Ogeessi dhiitoo kiiloo ja'aa ol qaama shamarree waggaa 19 irraa muran maal jedhu?

Shamarreen umuriinshee amma ganna 19 taate tun godina Buunnoo Beddelleetti dhalattee guddate. Ijoollee wayita turtetti dhiitoon xiqqaan qaama ishiirratti kan mul'ate.
Maatiin shamarree kanaa dhiitoo xiqqaa waliisaa hin beekamne kana yaalchisuuf mana yaalaa dhihoo isaanii jirurraa hanga hospitaalota gurguddootti waliin rakkataa turan.
Hospitaala naannoo isaanii jirutti baqaqsanii yaaluun ijoollummaatti isheef taasifamee turus dhiitoon kun guutumatti hin dhabamsiifaminiif hafe.
Baqaqsanii yaaluu kanaan booda dhiitoon kun haalan guddachaa dhufuun yeroo umuriinshee waggaa 13 ta'u yaala fooya'aaf hospitaala rifaraalaa Yunvarsiitii Jimmaatti yaalii argachaa turte.
Dhiitoon kun dugda gama mirgaatirraa eegaluun bobaa jala dabalatee harmashee gama mirgaa guutumatti dhuunfachuun garmalee guddatee jilbashee bira gahe.
Hospitaalota Xuqur Ambassaa fi Yekaatit 12tti Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluu Pilaastikii kan ta'an Dr. Geetaaw Alaamnee, shamarreen kun tibbana yeroo yaalaaf gara isaanii dhuftu uffata uffachuufuu hedduu akka rakkattuu fi haala ulfaataa keessa turuu BBC'tti himan.
"Isheedhaaf uffata uffachuunuu baayyee rakkisaadha. Uffanni isheedhaaf mijatu hin turre. Dhiitoon kun baayyees ulfaata. Sana irratti ammoo foolii qaba. Kanaaf dararama hamaa keessa turte," jechuun haala shamrreen tana mudate ibsu.
Torbee lamaan dura yaaliidhaaf gara Hospitaala Xuqur Ambassaa kan dhufte shamarreen kun, dhiitoon kun guddaa ta'uusaatiin ogeessonni baqaqsanii yaaluu hojii kanaaf kan mijatu Hospitaala Yekaatit 12tti akka hojjetamu murteesine jedhan.
"Dhiitoon kun guddaa waan ta'eef, sana irratti ammoo bakka dhiitoon kun irraa muramee ka'e guutuu kan barbaadu waan ta'eef bakka hojii kanaaf mijatu hospitaala Yekaatit 12 filanne" jechuun ibsu.
"Ogessonni Hospitaala Xuqur Ambassaa shamarree kanaaf kunuunsa gaarii godhaniifii gara hospitaala Yekaatititti ergan.
Isaaf isaan galateeffachuun barbaada. Anattis himanii ani ammoo asitti isaan simadhee waan barbaachisu mijeessinee baqaqsanii yaaluu kana hojjenneef" jedhan Dr. Geetaaw.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baqaqsanii yaaluun dura qorannoon taasifame dubartiin kun dararama hamaa dabarsuushee hubachuu waan dandeenyeef waaqnis nugargaaree baqaqsanii yaaluu milkaa'aadhaan dhiitoo kana guutumatti irraa dhabamsiifne jechuunis himu.
Baqaqsanii yaaluu sa'aatii afur fudhate kanaan qaama shamarree kanaarraa dhiitoo ulfaatina kiiloo ja'a caalu qabutu dhabamsiifame.
"Dhiitoo kana guutumaan guutuuti, akka deebi'ee bakka hin buune goonee kaasne. Erga isa kaasnee lapheesheerraatti foon guddaa ka'e bakka buusuu hojjenne" jedhan.
Erga baqaqsanii yaaluu kuni taasifamee guyyoota muraasa keessattis dubartiin kuni haala fooyya'aa keessa jiraachuu fi hospitaalichumatti hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeran.
Dhiitoon akkanaa sirna narvii qaama namaa jala jiranirrraa kan ka'uufi afaan saayinsiin Niwuroofabromaatoosis jedhamuun kan beekamu.
"Dhiitoon niwuroofabromaatoosis jedhamu kun dhiitoo guddaadha. Qaama namaa bakka adda addaatti uumamu danda'a. Fuularratti naannoo ijaatti yeroo uumamu dandeettii arguu dhabamsiisa" jedhan.
"Naannoo gurraatti yoo bahe dhageettii dhabamsiisuu danda'a. Sirnoota gurguddoo qaamni namaa raawwatu miidhee rakkoo uumuu danda'a" jedhan ogeessi kun.
Dhiitoowwan akkanaa yeroo hedduu garmalee guddachuudhaan dhukkubsataa sana miidhu malee carraan gara kaansariitti jijjiiramuu daran gadi aanaa akka ta'es himu ogeessi kun.
Dhibeewwan akkanaa uumamaan kan dhufuu danda'an malee dhiibbaa haala naannoo fi sababoota biroo ittiin namatti dhufa jedhamanii eeraman hin jiru.
Kana malees dhiitoon akkanaa kuni bal'inaan kan mudatu ta'uu baatus wiirtuuwwan dhiitoon akkanaa itti yaalaman muraasa waan ta'aniif hospitaalota isaan hojjetanitti dhukkubsattoonni akkanaa inuma jiru jedhan.
Dhiitoon qaama namaa bakka adda addaatti bahuun saffisaan guddatuu fi dhukkubsataa irratti dararama hamaa geessisu kuni baqaqsanii yaaluudhaan fayyuun kan danda'amu waan ta'eef namootni dhibee akkanaa qaban gara dhaabbilee fayyaa dhufuu qabu jechuunis dhaaman.












