Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti fonqolchi mootummaa hin milkaa’u- MM Abiy
Manni maree Bakka bu'oota Uummataa Itoophiyaa kora idilee 36ffaa bara hojii sadaffaa gaggeesseera.
Qaboo yaa'ii ajandaa kora 35ffaarratti qabamee ture raggaasisuun kan eegale yaa'iin kun, dhimmoota diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaarratti yaada miseensotaa keessummeesseera.
Yaadaa fi gaaffilee miseensonni kaasan irratti Ministirri Muummee Abiy deebii fi ibsa kennaniiru.
Miseensonni paarlaamaa waliigaltee Piriitooriyaa adeemsa jiru fi hojiirra oolmaa waliigaltechaarratti gaaffii kaasaniiru.
Akkasumas waldhibdeewwan kutaalee biyyattii keessa deemaa jiran karaa nagaan akka furmaniif waan mootummaan hojjetaa jiru gaafataniiru.
Dhimmi barnootaa, qaala'iinsa jireenyaa, rakkoo fayyaa, malaammaltummaa, rakkoolee baajataa naannolee haaraa hundaa'anii, dhimmi horsiisee bultootaa fi dhimmoonni hawaasummaa fi diinagdee kaanis bifa gaaffiin ka'aniiru.
Akkasumas miseensonni paarlaamaa waa'ee marii biyyaalessaa fi hidhattoota hirmaachisuu, miseensota manneen maree federaalaa fi naannolee mana hidhaa jiran fi waa'ee haqa ce'umsaarratti gaaffii kaasaniiru.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimmoota siyaasaa fi hidhattootaan walqabatee jiru irratti wayita yaada kennan, osoo mootummaansaanii nagaa fi diinagdeerratti xiyyeeffatee hojjetuu yaadi yaalii fonqolcha mootummaa deemaa jiraachuu akka quba ibsan.
‘’Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa milkaa’uu hin danda’u. Waggaa 50 dura mudateera. Ergasii yaaliiwwan bu’aa hin buusne taasifama turan. Hin milkoofne. Amma ammoo honkumaa hin milkaa’u,’’ jedhan.
Itoophiyaa keessatti fonqolcha mootummaan aangoo qabachuun biyya kana eessaanuu hin ga’u kan jedhan MM Abiy, ‘’namoota yaalii akkasii raawwataniif gorsa kenninee yoo gadhiisnu gorsa keenya salphaatti ilaalu, booda ammoo gatii kaffalu,’’ jedhan.
MM Abiy eenyu akka fonqolcha mootummaarratti marii gaggeessaa ture ibsuu baatanis, wayita dhimma kana kaasan ‘’abbootii keenya’’ fi ‘’obboloota kiyya gurguddoo’’ jechuun ibsan.
Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa tasuma hin milkaa’u jechuun wayita paarlaamaaf mirkaneessan ‘’Nuti loltoota. Fonqolchi mootummaa akka hin milkoofnetti jaarmiyaa ijaarre,’’ jedhan.
‘’Mana maree kanaaf mirkaneessuu kanan barbaadu gatii nageenyaaf kaffalamu hunda kaffaluun nageenya biyya kanaa akka mirkaneessuudha,’’ jedhan MM Abiy.
‘’Mee Itoophiyaa keessatti fonqolchi mootummaa milkaa’e haa jennu. Amma Itoophiyaa keessatti nama wayii ajjeesnee fonqolcha mootummaa yoo gaggeessine, Itoophiyaa akka Sudaan gochuu keenya. Itoophiyaan biyya taatee nutis mootummaa taanee itti fufuu hin dandeenyu,’’ jechuun akeekkachiisan MM Abiy.
Hidhattoota faallaasaanii deeman, kanneen Naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho'an maqaa ''Shanee'' jedhuun waamuun waa'eesaaniirratti kan dubbatan MM Abiy, hidhattoonni kunneen yoo aangoo qabatanis hin milkaa'an jedhan.
''Shaneen Oromiyaa yoo Finfinnee dhufe maal buusa? Itoophiyaa diiga malee. Ana malee namni biraa hin jiru yaada jedhu qabatee dhufa. Shaneen naannoo Amaaraa yoo dhufe maal buusa? Qabeenya abbaa koon dhaala jechaa biyya jeeqa malee. Kun qabeenya hunda keenyaati. Kan abbaa kootii osoo hin taanee kan abbootii keenyaati.''
Qabeenyi kan hunda keenyaati kan jedhan MM Abiy ''namoonni yaada kiyya qofa jedhu qabatanii dhufan yoo milkaa'eefis bu'aa hin qabu,'' jechuun yaada fonqolcha mootummaa waliin maqaa hidhattoota kunneenii kaasan.
