Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaala'insa jireenyaa Itoophiyaa 'furmaata yeroo gabaabaa hinqabne'
Sannaayit konkolaataa humna cc1200 qabdu Suzuki Dzire jedhamtu, Caamsaa bara dabre keessa Birrii Itoophiyaa miiliyoona 1.38n bitte.
Ji’ootaan booda yeroo ammaa kanatti konkolaataan kun Birrii miiliyoona 2.2 gurguramaa akka jirtu BBCn hubateera.
Gosti gaarii kanaa gatiinsaa doolaara Ameerikaa naannoo 10,000ti. Kunis jijjiirraa maallaqaa amma jiruun Birrii miiliyoona walakkaa ol taha.
Biyyattii ollaa Keeniyaatti gaariin kun hagas mara baramuu baattus, Shiliingii miiliyoona 1.3 haga 1.4 baasti. Kunis naannoo doolaara 11,000 taha.
Yugaandaatti ammoo shiliingii biyyattii miiliyoona 43 baafti – kunis gatii walfakkaataa naannoo doolaara Ameerikaa 11,000 jijjiirama.
Henook ammoo guyyaa dhaloota ganna 1ffaa mucaasaa kabajuuf Birrii 40,000tti siqu akka baase BBCtti hime.
‘‘Haadha warraakoo wajjiin nama hedduu hin waamnu jennee murteessinee, maatii dhiyoo qofatu saganticha hirmaate.
Dikooriif 6,000 baasne. Dikoor ennaan jedhu waan biraa otoo hin taane, ‘dim laayitii' fi afuffee qofa ture.
Haadha manaa koof uffata aadaa, anaafi ijoollee koo lamaaf uffata gubbaan uffatamuuf Birrii 10,000 baasne. Foonii, shunkurtii, zayitii fi kaanif Birrii 11,000 tahu, akkasumas keekiif 3,000 baaseera.’’
Henook baasii geejjibaa fi kaanis dabalatee ennaa herregu 40,000 gahuusaa oggaa hubatu ‘‘bitaa natti gale’’ jedha.
Kanaan alattis ijoolleef dabtara bituu bahee jooraa erga oole booda, magaalattii keessa namoonni dabtara akkaan bitan, darzana takka Birrii 880n bitee manatti gale.
Qaala’insi gatii matadureewwan dubbii dhiyeenya kana marsaalee hawaasaa gubbaatti hasawaman keessaa tokko taheera.
Magaalaa Finfinnee gabaa kuduraafi fuduraa ijoodha jedhamuufi naannoo Hayilee Gaarmant jedhamutti daldalaa kan tahe dargaggoon maqaasaa akka himamu hin feene tokko, ji’oota dhiyootii as keessattuu gatiin timaatimaa fi qullubbii adii akkaan dabaluu hima.
Dargaggoon kun timaatimni kiiloo tokko qinxaaboon qulqullinasaa irratti hundaa’uun Birrii 55 hanga 70tti gurguramaa akka jiru, akkasumas qullubbiin adii hanga Birrii 250tti gurguramaa jiraachuu hima.
Qaala’insi gatii maali?
Qaala’insi gatii gatiin oomisha yookaan tajaajila tokkoo olka’uu jechaadha.
Venezuweelaan biyya gatiin itti qaala’e keessaa ishee jalqabaati. Jalqaba 2022tti qaala’insi gatii galmaa’e harka 1198.0 ture.
Biyyattiitti daballiin gatii haala saffisaa taheen jijjiirama waan taheef, daldaltoonni gatii meeshaalee dhiyeessanii murteessuu dhiisanii, fayyadamtoonni gatii guyyuu jiru akka gaafatan jedhanii turan.
Qaala’insi gatii akkasii ‘hyperinflation’ jedhamee kan waamamu ennaa tahu, baasiin mootummaa akka malee ennaa tahuufi mootummaan baasii isaa kana kanfaluuf maallaqa hedduu wayita maxxansutti rakkoo diinagdee uumamudha.
Hyperinflation yeroo hedduu waraana, jijjiirama sirnaa yookaan raafama hawaas-diinagdee hordofee haala uumamudha.
Biyyoota Afrikaa keessaa Sudaan jalqaba 2022 irratti qaala’insa %340 galmeessiteetti. Kanaanis addunyaarraa biyya qaala’insi gatii guddaan itti galmaa’e lammeessoo taatee jirti.
Baroota dhiyoon as Sudaanitti gatiin nyaataafi dhugaatii akkaa dabaluu, akkasumas jijjiirraan dolaaraa gabaa gurraacharratti qabu haalaan dabaluun isaa sababoota ijoo kanaati.
