Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Reeffi kiyyeessaa qurxummii bade garaa naachaa keessaa argame
Namichi lammii Awustiraaliyaa osoo qurxummii kiyyeessaa jiruu bade tokko reeffisaa garaa naachaa keessaa argame.
Namni kun hiriyyootasaa wajjin qurxummii kiyyeessaa turee osoo hin baramiin achumaan bade. Booda garaa naacha keessatti argame.
Keeviin Daarmoodiin yeroo dhumaaf kan mul’ate gaafa Sanbataa iddoo Keeneedii Beend jedhamu bakka mandhee naachaa Kaaba Kuwiinslaanditti ture.
Barbaacha guyyaa lamaan boodas poolisiin naacha lama ajjeesuun haftee reeffa namicha kanaa argate.
Reeffi kun kan eenyu akka tahe ifatti adda hin baafamne, garuu poolisiin barbaachi nama ganna 65 kanaan ''dhumnisaa gadda’’ taheera jedhe.
Daarmoodiin kiyyeessaa qurxummii muuxannoo qabu yoo tahu, naachi lameen metira 4.1 fi 2.8 dheeratan lafa inni yeroo dhumaaf turetti Wiixata rasaasaan ajjeefaman.
Hafteen reeffa namaa naacha isa tokko keessatti qofa argamus qondaalonni bineensota bosonaa garuu lammaan isaaniitu nama kana irraa balaa hin qaqqabsiisiin hin oolle jedhan.
Hiriyyaan nama kana wajjin kiyyeessaa tures miidhaa qaqqabe akka hin agarre himuun, ta'us garuu iyya ta'e booda sagalee guddaa dhagahuu gabaase.
‘’Gadi fiigaan itti deemus kophee siliippariisaan malee faanasaa argachuu hindandeenye," jedhe.
Kaaba Awustiraaliyaatti naachi baay'inaan argamus, miidhaan qaqqabsiisu garuu guddaa hin turre. Kuwiinsalaand keessatti duuti Daarmoodii 13ffaa yoo tahu waa'ee dhimma kana galmeessuun bara 1985 jalqabe.
Bara 1974 adamoon naachaa dhorkamuun booda lakkoofsi naachaa Kuwiinslaand 5000 irraa gara 30,000tti guddate.