Jimmaatti xannachi kg 15 ulfaatu garaa dhukkubsataa keessaa baafame

Madda suuraa, Dr Dhabesa Mosisa
Gareen wallaansa baqaqsanii yaaluu jiddugala fayyaa Yunivarsiitii Jimmaatti garaa dhukkubsataa kaansarii tokko irratti taasiseen xannachi kiiloograama 15 ulfaatu baafamu oggeessoonni hospitaalichaa BBCtti himan.
Xannacha kana baasuufis sa’aatii torbaafi wallakkaa akka itti fudhate garee wallaansa kana taasisee keessatti kan hirmaatan Dr Dhaabasaa Moosisaa BBCtti himan.
Dr. Dhaabasaan giddugala fayyaa Yunivarsiitii Jimmaatti, sub-specialistii kaansarii garaa keessaa (Gastrointestinal surgeon) yoo ta’an, “garaa dhukkubsataa kaansarii retroperitoneal sarcoma jedhamuun qabame garmalee rakkattaa ture keessaa xannachi kiiloogaraama 15 ulfaatu kun bahe. Wallaansa kanarratti garee hakimoota ogummaa gara garaa qaba afur hirmaachisuun xannachi kun milkaa’inaan bahuu danda’eera,” jechuun BBC’tti himaniiru.
Dhukkubni kaansarii retroperitoneal sarcoma jedhamu kunis gosa kaansarii garaa keessa ta’uun kutaa gara dugda duubaatii kaasee kan uumamu yoo ta’u, amala baayyee guddachuu qabaachuu dubbatu Dr. Dhaabasaan.
Dhukkubsataan ganna 40 erga dhibee kana ofirratti argee waggaa tokko guutuu himus, ragaan qorannaa isaa garuu sanaa ol turuu akka mul’isu himu Dr. Dhaabasaan. “Qaamni dhibeen kun itti uumames bakka wallaansa baqaqsanii yaaluutiif rakkisaa ta’e keessaa isa tokkodha,” jechuun dubbatu.
“Erga wallansa baqaqsuu eegalleen booda guutummaa kalee karaa mirgaafi korojoo hadhooftuu qabachu hubanne. Kanaafuu, isaan walumaan citanii bahan” jedhan Dr. Dhaabasaan. “Keessatti yoo hafe seelii dhibee kanaa fudhatee hafa waan ta’eef,” qaamni inni qabate marti wajjumaan akka baafame ibsu.
Qaama garaa duubaan jiran mara adda baasanii xannachicha bira gahuunuu rakkisaa ta’u kan himan oggeessi kun, ‘‘Yeroo baqaqsuun illee dhiigni hedduu akka hin dhangalaaneef of-eeggannoo cimaa barbaachisa’’ jedhu.
Giddugala fayyaa Yunivarsiitii Jimmaatti wallaansi kaansarii tokko hojjechuuf yoo murteeffamu, dursanii garee ogeeyyii adda addaa waliin madaallii ogummaa hunda-galeessaa (multi-disciplinary evaluation) akka taasisan dubbatu, Dr. Dhaabasaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haluma kanaan, gareen wallaansaa baqaqsanii yaaluu kana hojjetes kan hakimoota tajaajila baqaqsanii wal’aanuu kennan gara garaa: ispeeshaalitii garaa keessaafi tiruu (sub-specialties of gastrointestinal surgeon and hepatobiliary surgeon), hakiimii waliigalaa (general surgeon) fi ispeeshalistii qoricha hadoochaa (anesthesia specialist) of keessatti haammachuu dubbatan Dr. Dhaabasaan.
“Yaala baqaqsanii wal’aanuu sa’aatii torbaafi wallakkaa fudhate kanaanis xannachi kiiloogiraama 15 ulfaatu milkaa’inaan baheera; kunis akka Itoophiyaattis ta’ee akka keenyatti xannaxha guddaadha,” jedhu ogeessi kun.
“Osoo garaa keessa ta’ee salphaadha; xannacha hangana ulfaatu kutaa qaama garaa duubaa-retroperitoneal keessaa baqaqsanii baasuun ni ulfaata. Hidda dhiigaa gurguddaa fi narvii ciccimoo adda addaatu jira. Isaan hudumarraa gadhiisisnee baasuun rakkisaa ta’ulleen garuu milkiidhaan xummurre.
Dhukkubsataanis of baree, haasa’uu danda’eera,” jechuun haala ture BBC’tti himanDr. Dhaabasaan.
Dhiibee kaansarii garaa keessaa sadarkaan ammaa kanarra gahe yeroo hedduu biyya alaatti ergu malee biyya keessatti yaalii baqaqsanii wal’aanuu kennuun akka hin danda’amne kaasan, Dr. Dhaabasaan.