Guddina diinagdee %7.9
Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimmoota diinagdee fi hawaasummaarratti gaaffilee miseensonni paarlaamaa dhiheessan irratti wayita yaada kennan of duuba deebi'uun haala jijjiirama siyaasaa aangootti isaan fide dura turee fi ergasii booda waan hanga ammaatti jiru ibsan.
''Wayita jijjiramni dhufu biyya liqiidhaan dugdishee gadi cabe dhaalle,'' kan jedhan Ministirri Muummee Abiy ''yeroo qormaataawwan hedduun guutame kana keessatti milkaa'ina hedduu galmeessineerra. Hojiiwwan milkeessine fuulduraafis badhaadhina keenya akka bakkaan geenyuuf agarsiistuudha, hamilees nuuf ta'aniiru,'' jedhan.
Ministirri Muummee Abiy maddeen qabeenyaa ijoo biyyattii jechuun kannee eeran- gibiraa fi galii qusannaa lammiileerraa argamu guddina biyyaaf akka oolu gochuun xiyyeeffannaasaanii ta'uu himan.
Waggaa ja'a darban yeroo aangoorra turanitti ''doolaara tokkollee liqiin hin fudhanne,'' kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, ''inumaa liqii nurra ture dhibbeentaa 17.5n gadi buusneerra,'' jedhan.
''Liqii (idaa) doolaara biliyoona 10 kaffalaa turre,'' jedhan.
Akka ibsa Ministira Muummeetti biyyattiin bara baajataa 2016 galii birrii biiliyoona 529 walitti qabuuf karoorfattee birrii biliyoona 466 (dhibbeentaa 96) walitti qabdeetti.
Baasiif kan qabame ammoo birrii biiliyoona 730 yoo ta'u hanga ammaatti kan baasii ta'e birrii biiliyoona 716 (dhibbeentaa 98).
Haala kanaan garaagarummaan baasii fi galii gidduu jiru gara dhibbeentaa 2.5 gadi bu'uu ibsan.
Biyyattii keessatti kubbaaniyyaa fi namoonni dhuunfaa gibira kaffalan kuma 64 kan jedhan MM Abiy ''kan gaafatu ammoo uummata miiliyoona 120,'' jedhan.
Akkasaan ibsanitti rakkoo guddaan ture galii miliqsuu fi gibira waliin dhahuu yoo ta'u kun ammoo diinagdee biyyattii miidheera.
Galii waliigalaa biyyattiin oomishaalee hundarraa waggaatti argattu- GDP keessaa gibira irraa kan argamu dhibbeentaa 7 qofa jedhan MM Abiy.
''Osooma rakkoon kun hundi harkaa nu qabuu guddina haraka 10 galmeessuu dandeenye.''
Jijjiirama dura daldala alaarraa galiin Itoophiyaan argattu doolara biiliyoona 19 ture kan jedhan MM Abiy jijjiirama booda doolaara biiliyoona 23 irra ga'uu ibsan.
Akkasaan jedhanitti ji'oota ja'a dura wayita waa'ee daldala alergii gamaaggaman akka gadi bu'uu danda'u yaaddoo keessa seenanii turan.
Kuni sababa rakkoo Galaanaa Diimaarratti mudateen akka ta'e ibsan.
''Garuu rakkoo kana hunda dandamannee kan kanaan duraa caalaa guddina harka afur agarsiisuun bara kana alergiirraa doolaara biiliyoona 10 arganneerra,'' jedhan.
Itoophiyaan investaroota biyyoota alaarraa kallattiin gara biyyattii seenuun hojjetan hawwachuun Afrikaarraa duraa jirti kan jedhan MM Abiy ''barana gama kanaan doolaara biiliyoona sadi arganneerra,'' jedhan.
Oomishaalee biyya keessaa jajjabeessuuun kanneen alaa galan bakka buusuun rakkoo sharafa alaa furuu irratti xiyyeeffannaan akka hojjetan kan ibsan MM Abiy, gama kanaan doolaara biiliyoona 2 hambifachuus ibsan.
Warshaalee biyya keessaa oomishaalee alaa galan bakka buusan gama babal'isuutiin dhibbeentaa 40 irra ga'uu ibsan.
''Yeroo gabaabaa keessatti gara dhibbeentaa 60 fi 70 ni guddisna,'' jedhan.
Ministirri Muummee Abiy Ahmad Itoophiyaan bara kana meeshaalee alaa galchitu bituu dabalatee doolaara biiliyoona 7n baasteetti jedhan.
Kanneen keessaa boba'aan doolaara biiliyoona 4, xaa'oon biiliyoona 1, akkasumas liqii doolaara biiliyona 2 kaffaluu ibsan.
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa konkolaattonni gosa garaagaraa miiliyoona 1.5 jiraachuu kan ibsan MM Abiyy, kanaaf fedhiin boba'aa akkaan dabaleera. Yoo mootummaan maallaqaan tumsee biyya keessa galchus qixa sirrii ta'een fayyadamtoota bira ga'ee faayidaa uummataaf ooluurratti rakkootu jira,'' jedhan.
