Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ambootti dargaggeessi maanguddoo ganna 90 gudeede hidhaan adabame
Akeekkachiisa! Odeessi kun miira keessan jeequu mala.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ambootti dargaggeessi halkan balbala cabsuun dubartii ganna 90 gudeede hidhaa cimaa waggaa saddeetiin adabamuu Waajjira Abbaa Alangaa Godina Shawaa Lixaatti abbaa adeemsa yakkoota adda addaa Baqqalaa Beekaa BBC’tti himan.
Yakki gudeeddii kun kan raawwate aanaa Amboo ganda Illaamuu Goromtii jedhamutti, ALI 7/7/2016 tilmaamaan halkan keessaa sa'aatii 7:00 irratti ture.
“Namummaa keessaa gara bahuutti deemaa jira dhalli namaa!” jechuun haala hammaachaa dhufuu yakka gudeeddiitiin walqabatu ibsan Obbo Baqqalaa Beekaa.
Akka Abbaan Adeemsa yakkoota adda addaa Obbo Baqqalaan BBC’tti himanitti, yakkamaan umuriin isaa ganna 20 ta'e, Lateeraa Qana’aa jedhamu mana namaatti galee kan qotu yoo ta’u, “akka carraa gaafa sana [guyyaa yakki itti raawwate] dhugaatii dhugee ture.
"Halkan keessaa naannawaa sa’aatii 7'tti jaartii umuriin ganna 90 qofaa jiraattutti dhaquun ‘bani! Ani abaludha, Lateeraadha…’ jennaan jaartiin didde. Achiin humnaan barrii [karra] kana itti dhiibeetuma, maqarqaraan [danqaraan] irraa bu’ee banamaaf.
''Achumaan jaartii sababa dullumaan ofirraa ittisuu hin dandeenye dirqisiisuun gudeede,” jedhu abbaan alangaa kun.
Dargaggeessi dubartii akkawoo isaaf taatu dirqamaan yakka gudeeddii raawwate kun achuma mana keessa osoo ciisuu, maanguddoon yakki irratti raawwate bahuun ollaa waammattee yakkamaan kun akka to’annoo seeraa jala oolfame himu Obbo Baqqalaan.
“[Dubartiin kun] umurii kanatti qofaa jiraatu; guyyaa tokko tokko ijoolleen akkawoo taatuuf dhufanii bira bubbulu. Guyyaa yakki kun irratti raawwatetti namni bira hin jiru; qophaa isaanii turan” jechuun haala ture ibsu abbaan alangee.
Waajjira poolisii aanaa Ambootti qorannaan yakkaa eegaluu kan yaadachiisu, Baqqalaan, “galmeen qulqullaa’ee nu dhiyaatee nutis keeyyata seera yakkaa bara 1996 bahe 620/2C jalatti himanne” jechuun ibsan.
Manni-murtii olaanaa godina Shawaa Lixaas dhaddacha Bitootessa 13/2016 ooleen adabbii yakka cimaafi kanneen biroos ni barsiisa jedhuun hidhaa cimaa waggaa saddeet akka murteesse abbaan adeemsa yakkaa godinichaa BBC’tti himaniiru.
Yaaddoo 'safuun cabuu...'
Taatee yakka gudeeddii maanguddoo ganna 90 irratti raawwate adabbii mana murtii fi hawaasni maal gochuu akka qabu ilaalchisuun BBCf ibsa kan kennan abbaan alangaa Baqqalaa, yakki seeraa qofa otoo hin taane, 'safuu Oromoollee cabseera' jedhan.
Dargaggeessi umuriin isaa ganna 20 ta'e maanguddoo umuriin ishee ganna 90 taaterratti yakki gudeeddiin raawwatamuun waan hin jirree akka ta’e eeruun, walumaa galatti akka godinichaatti yakki dirqiidhaan gudeeduu yaddessaa ta'aa dhufuu himu Obbo Baqqalaan.
‘Safuun’ imaammata barnoota keessallee galee akka baratamaa jiru kan kaasan, abbaan alangaa kun, gochoonni akka hawaasaatti saalfachiisoo ta’an yakka qofa otoo hin taane safuu hawaasaa cabsuun duudhaa gaarii duraan ture balleessaa akka jiran dubbatu.
"Jaartii dullooman kanarratti yakka akkasii raawwachuun qaanessaadha," kan jedhan abbaan alangaa godinichaa, hawaasni gara duudhaa isaa ganamaatti akka deebi’uu fi gochoonni akkasii gaafa raawwatan ammoo eeruu kennuudhaan, ragaa bahuudhaan, akka qaamolee haqaa bira dhaabatan gorsan.
Erga gara waajira abbaa alangaa godina Lixaa Shawaa dhufee ganna sadii darbuu kan kaasan Obbo Baqqalaan, yakki gudeeddii maanguddoo umriin jaaran irratti raawwate kun isa jalqabaa ta’uu kaasuun, baay’inaan yakkichi ijoollee dubaraa ganna 15-18 ta’an irratti irra deddeebiin akka raawwatu himan.
Waggaa tokko keessatti, “yoo xiqqaate galmeen digdamaa ol ta’u” kan yakka gudeeddiitiin walqabatan sadarkaa godinaatti akka dhiyaatanis itti dabaluun ibsu.
Yakkichi akka godinaatti yaaddessaa dhufuu kan himan aanga'aan kun, sagantaa ‘Koorniyaa idileessuu’ jedhuun hojii hubannoo uumuu waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii waliin hojjechaa akka jiranis dubbatu.
Yakkoonni walxaxoon gudeeddiidhaan walqabatan “hubannoo dhabuu” irraa otoo hin taane “waanuma safuu gadhiisaa dhufe” ta’uu kaasuun, “gocha namummaa keessaa gara bahuutti deemaa jira dhalli namaa” jechuun ibsu abbaan alangaa godinichaa.
Hawaasni bal’aan dammaquun qaamolee seeraa deeggaruu akka qabus dhaamaniiru abbaan alangaa kun.