Mormii qaala’insi jireenyaa dhaleen pireezidantiin duraanii biyyattii Omaar al-Bashir 2019tti aangoorraa akka gugsaman sababa taheera.
Qaala’insi gatii biyyoota Sahaaraan Gadi jiran keessatti galmaa’e %12.2tti kan guddate oggaa tahu, biyyoonni gara caalu sirna baankii giddugaleessaa jabaa waan hin qabneef jechuun Business Insider Africa gabaaseera.
Qaala’insi jireenyaa muddamni siyaasaa Siri Laankaa keessa ture akka hammaatu gochuun dabalatee, mormii uummataa dhalate hordofee pireezidantiin biyyattii aangoorraa kahaniiru.
Qaala’insi jireenyaa biyyoota addunyaa hedduu qoraa kan jiru oggaa tahu, dabaluun gatii annisaafi hir’inni dhiyeessa oomishaalee nyaataafi kaan; akkasumas weerarr Covid-19 kanaaf gumaachaniiru.
Qaala’insa gatii Itoophiyaatti
Itoophiyaatti qaala’insi gatii Caamsaa dabre keessa galmaa’e harka 37.2 ture. Kunis erga 2011 kaasee daballii isa guddaa biyyattii keessa galmaa’e ture.
Gabaasni Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa akka agarsiisutti ji’a Hagayya dabre keessa qaala’insi waliigalaa galmaa’e 32.5 ture.
Dhaabbatichi hangi daballii ji’a kana keessa isa dabrerraa hir’achuu danda’eefis, daballiin gatii oomishaalee nyaataa hanga tahe hir’achuu isaatiini jedha.
Tahus Itoophiyaan biyyoota Afrikaa qaala’insa gatii olaanaa galmeessan keessaa ishee tokkodha.
Hokkora siyaasaa fi tasgabbii dhabuu keessa kan argamtu Sudaan, oomishaalee irratti qaala’insi %245.1 galmaa’uun Afrikaarraa jalqabarra jiraachuu kuusaan ragaalee idiladdunyaa Statista ni agarsiisa.
Gabaa gurraachaa fi doolaara
Gorsaan diinagdee fi oditii Obboo Xilaahun Girmaa Angoo, qaala’insi jireenyaa amma Itoophiyaatti mul’ate akkuma addunyaatti kan mudatedha jechuun ‘‘addunyaan [yeroo dhiyoo keessa] qaala’insa gatii akkana guddaa tahe agartee hin beektu,’’ jedha.
Waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduutti adeemaa jiru dhiyeessa oomishaalee bu’uuraa kanneen akka boba’aa, qamadii, zayitii fi kaan hedduurratti danqaa uumuun, gatiin akkaan olka’uuf sababa tahe jedha.
Kanaanis walqabatee akka addunyaatti gatiin boba’aa dabaluun, mootummaan Itoophiyaas deeggarsa boba’aarratti amma dura taasisaa ture kaasuunis haalicha ittuu hammeesse jedha Aabba Xilaahun.
‘‘Keessattuu Itoophiyaa keessatti gatiin boba’aa yoo dabalu, gatiin oomishaalee cuftinuu walqixa dabala. Seektaroonni boba’aan [kallattiin] walqabatan qofa osoo hin taane, kan hin ilaalanne illee gatiin dabaluun isaa hinoolu.
Ogeessi odiitii Obboo Xilaahun dabaluun, waraanni waliinii Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru gatiin jireenyaa akka qaala’u gumaacheera jechuun, hatattamaan xumura argachuu qaba jedhu.
Daballii gatii konkolaataawwanii tibbanaa akka fakkeenyaatti kan kaasan Aabba Xilaahun: ‘‘kanneen konkolaataa gara biyyaatti galchan akka barbaadanitti dolaarri heeyyamamaafii hinjiru, gaafa heeyyamameefii argatanii galchan, isarraa bu’aa guddaa irraa buufachuun gurguru,’’ jedhu.
Dhimmi gatii konkolaattootaa fi kaanis gabaa gurraacha doolaaraa wajjin akka walqabatus kaasu.
‘‘Gabaa gurraacha irratti dolaariin Ameerikaa tokko Birrii 90n gurguramaa jira. Mootummaan ammoo 53n gurguraa jira… Jarri konkolaataa galchan doolaara kan heeyyamsisan ‘formality’f malee, doolaara gabaa gurraachaa irraa bitanii kara biyya alaatti erguun galchan. Gatii gabaa gurraachaa kana fayyadamtootaaf dabarsu.’’
