Waliigalteen Itoophiyaa- Somaalilaand Gaanfa Afrikaatti maaliif ijoo dubbii ta’e?

Namoota Somaaliyaa waliigaltee Itoophiyaa-Somaaliland mormuun bahan

Madda suuraa, Reuters

Dhimmi Ministirri Raayyaa Ittisa Riippablika Somaalilaand kan akka biyya walabaatti of ilaaltu, waliigaltee wal-hubannaa falmisiisaa tibbana Itoophiyaafi Somaalilaand gidduutti taasifameen wal qabatee aangoo gadhiisuu taatee haaraa dhagahameedha.

Abdiiqaanii Mohaamuud Ateeyee waliigaltee wal-hubannoo Somaalilaand biyya ollaa ulaa galaanaa hin qabne Itoophiyaaf ulaa galaanaa kennuuf taasifameen dura kaabineen ministirootaa mariisifamuu qabu ture jechuun aangoo gadhiisan.

Somaaliyaan kan Somaalilaand akka qaama daangaasheetti ilaaltu ammoo waliigaltee Amajjii 1,2024 raawwatameetti aaruudhaan, ''gochaa dubbii barbaaduuti'' jette.

Akkasumas, US fi Gamtaan Afrikaas tokkummaa daangaa Somaaliyaa deeggaruudhaan qaamoleen hundi akka muddama qabbaneessaniif waamicha taasisan.

Waliigalteen maal ture?

Waliigalteen hooggantoonni Itoophiyaafi Somaalilaand waliif mallatteessan ifatti hin taasifamne.

Kun ammoo qaamoleen lamaan waliigaltee wal-hubannoo sanaan maal irratti akka waliigalan ilaalichiisee akka wanti garaa garaa himamuuf karaa bane.

Waliigalteen wal-hubannoo fedhii kan agarsiisu malee waliigaltee seera qabeessa miti.

Haata’u malee, wanti ifaa fakkaatuu tokko, Somaalilaandiin karaa buufatasheetiin ulaa galaanaa daldalaa Itoophiyaaf kennuuf qophiidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu ammoo buufata kam irraan akka ta’uu danda’us ifaa miti.

Akkasumas, kallattiin waraanaas jira. Somaalilaand garee qarqara galaanaashee humna galaanaa Itoophiyaaf kireessuu akka dandeessu himte. Kunis Finfinneedhaan mirkanaa’eera.

Deebii isaatiif ammoo Somaalilaand Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan milkaa’aa ta’e keessaa qooda argatti.

Garuu ammoo dhimmi ifa hin taane Itoophiyaan Somaalilaand akka biyya walabaatti beekamtii ni kennitiif moo ni dhiifti kan jedhudha.

Waggoota 30n erga koloniin Biritish duraanii Somaaliyaa dhiisee bahee keessaa biyyi gara biraa Somaalilaandiif bekkamtii kennee gara biraa hin jiru.

Guyyaa waliigalteen wal-hubannoo sun mallatteeffametti, Pirezidantiin Somaalilaand Muusee Biihii Abdii, waliigaltichi qaama Itoophiyaan gara fuulduraatti adeemsa keessa Somaalilaand akka biyya walabaatti beekmtii kennuu kan hammatu ta’uu himan.

Itoophiyaan garuu kana hin mirkaneessine. Bakka isaa, yaalii maalummaa waliigalteen wal-hubnnoo ibsuuf taasifamerratti, mootummaan Itoophiyaa Amajjii 3, 2024 irratti waliigaltichi "kutaawwan…yaaliiwwan Somaaliilaand ittiin beekkamtii argattu irratti xinxala gadi-fagoo taasisuu fudhatuu‘‘ kan hammatu ta’uu hime.

Maaliif kun walfalmisiisaa ta’e?

Somaaliyaatiif, Somaaliilaand qaama daangaa isheeti. Kanaaf, biyya biraa waliin waliigaltee taasifti jechuun ykn hayyama Moqaadishoo malee waliigaltee seenuu jechuun rakkoo cimaadha.

Guyyaa waliigaltichi itti mallattaa’een booda, Somaaliyaan gochicha akka gocha ‘‘dubbii barbaaduuti’’ jechuun ibsuudhaan, nagaafi tasgabbii kan balleessuudha jette. Akkasumas, Ambaasaadara ishee Finfinnee irraa waamte.

