kanneen Bulgaariyaa lafa turtii biineensota dagalaa Soofiyaatti suuraa kaase. Isaanis kan gurratti iccittii waliitti himaa jiran fakkaatu.
Kaatileen Anni O’Doneel suuraa haadha warraafi abbaa warraa galaan cinaatti kaafame kana BBC’f ergite.
Riichaard Hugees suuraan kun imala ‘‘keenya jalqabaa haadha warraa koofi ilama koo waliin kibba qarqara galaanaa kan cirrachaan hagugamee dhaqne. Miilli ilmakoo hangam xiqqashu akka tureefi guyyoota addaa maatii koo waliin dabarsine yaaddachuuf kan kaaseedha,’’ jedhan.
Kaatii Daaltan: ‘‘Akkuma namoota kaan biraatti tibba weerara Coviditti maatiin keenya wal argaa hin turre. Garuu ammoo bu’aa bahiin Liid Yunaayiti garuu ergaawwan WhatsAppiifi viidiyoo yoomu hin dagatamne akka goonu nu taasisee ture.
''Yeroo kubbaan miilaa deebii’ee eegaluutti UK guutuudha bakka jirruu waliitti qabamnee waliin dhaabbanne akka suurarra jiru kanaatti,’’ jetti.
Vivek Sundar: ‘‘Garaatti baachuu baatiiwwan 22, guddisa wagga afur fi kunuunsa bara jireenyaatiin booda, walitti dhufeenyi ykn tokkummaan haadhoo harbaafi ilmoo jidduu jiru baayyee cimaadha.’’
Iyiriin Goombaak suuraa kana Haawaa’ii dhahoo voolkaanoo Haaleakala biratti kaafte.
Ian Biraash: ‘‘Namaafi saree guddisan jidduu wal hubannoo cimaatu jira. Kunis dhimma walitti fufiinsaa fi qabatamaan walitti dhufeenya sareefi nama isa guddise jidduutti mul’atudha.’’
Vaahe Saabonshiyaan: ‘‘Suuraa intalaafi saree keenyaa mana keessaan kaafameedha. Sareen tunis yeroo intalli keenya dhalattu kan wagga sadii turte. Battalumatti tiksitu ishee taate. Yeroo hunda ishee maddiidhaa hin dhabamtu. Ija ishee keessa mil’attis. Dhiheenya kanas wagga 15ffaa isheetti saree keenya tana du’aan dhabneerra. Manniifi qalbiin keenya baayyee duwwaa akka ta’eetti nutti dhagahamaa jira.’’
Suuraan kun Mikaa’eel Haandeelmaan, qarqara Galaana Atilaantikii Faransaayiitti daakaadhaaf osoo imalaa jiranu kan kaaseedha.
**Mirgi abbeentaa suuraalee hundi kan eegameedha.