Kutaan wallaansa kaansarii Giddugala Fayyaa Yunivarsiitii Jimmaattis dhiyeenya hojii eegaluu kan dubbatan Dr. Dhaabasaan, xannacha kaansarii kutaa qaamolee gara garaatiin walqabatee sadarkaa akkasii irra gahee, osoo dhukkubsataan hin miidhamiin baqaqsanii wal’aanuun milkaa’aa kana kennuunis isa jalqabaa akka ta’e BBC’tti himan.
Dhukkubsataanis sadarkaa amma irratti argamuun gutuummaatti fayyeera jechuu akka hin danda’amneefi yaalaa fi hordoffiin itti fufiinsa qabu akka barbaachisus himan.
“Dhibeen kaansarii kamuu, keessattuu sadarkaa kana irra erga gaheen booda kan wallaansi baqaqsanii yaaluu taasifameef carraa deebi’ee biqiluu qabaachuu danda’a. Kanaaf, itti fufinsaan hordoffii gochuun yaalli qorichaa ‘chemotherapy’ jedhamu kan seelii kaansarii kana qofa adda baasuun rukutu akkasumas wallaansa cararii (radiotherapy) kennuun wal’aanna. Yaaliiwwan hafan kanneenis kan naannoo waggoota lamaaf ittifufinsaan hordofnu ta’a,” jedhu Dr. Dhaabasaan.
Dhukkubsattoonni yeroodhaa osoo wallaansa argatanii carraan seeliin kaansarii wallaansaan booda deebii’ee biqiluu gadaanaa akka ta’e himu oggeessu kun.
Sababoonni dhukkuba kaansarii fidan maal fa’i?
Akka dhibeewwan kaanii sababa kanatu dhibee kaansarii fida waanti jedhamu akka hin jirre kan dubbatan Dr. Dhaabasaan, sababoota dhibee kaansarii fiduu malan akka armaan gadiitti eeran.
“Rakkoolee naannoo kan akkaa faalama qilleensaa, nyaata madaalawaa dhabuu, sigaaraa xuuxuu, alkoolii dhuguu kunneen hundi waloon sababoota dhukkuba kaansarii ta’uu danda’u; kunis ‘multi ‘etiologic factor’ jedhamuun beekama,” jedhu oggeessu kun.

Madda suuraa, Dr Dhabesa Mosisaa
Gorsa ogummaa maal qabdu?
“Nuti akka ogummaa keenyaatti yeroo baay’ee dhukkubsattoota sadarkaa hamaarra gahan ennaa arginu keessi keenya baay’ee miidhama,” kan jedhan Dr. Dhaabasaan, “namni tokko osoo gaafuma dhiitoo garaa isaarratti argu atattamaan mana yaalaa dhufee hagas nu hin rakkisu ture. Wallaanamaanis salphaatti yaalamee fayyuu danda’a,” jechuun BBC’tti himan.
Akkuma waliigalaatti, dhukkubsattoonni kaansarii Itoophiyaa keessaa qorichuma xinnoo fudhachuun taa’uufi gara wallaansa aadaa fi amantaa akka deeman kan kaasan ogeessi kun, erga sadarkaa dhumaa irra gahanii booda gara mana yaalaa akka dhufan himu. Kunis ammo sadarkaa lubbuu dhukkusataa balaarra buusuu danda’uudha jedhu Dr. Dhaabasaan.
“Gama keenyaan wallaansi kaansarii beellamas ta’e dabarees kan eegsiisu waan ta’eef, yeroodhaan gara mana yaalaa deemuun yaalamuun barbaachisaadha’’ kan jedhan ogeessi kun, “boordiin kaansarii ogummaa hunda- galeessaa (multi-disciplinary) irraa waloon hundaa’uun Yunivarsiitii Jimmaatiin beekamtiin kennameefiira.
''Torbanitti guyyaa tokko walgahuun haala kamiin yaaliin dhukkubsataaf kennamuu akka qabnurratti mari’achuun hojjenna,” jechuun akkamii gareen akka hojjatan himu.
Wallaansi kaansarii Gidduugala Yunivarsiitii Jimmaa biyya Beeljiyeem waliin wal ta’uun geggeeffamaa jiraachuun kan himan Dr. Dhaabasaan, gara fuulduraatti humna meeshaa fi ogeessootaan cimfachuun jidduugalicha akka biyyaattilleen safartuu ga’umsaa ykn standard gochuuf karoora qabaachuu BBC’tti himaniiru.












