Qonnaan bulaa naacha isa ciniine ciniinuun of oolche

Taateen kun biyya Awustiraaliyaatti mudate. Qonnaan bulaan naacha isa ciniine deebisee ciniinuun lubbuun ooluu isaatti 'ani carra qabeessa'jechuun dubbataniiru.

Koliin Deverooh naacha 3.2m dheeratu, bakka Norzarn Teeritarii jedhamuufi bishaan ashaboo qabu keessa jiraatuun erga ciniinamanii baatii tokkoof hospitaala turan.

Akka ABC’tti himanitti, naacha isaan ciniine deebisanii ciniinuun lubbuu oolfatan.

Qonnaan bulaan kun akka jedhanitti, osoo baatii darbe naannawa laga Finiis dallaa ijaaruu adeemanii haroo bilaabong jedhamu bira dhaabatani.

Isaan qurxummii arganii ture. Yeroo kanatti naachi miila isaanii mirgaa bute. Na raase jechuun ibsan. Achii bishaanitti isaan fudhate.

Naachicha ciniinuu isaanii dura jalqaba miila bitaan naachicha dhidhiituu ABC’tti himani.

''… tasuma ilkaan kiyyaan qola ija naachaa ciniine. Baay’ee jabaata, akka gogaa ciniinuuti.''

Eegasii battala gara konkolaataa isaaniitti baqachuu himani. '' ... yeroo muraasaaf - tarii meetira fur ta’a - na ari’e, achii dhaabbate.''

Qonnaan bulaan kuni fooxaafi fo’aa fuudhanii miilaa isaanii dhiigaa ture hidhuu dubbatu. Eegasii obboleessi isaani 130km oofee Hospitaala Royaal Daarwin jedhamu isaan geesse.

‘’Osoo [naachichi] bakka biraa na ciniineera ta’e silaa wana biraatu ta’a ture,’’ jedhan.

‘’Waanin dalagaa ture jijjiiruun qaba jechuudha. Biyya lafa jiidhaa sana keessa imalaa dallaa ijaaraa jiraachaan ture, kuni ija naaf bane.’’

Akka qondaala bulchiinsa gadii naannichaatti, indastirii bakkee Noorzarn Teeritarii jedhamutti naachi baay’ee barbaachishaadha.

Seeraaniis eegumsi ni taasifamaaf. Madda turizimiif dabalatee oolu.