Qaala'insi jireenyaafi rakkoon dinagdee Itoophiyaa siyaasaan fala argataa?

Daawwit obboleessa isaa waajjira mootummaatti qacaramee hojjetu waliin naannoo Ayyar Xeenaa mana xiqqoo tokko keessa jiraata.

Daawwit miindaa dhaabbataan argatu qabaachuu baatus oliif gadi fiigee waan argatuu fi kan obboleessi isaa miindaa ji’aa argatuun walitti fidanii mana kiraa kaffaluun waan nyaataaf oolus bitatu.

Daawwit akka jedhutti galii obboleessi isaa argatu ‘’waanuma kana jedhamu’’ miti.

Gatiin jireenyaa ni dabala. Galiin keenya garuu achuma jira,’’ jedha qacaramee hojjechuu irra oliif gadi fiigee waa argachuu wayya kan jedhu Daawwit.

Baankiin Misooma Afrikaa akka jedhutti guddinni dinagdeen Itoophiyaa isa bara 2021tti 6.1 tahe irraa bara 2022tti gadi bu’uun 5.6’n guddate.

Qaala’insi jireenyaa ammoo bara 2021 keessa gara %26.7tti ol guddateera.

Walitti bu’insi walii waliinii, qaala’insi jireenyaa adunyaa mudatee fi weerarri koroonaavaayirasii sababoota gurguddoo isaan jalqabaati.

Gatiin oomishaalee akka Xaafii akka malee kan dabalan yoo tahu, namootni galii dhaabbataa qaban rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.

Guddinni dinagdee Itoophiyaa rakkoo keessa galuyyuu ammayyuu rakkoon siyaasaa fi hawwaasummaa biroon biyyattiif qormaata tahaniiru.

Dhimmoota siyaasaa irraa of fageessuu kan filatu Daawwit karaa tokko qaala’insi jireenyaan karaa biraan ammo rakkoolee siyaasaa fi hawwaasummaan muddaamee jiraachuu hima.

Haatahu malee, furmaata siyaasaa dhimma dinagdeef ykn furmaata dinagdee rakkoo siyaasaa furuuf? Rakkoon dinagdee maaliif xiyyeeffannoo gahaa dhabe?

“Tokkummaan dhibamuu”

Hayyuu fi dhimmoota diinagdee irratti dubbiiwwan akka akkaa dhiyeessuun kan beekaman Guutuu Teessoo (PhD), biyyattii keessa 2018 kaasee qaala’insi jireenyaa haalaan hammaachuu dubbatu.

“2018 irraa haga ammaatti, waggaatti ennaa ilaallu, oomishaalee fi tajaajiloonni harka 200 fi 300 daballii agarsiisaniiru. Ji’aa gara ji’aatti daballiin gatii jiru, %33 akka tahe ragaan mootummaan baaseyyuu ni mul’isa.”

“Qaala’insa jireenyaan Itoophiyaa kan dursu hinjiru,” kan jedhan Dr Guutuu, akkuma gatiin meeshaalee qaala’aa adeeme, galiin namootaa ammoo dabaluu dhabuun rakkoo kana hammeesse jedhu.

Akka hayyuun kun jedhanitti, qaala’insa gatii, carraan hojii dhabamuu fi rakkoolee diinagdee kaan wajjin walqabatee Afrikaa keessa biyyoonni akka Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Tuniziyaa fi kaan keessa mormiin kahuu hordofaa akka jiran himu.

“Biyyoonni kun walbira qabaan dimokraasiin biyya keenya kan caaludha. Yaada ofii ibsachuunis biyyoota nu caalanidha. Ragaaleen [diinagdee] dhaabbileefis tahe namoota dhuunfaaf salphaatti bakka itti argamudha.”

Biyyoonni knunneen odeeffannoo dhimmoota dinagdee namoota hundaaf banaa waan godhaniif akka tahe amanu Dr Guutuun.

Sababni lammaffaa Itoophiyaatti qaala’insi jireenyaa ajandaa guddaa tahuu dhabeef ‘’tokkummaan biyyattii keessa jiraachuu dhabuudha.’’

“Biyya tokkummaan, waldhageettiin, [mari’achuun] hinjirre keessatti, tokko tahanii yaada ofii daandiitti bahanii yookaan miidiyaanis ibsachuun rakkisaa taha.”

Gama biraatiin ammoo hawaasni biyyattii rakkoo qaala’insaan ala rakkoon yaaddessu biraa jira jedhu.

Gaaffii lubbuun jiraachuu

Waggoota darbaniif rakkoon nageenyaa biyyattii keessa ture guddina dinagdee biyyaa irrattis dhiibbaa mataa isaanii fidaniiru.

Walitti bu’insii fi waraanni lubbuu namoota hedduu galaafachuun cinatti qabeenya guddaan biyattii akka manca’uufis sababa taheera.

Kun ammoo oomishaalee fi tajaajiloota irratti danqaa tahuun qaala’insi jireenyaa akka dhufuuf sababa tahaniiru.

Nageenyi dhibamuun ammo bu’uun isaa inni guddaan mirga lammiileen jiraachuuf qaban miidhuu isaati.

Dr Guutuu Teessoos “rakkoo lubbuun jiraachuuti uummanni biyya kanaa kan qabu. Hidhaa, buqqaatii, hongee hamaa, lola daangaarraafi daangaa keessaatu jira. Namni ‘baheen galaa?’ jedhee itti yaadda’utu jira,’’ jedhan.

''Lubbuun jiraachuunuu biyya yaaddessaa tahe keessatti, waahee qaala’insa jireenyaa haasahuun [dursa kan itti kennu miti].”