Marsariitiin bizinasii Bloomberg akka gabaasetti gabaa gurraachaa Itoophiyaarratti doolaarri Ameerikaa tokko hanga Birrii 92tti gurguramaa akka ture maddeen maqaan hin eeramne eeruun yoo gabaasu, gama baankiin ammo Birrii 52.5tti gurguramaa ooluu guyyaa Roobii gabaaseera.
Dabalataan gargar fagaachuu gatii kanaaf, lolli biyyattii keessatti adeemaa jiru sababa ijoo tahuu Bulchaa ittaanaa fi ikoonomistii olaanaa Baankii Biyyoolessaa Fiqaaduu Digaafee eeruun gabaaseera.
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa qaala’insa gatiin sadarkaa 3ffaa irra kan argamtu yoo tahu, Zimbaabween ammoo daballii harka 86.7 galmeessuun lammaffaarra jirti. Angoolaa, Seraaliyoon, Gaanaa, Naayijeeriyaafi Sudaan Kibbaa walduraa duubaan taa’aniiru.
Furmaanni maali?
Itoophiyaatti qaala’uun gatii olaanaa tahe kan galmaa’e meeshaalee nyaataafi isaan walqabatan, akkasumas galteewwan ijaarsaa irratti akka tahe ragaaleen ni mul’isu.
Mootummaan yeroo garagaraatti meeshaalee bu’uuraafi oomishaalee akka akkaaf gatii gurgurtaa murteessus, qajeelfamoonni akkasii yeroo muraasaaf malee hojiirra hinoolan.
Akka fakkeenyaatti dhiyeenya kana dabaluu gatii simintoo hordofee Ministeerri Daldalaa gatii itti gurguramuu qabu jedhee murteessee turuun isa ani yaadatama.
Simintoon gatiin gadaanaan warshaa keessaa itti bahu Birrii 510 oggaa tahu olaanaan ammoo Birrii 683.44 akka tahu ministeerichi murteessee ture.
Haatahu malee gatiin kun erga murteeffamee boodallee simintoon kuntaala tokko hanga Birrii 1050 gurguramaa jiraachuu BBCn odeeffateera.
Mootummaan Itoophiyaa baankoliin biyyoota alaa biyyattii keessa galuun akka hojjetan heyyamuusaa hordofee kan dubbifne Dura taa’aan Fairfax African Fund Obboo Zamadeenah Nigaatuu, baankonni kunniin dolaara qabatanii dhufuun isaanii rakkinicha akka furu amanu.
Ogeessi odiitii Obboo Xilaahun gamasaaniin: ‘‘Akka furmaata yeroo gabaabaatti mootummaan oomishaalee bu’uuraa hawaasni guyyuu itti fayyadamu irratti deeggarsa (subsidy) gochuu qaba,’’ jedhu.
Haatahu malee Obboo Xilaahun, qaala’insa jireenyaaf furmaanni ijoon haala gibirri itti sassaabamu irratti kan hundaa’udha jedhu.
‘‘Akka fakkeenyaatti konkolaataa koof fandii inshuuraansii kanfaluuf deemeen ture, waggaa tokkoof Birrii 125 na kanfalchiisan. Kuni maal isaanii gooti?’’ jechuun sirna sassaabbii gibiraa irratti gaaffii kaasa.
‘‘Sirni gibiraa sirriitti ilaalamuu qaba. Gibira jechuun kan qaburraa fudhattee kan hinqabneef kennuu jechuudha. Kanarratti mootummaan dadhabina qaba.’’
Ogeessi diinagdee dhimma kanarratti amma dubbifne Guutuu Teessoo (PhD) ‘‘rakkinichi walxaxaa waan taheef’’ furmaata yeroo gabaabaa qaba jedhanii akka hin yaadne nutti himan.
Ogeessi diinagdee biraa Abdulmannaan Mohaammad gamasaaniin: “Mootummaan liqii Baankii Biyyaalessaarraa fudhatu hir’isuun, piroojektoota barbaachisummaa isaaniirrati gaaffiin ka’u dhaabsisuu, akkasumas piroojektoota barbaachisoodha jedhamanillee yeroof hanga furmaanni argamutti tursuu qaba,’’ jedhu.
Baankiin Addunyaa, biyyoonni qaala’insa gatii guddaa galmeessan, haala jireenyaa uummata isaanii fooyyessuu irratti xiyyeeffachuu qabu jechuun gorsa.