IMF guddina diinagdee Itoophiyaa tilmaamuu akka hindandeenye beeksiise

Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) guddina oomisha biyya keessaa waliigalaa (GDP) Itoophiyaa bara 2022-2026 jidduutti qabaattu tilmaamuu hin dandandeenye ibse.

Kanaanfis dhaabbatichi akka sabaabaatti kan kaa’ee ‘’haalli mirkana itti ta'un hindanda'amne sadarkaa olaanaan jiraachu,’’ ta'u kaase.

Yaadni dhaabbatichaa kunis waraanaa naannoo Tigraay ji’oota 11 tahaniif adeemaa jiru hordofee kan ibsameedha.

IMF gabaasaa haalaa diinagdee biyyoota addunyaa ittiin agarsiisee (World Economic Outlook) irratti, omishinni waliigalaa (GDP) Itoophiyaa bara 2021'tti parsantaa 2 duggina agarsiiseera, kunis kan 2020 irraa parsantaa 4 gadi bu'eera jedhe.

Biyyi ollaa Ertiraa kan waraanaa kana irratti hirmaattes bara 2022-2026tti guddina guddina %4.8 ni garmeessiti jedhe dhaabbatichi.

Gama biraatiin ammoo Gaanfa Afriikaa keessatti diinagdeen guddoo qabdi kan jedhamtu Keeniyaan immoo, baruma dhufan shan keessatti guddina %6 ni qabaatti jedhame.

Kana malees Jabuutiin %5, Somaaliiyaan %3.9, Sudaan Kibbaa %6.5 akkasumas Sudaan %3.5niin ni guddatu jechuun tilmaameera.

Diinagdeen Itoophiyaa waggoota kurnee darban keessa guddina dijitii lamaa galmeessuun biyyoota Afriikaa eeraman keessaa taatee turte.

Ammatti diinagdee biyyattii hongeefi dhiibbaaleen akka walitti bu'iinsi sabaa waan mudateef, alaa baasiin biyyattiin bu’uuraalee misooma gurguddaaf oolchitus liiqaan biyya dabalaa adeemuuf saaxiluu danda'a jechuun oggeessoonni akeekkachiisaa turan.

Haaluma walfakkaatunis dhaabbatichi biyyoota akka Afgaanistaan, Liibiyaafi Siiriyaa waraanaan miidhamanis guddina diinagdee isaanii tilmaamuu hin danda’u jedheera.

IMF diinagdeen addunyaa bara 2021tti % 5.9 fi bara 2022tti immoo %0.1 isa bara darberraa hir’achuun 4.9 akka tahu hime.

Bara 2021tti diinagdeen hir’isuun dhiyeessiin danqamuufi weerarri hammaachuutu sababaa jedhe, keesumaa biyyoota guddachaa jiraniif.