Gama kaaniin paartileen siyaasaa biyyattii keessa jiran dhimma qaala’insa jireenyaa akkaan hammaate kana ajandaa godhatanii ennaa socho’an hin mul’atan qeeqni jedhu ni dhagahama.

Kanarratti kan gaafanne Dr Guutuu “Itoophiyaa keessa paartiin mormituu hinjiru. Miseensonni paartiilee mormituu jiranis gariin mana hidhaa jiru,” jechuun qeeqan.

Barsiisaan kun paartileen biyya kana keessatti mirga dhala namaatiif, sirna demokraatawaa jabaa tahe ijaaruuf socho’u amantaa jedhu akka hin qavne himan.

Paartilee muraasarraa kan hafe irra jireessi isaanii, aangoo, mijannaa jireenya isaanii fi karaa qaxxaamuraa diinagde barbaacha duwwaadhaaf warra warraaqan turan.

Isaan har’a eessa jiru? mootummaa bira jiru - maddi rakkoo kanaa tokko isaani. ''Maddi rakkoo as jira’’ amantaa jedhu qabau.

Itoophiyaa keessa paartileen siyaasaa baay’een jiraatanis dhimma dinagdee irratti dhiibbaa olaanaa yommuu taasisan hin mul’atan.

Furmaata siyaasaamoo dinagdee?

Dursaan paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odiingaa lammiileen Keeniyaa rakkoo qaala’insa jireenyaa hamaaf saaxilamaniiru jechuun tibbana hiriira mormii waamanii turan.

Deeggartootni isaanii ‘’Baabbaa’’ jedhanii kan waaman Raayilaa Odiingaa amma mormicha haqaniyyuu garuu namoota rakkoo dinagdee biyyattiif furmaata taha jedhanii yaadan keessaati.

Haa tahu malee, guddinni dinagdee rakkoo siyaasaa biyyaaf furmaata tahaa? Moo siyaasatu rakkoo dinagdeef furmaata taha?

Xiinxalaan dhimma dinagdee Waasihuun Balaay miidiyaaleenis tahe paartiileen siyaasaa kana dura dhimma dinagdeef xiyyeeffannoo gahaa hin kennine ture jedhan.

Yeroo filannoo illee paartileen siyaasaa ‘’hiyyummaa hir’isna’’ jechuurra kan darbe, akkamiin? Gaaffii jedhuuf deebii hin qaban ture jedhan.

Marsariitii isaanii ‘’The Ethiopian Economist View’’ jedhamu irratti xiinxala dinagdee kan kennan hayyuun kun ‘’gaaffiin waan nyaatanii bulan ilaallatu osoo jiruu namootni gaaffiilee siyaasaa biraa irratti xiyyeeffatu’’ jedhan.

“Rakkoo dinagdee keenyaa amala of keessatti liqimsanii darbuutu jira. Fakkeenyaaf biyyoota olla keessatti rakkoon dinagdee xiqqoon yeroo jiraatu gaaffii yeroo kaasan dhagahama.

Gaaffiin dhimma dinagdee gaaffii bu’uuraa godhamee hin ilaalamu. Dursi hin kennamuuf.’’

Garuu xiinxalaan kun akka jedhanitti’’ ammayyuu hojiileen siyaasaa hin dhumatiin hedduun jiru.’’

Guddina dinagdee ijaaruun kan danda’amu haala siyaasaa jabaataa tahe irratti tahuu kan amanan hayyuun kun, ‘’ wal-tajjii siyaasaa gaarii uumuun yoo danda’ame, guddina dinagdee mirkaneessuun danda’ama’’ jedhannii amanu.

Haa tahu malee jedhu, haalli siyaasaa qoodannaa qabeenyaa, sirna oomishaa fi rabsaa isaa sirreessuu danda’a. Siyaasni yoo tasgabbaa’e dinagdeen ni tasgabbaa’a jedhanii dhimma dinagdee irra siyaasaaf dursa waan kennan natti fakkaata,’’ jedhan.

Waashihuun akka jedhanitti gaaffiin dinagdee ijaarsa siyaasaa malee waan deebi’u miti. Kanaaf ammo imaammata dinagdee kan baasu human siyaasaa filatamee tahuu isaa ibsu.

‘’Murtee namootni siyaasaa murteessaniini dinagdeen kan guddachuu danda’u. Naannoon tokko nageenyi isaa yoo hin tasgabboofne jiraattotni naannichaa oomishuu hin danda’an.’’

Haa tahu malee dnagdee biyya tokkoo guddisuuf jecha gaggeesitootni siyaasaa imaammata ‘’hadhaa’aa [jabaa]’’ tahe baasuu danda’u jechuun akka fakkeenyaatti Chaayinaa kaasu.

''Paartiin koministii bulchiinsa lafaa ilaalchisee imaammata baasa. Imaammata hariiroo ala ani dursa. Daddabarsa maallaqaa ni to’ata. Fakkeenyaaf Chaayinaatti maatiin tokko daa’ima tokkoo ol godhachuu hin danda’an ture. Kana guddina dinagdee irra hin caalu jedhaniiti murteessan,’’ jedhan.

Guddinni dinagdee Chaayinaas har’a eessa akka gahe ilaaluun ni danda’ama.

Gaggeessan siyaasaa jabaan yoo hin jiraanne imaammata dinagdee jabaa baasuun hin danda’amu jechuun amana hayyuun dinagdee Waasihuun.

“Ogeessotni dinagdee hojiirra kan oolchan imaammata namootni siyaasaa fidanidha. Namootni siyaasaa imaammata jabaa fidanii yoo hin dhufne yoo hojiirra oolfames guddinni hin jiraatu.’’