Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dambi Doollootti barattoonni daree keessatti barattuu gudeedan hidhaan adabaman
Magaalaa Dambi Doollootti barattoonni daree barnootaa keessatti barattuu waliin baratan dirqisiisanii gudeedan hidhaan adabaman.
“Miidhamtuun yakkichi irratti raawwatame barattuu yemmuu taatu kan yakka kana raawwatanillee barattoota daree isheeti.” jedhan Abbaa Seeraa Mitikkuu Wadaajoo.
Yakki kun Godina Qellem Wallaggaa Magaalaa Dambi Doolloo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Faasiloo jedhamu keessatti ALI Waxabajjii 9, 2015 raawwatame.
Himatamtoonni barattuu daree ofiirratti yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwatan immoo Sabboonaa Dirribsaa fi Eebbisaa Adimaasuu jedhamu.
Miidhamtuun dhuunfaa wayita yakkichi irratti raawwatamutti barattuu kutaa 10ffaa turte. Guyyaa eerametti bu’aa qormaatashee sirreessifachuuf ture gara mana barumsaa kan deemte.
“Qabxiishee sirreeffachuuf gara mana barumsaa yeroo deemtu barattoonnis baay’inaan waan hinturreef haalota mijatoo kana fayyadamuun miidhamtuu kana tapha fakkeessanii gara daree barnootaa erga ol galchanii booda, himatamaa lammaffaan balbala yeroo irratti cufu himtamaa tokkoffaan ammoo yakka gudeeddii irratti raawwateera,” jedhan Abbaa Seeraa Mitikkuu.
Himatamaa lammaffaanis himatamaa tokkoffaatti aansuun yakkicha miidhamtuu irratti raawwachuusaa galmeen himataa Mana Murtii Aanaa Sayyoo agarsiisa.
“Yeroo sanatti mucaan kun (miidhamtuun) iyyaa kan turte yoo ta’u sababa roobni guddaan roobaa tureef sagaleenshee dhagahamuu hindandeenye” jechuunis Abbaan Seeraa BBC’tti himan.
Miidhamtuun yakkichi erga irratti raawwatamee booda gara manaa galuu kan himan Abbaa Seeraa Mitikkuu, “guyyaa biraa garuu dhukkubbiin waan itti dhagahameef deemtee dura bu’aa mana barumsichaaf eeruushee kennite” jedhan.
Sana boodas Poolisiin Magaalaa Dambi Doolloo fi Abbaan Alangaa Magaalaa Dambi Doolloo dhimmicha qorachuun Mana Murtii Aanaa Sayyootti himanni saaqamuu himan.
Galmeen himatamtoonni lamaan Sabboonaa Dirribsaa fi Eebbisaa Adimaasuu jalatti himataman Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe Keewwata 620/1 yemmuu ta’u, “tumaa kanaan adabbiin tumamee jiru hidhaa waggaa shanii hanga 15 kan jedhudha” jedhan.
Abbaan Alangaa Magaalaa Dambi Doolloo himatamtoonni yakkicha raawwachuusaaniif ragaa namootaa dhiyeeffatee kan dhageessifate yemmuu ta’u, himatamtoonnis jalqaba ragaa ittisaa nama lama erga dhiyeeffatanii booda inni tokko jechasaa erga kennee booda guyyaa biraatti ragaa sobaa akka kenne Mana Murtiitti himeera.
Manni Murtii Aanaa Sayyoos dhimmicha qorachaa erga turee booda dhaddacha ALI Mudde 25, 2016 ooleen tokkon tokkoon himatamtootaa irratti hidhaa cimaa wagga shan fi ji’a jahaa murteessee jira.
Himatamtoonni lamaan kana dura galmee yakkaa kan hinqabne ta’uunsaanii akka yaada adabbii salphisutti akka qabame Abbaa Seeraa Mitikkuu Wadaajoo himaniiru.
“Jarri kuni kana dura yakka raawwatanii waan hinturreef Manni Murtii akka yaada adabbii salphisutti fudhateera. Gama Abbaa Alangaatinis yaadni adabbii cimsu waan irratti hindhiyaanneef Manni Murtii sadarkaa gadi aanaa filateefii ‘ni barsiisa’ jechuun murteesse” jedhaniiru.