Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oskaar Pistiriyas: Erga jaalalleesaa ajjeesee waggaa 11 booda dhiifamaan hidhaatii bahe
Ispoortii Paaraa-oliimpkitiin hedduu kan beekamu Oskaar Pistiriyas erga jalalleesaa kan taate Riivaa Istiinkaamp ajjeesee waggaa 11 booda mana-hidhaa Afrika Kibbaatii dhiifamaan gadhiifame.
Aanga'oonni Jimaata ganama akka mirkaneessanitti Pistiiriyas "amma mana jira". Atleetiin beekamaan kun hidhaa waggaa 13 itti murtaa'e keessaa walakkaa ol fixateera.
Haati Riivaa Istiinkaamp murtee atileetii duraanii kana hidhaatii baasuu akka fudhatte himteetti-garuu "hidhaa umurii guutuu keessatti kan hafe maatichadha" jette.
Gaheessa umuriin isaa amma waggaa 37 ta'e Oskaar Pistiriyas, bara 2013 ture karaa cufaa manaa keessaan si'a baayyee itti dhukaasuun kan ajjeese.
Atileetiin Paaraa-olimpikiin addunyaarratti gurra guddaa qabu kun wayita jaalalleesaa ajjeese sanatti waliin hoteela keessa turan.
Booda yeroo waa'ee ajjeechaa jaalalleesaa ittiin himatamerratti jecha isaa kennetti, 'hattootatu cabsee seenaa jira' natti fakkaateen itti dhukaase jechuun isaa ni yaadatama.
Ta'us garuu Pistiriyas bara 2015 yakki ajjeechaa itti murtaa'e. Yakki ajjeechaa kana hordofee namni kun osoo hin beekiin ykn ta'e jedhee itti yaadee osoo hin taane tasa kan mudate ta'uu ibsuun mana-murtiitti iyyatee ture.
Akka seera Afrikaa Kibbaatti yakkamtoonni kamiyyu hidhaa itti murtaa'e keessaa walakkaa erga xumuranii booda mirga dhiifama argachuu ni qabaatu.
Oskaar Pistiiriyasis carraama kana fayyadame.
Wabiin mana-hidhaatii gadhiifamus amma barri hidhaa isaatii 2029 xumuramutti garuu dhorkaa cimaa jala jiraata. Kun ammoo miidiyaa tokkottillee dubbachuu akka hin dandeenye dhorkuu dabalateeti.
Oaskaar Pistiiriyas amma mana eessuma isaa Arnoold Pistiiriyas magaalaa guddooAfrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti dhiyoo jiru jiraachuu akka deeme amanama.