Akkuma Daandii Qilleensaa fi Telekoomii dameewwan diinagdee kaanis jaarmiyaalee walfakkaatoo akka addunyaatti jiran waliin dorgommii keessa akka galan ni hojjenna jedhan MM Abiy.
Akka fakkeenyaatti baankilee biyya alaa akka Itoophiyaa seenan gochuu kaasan.
MM Abiy dhimma qaala'iinsa jireenyaarratti gaaffii miseensonni paarlaamaa kaasan irratti wayita yaada kennan, rakkoon kun kan Itoophiyaa qofa miti jedhan.
''Biyyoota diinagdeensaanii jabaa ta'e kanneen akka Ameerikaa fi UK keessatti tibba filannoo ajandaa ijoon waa'ee qaala'iinsa jireenyaati. Kanaafuu rakkoon kun biyyoota diinagdeen guddatan keessas jira,'' jedhan.
Itoophiyaan biyya misoomaawwan bu'uuraa gurguddoo fi pirojektoota misoomaarratti ijaaruu irratti xiyyeeffattee jirtuudha kan jedhan MM Abiy, ''osoo hojiiwwan akkanaatti ko'oommannee jirruu gidduudhaan rakkoo qaala'iinsa jireenyaaf deebii kennuun ni cima. Nuti garuu lamaanuu waliin madaachisuun deemaa jirra,'' jedhan.
Qaala'iinsa jireenyaa dhibbeentaa 30 irra ture gara dhibbeentaa 23 gadi buusuu kan ibsan MM Abiy kanaaf oomishaalee guddisuu akka sababaatti kaasaniiru.
Mootummaansaanii lafa hektaara miiliyoona 24 misoomsuun oomisha qamadii kuntaala miiliyoona 570 galchuuf hojjechaa akka jirus eeran.
Kanaaf ammoo barana xaa’oo kuntaala miiliyoona 15 bituu fi hanga ammaa miiliyoonni 13 biyya galuu himan.
MM Abiy Itoophiyaa midhaan nyaataa kan deeggaran Ameerikaa fi Awurooppaa galateeffataniiru. ''Yeroo itti aanutti garuu oomisha midhaan nyaataa osoo hin taane, teeknooloojii oomishaa fi beekumsa akka nuuf kennan irraa eegna,'' jedhan.
Akka MM Abiy jedhanitti barana carraan hojii miiliyoona 3.8 biyyattii keessatti uumameera.
Gama barnootaan haala jiru irratti wayita ibsa kennan, ''Itoophiyaan biyya dargaggoonni itti heddummaatan waan taateef barnoonni dakarraa akka eegalu hojjenne,'' jedhan.
''Oolmaa daa’immanii (KG) irraa eegaluun maneen barnootaa 30,000 ijaarreerra. Manneen barnootaa qaro-dhabeeyyii sadarkaa eeggatanis ijaarreerra.''
Manneen barnootaa kunneeniif doolaara miiliyoona 45 baasuun kitaaba bitanii akka galchanis ibsan.
Erga jijjiiramaatii as yniversitii tokkollee hin ijaarre kan jedhan MM Abiy, ''KG fi maneen barnootaa bu’uura (sadarkaa gadii) ta’an irratti xiyyeeffanne. Garuu bajata yuniversitiitiin ijaaraman kan jedhu soba. Inumaa baajati yuuniversitii kanaan dura birrii biiliyoona 40 ture yeroo ammaa biiliyoona 60 ga’eera,'' jedhan.
MM Abiy qonnaan bultoota, waraana fi barsiisaa akka utubaa Itoophiyaatti kaasan.
Keessattuu waraanaa fi barsiisaa akkaan galateeffatan, waan isaaniif malu akka argatan mootummaan ni hojjetas jedhan.
Miseensonni paarlaamaa rakkoo mindaa barsiisotaan walqabatu kaasan rakkoon kun kan hammaatu naannolee haaraa hundaa’an keessatti ta’uu eeran.
MM Abiy wayita deebii kennan naannoleen, godinaaleen, aanaaleen haaraa hundaa’uun rakkoo kana hammeessuu ibsan.
''Naannoleen hunduu mana maree mataasaanii qabu. Kanaafuu manni maree isaanii wayita bajata raggaasisu dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qaba,'' jedhan.
Weerara dhibee koreeraa, gifiraa fi busaa akkasumas rakkoowwan fayyaan walqabatan kaanirratti mootummaansaanii xiyyeeffannaan akka hojjetus ibsan.
Itoophiyaan bara baajataa dhufuuf birrii biiliyoona 971 kan ramadde yoo ta’u guddinni diinagdee biyyattiis dhibbeentaa 7.9 akka ta’u ibsan MM Abiy.