Xiyyaarri waraanaa mana barnootaarra kufee nama 19 ta'u galaafate

Madda suuraa, Reuters
Baangiladeesh magaalaa Daakaatti dhiyaatee xiyyaarri waraanaa shaakalliirra ture mana barnootaarratti kufuu hordofee yoo xiqqaate namootni 19 du'anii 160 ol kan ta'an madaa'aniiru.
Viidiyoon balaa mana barnootaafi kolleejjii Mileston jedhamurratti qaqqabe kanaa ibiddaa fi aara guddaa agarsiisa.
Humni qilleensaa biyyattii xiyyaarrisaa kufee caccabuu beeksiseera.
Gidduugala namoota ibiddi miidhefi pilaastiksarjarii hojjetu keessatti haakima kan ta'e doktarri tokko daa'imman dabalatee namootni 50 hospitaala galuu himaniiru.
Lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii dabaluu akka danda'u tilmaamame.
Waajirri ittisa balaa ibiddaa biyyattii ibsa miidiyaa hawaasaa gubbaa baaseen gareen sagal ambulaansiiwwan jaha waliin bakka balaan kun mudate jiru.
Garaagartummaan umrii baarattoota mana barnootaa balaan kun mudate keessa jiranii 4-18 dha.
Barsiisaan koollejjichaa Rezu'aal Islaam yaada BBCf kenneen xiyyaara kallattiin gamoo mana barnootaatti bu'a ijaan argu hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barsiisaa biraan Masuud Tariik jedhamu yaada Rooyitarsiif kenneen sagale dhoyinsaa dhagahuu yeroo duubatti garagalee ilaalu ibiddaafi aara qofatu jira... ijoolleefi kan isaan eegan hedduutu jira'' jedhe.
Barataan tokko ammoo xiyyaarri mana barnootaarratti kan kufe ''ija koo duratti'' jedheera.
Ibsi humna qilleensaa biyyatti paayileetichi, Letenaant MDd. Taa'ukiir Islaam, xiyyaaricha rakkoon isa mudachuubooda bakka namni hin baayyannetti ofuuf yaaleera'' jedha.
Magaalaa guddoo biyyatii keessa buufata xiyyaara argamurraa ka'ee osoo hdduu hin imaliin kufe.
Koreen waayee balaa kanaa qoratu hundeeffameera.
Bakka balaan kun mudatettu uummatni gamoowwan dhiyoo jiranirra bahee maaltu adeemaa akka jiru ilaalaa jira.
Hogganaan yeroo Ce'umsaa Baangilaadeesh Muhaammad Yunus ka'umsa balaa kanaa qorachuuf tarkaanffiin barbaachisaa ta'e ni fudhatama'' jedhaniiru. Deeggarsa barbaachisaa ta'e akka godhanis himan.
''Biyyaaf yeroo gaddaa guddaadha. Warri miidhaman dafanii akka bayyanataniin hawwa. aanga'ootniifi hospitaalotni rakkoo kanaaf xiyyeeffannaa akka kennan waamichan godha'' jechuun X gubbaa maxxansan.
Biyyattiin Kibxatni dhufu kun guyyaa gaddaa ta'ee akka oolu labsiteetti. Biyyattii guutuutti alabaan gadi siiqee mirmiraa akka oolus ajajame.