Dilbata ammoo Pirezidantiin Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaammud ‘‘biyya keenya ni eegganna, waan barbaachisaa ta’e hundaan ni eegganna. Michuu nu gargaaruuf fedhii ta’e hundarraas deeggarsa ni gaafanna,’’ jedhan.

Akkasumas, dargaggoonni ‘‘biyyasaanii eeguudhaaf akka qophaa’aniif’’ waamicha taasisan.

Torban darbe waliigalticha mormuudhaaf hiriirri Moqaadishoo keessatti namoota kuma kudhaniin lakkaa’amaniin gaggeeffamee ture.

Ejjennoon Somaalilaand maali?

Somaalilaand bara 1991 ture kan Somaaliyaarraa baatee biyya walabaa ta’ushee labsitee turte. Kanaanis, sirna siyaasaa, filannoo baramaa, humna poolisiifi maallaqa mataashee qabdi.

Waggootaaf hookkara Somaaliyaa keessatti mudate hedduu jalaa bahu dandeessee jirti.

Haata’u malee, walabummaan ishee kun biyya kamiinuu beekkamtii hin arganne.

Akka Somaalilaand jettetti, Itoophiyaan yeroo ta’etti beekkamtii kennuuf kan waliigaltu yoo ta’e, Qxanaa Gaanfa Afriikaa irratti kan dhiibbaa olaanaa qabaatu ta’a.

Itoophiyaan maal jette?

Ministirri Mummee Abiy yeroo darbe ulaanaa galaanaa argachuun dhimma murteessaa ta’u ibsanii ture.

Itoophiyaan yeroo Ertiraan jalqaba bara 199omotaa walaba baateetti buufataalee galaanaashee dhabde. Itoophiyaan ummatashee miiliyoona 100 qabaattee biyya ulaa galaanaa hin qabne jalqabaati.

Jechi MM Abiy ammoo Itoophiyaa galma kaawwatte milkeeffachuuf humnaan fayyadamuu dandeessi jechuun soodaa uumee ture.

Waliigaltee Somaalilaand ammoo akka seena-qabeessaafi kaayyoonsaas naga-qabeessaa ta’u xiyyeeffannaa keenne.

‘‘Ejjennoon mootummaan labsame kan eenyu waliinuu waraana keessaa galuudhaaf fedhii akka hin qabne kan baayyee cimsedha,’’ jechuun Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa himeera.

Haata’u malee, waa’ee waldhabdichaa eeruu gara biraarratti, Dr Abiy toora X isaaniirratti guyyaa Dilbataa akka jedhaniitti, ‘‘dhimmoonni haala barree ykn haala beeknutti ykn haala raagnuutti ni raawwataman jennee yoo eegne carraan nu darbuu danda’a.’’

Itti dabaluudhaanis, yeroo tokko tokko, galma mirkanneeffachuuf yaadni ‘‘saanduuqaan alaa’’ akka barbaachisuu dubbatan.

Warri kaan maal jedhan?

Amajjii 3, 2024 irratti, dursaan Komishinii Gamtaa Afriikaa, Muusaaa Faakii Mahaamaat ‘‘waldhabdee Itoophiyaafi Somaaliiyaa jidduutti uumamee tasgabbeessuuf’’ tasgabbiifi kabaja walootiif waamicha taasisaniiru.

Akkasumas, dubbi-himaan US Isteet Dippartimant, Maatiiwu Milar, biyyisaa waa’ee gabaasawwan Itoophiyaan walabummaa Somaalilaandiif beekkamtii kennuuf jedhameen yaadda’u hime.

Ibsa gaazexeessitootaa irratti itti dabaluun, ‘‘michoota kaan waliin ta’uun muddamni Gaanfa Afrikaatti argamu dabaluusaatti yaaddoo olaanaan dabalaa akka jiruu ibsuurra jirra.’’

Tarkiin, Somaaliyaa keessatti gahee olaanaa bahaa kan jirtuus tokkoommaa, walabummaafi tokkummaa daangaa Somaaliyaatiif murannnoo qabaachuu ibsite.

Masiriinis Somaaliyaaf deeggarsa cimaa qabdu ibsiteetti. Pirezidantiin Masirii Abduul Fattaah Al.-Siisiin gitasaanii Somaaliyaa cinaa akka dhaabbattuufi ‘‘nageenyaafi tasgabbiishee’’ akka barbaaddu dubbatan.

Danaa Itoophiyaa, Somaaliland, Jibutii, Somaaliyaa agarsiisu