Biyya Afrikaa yeroo jalqabaaf dorgommii olompikii ardichatti qopheessuuf ifaajaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images
Koreen Olompikii Biyyaalessaa Masirii Afrikaa irraa biyya jalqabaa dorgommii Olompikii qopheessitu tahuuf yeroo yaalaa jirutti ‘’yeroon Afrikaa amma’’ jedhe.
Fulbaana 24, pirezidaantiin Masirii Abdel Fattaa AL-Siisii yeroo pirezidaantiin Koree Olompikii Idil-adunyaa Toomaas Baach biyya isaanii daawwatan dorgommicha qopheessuuf fedha akka qaban himaniiru.
''Tapha Olompikii bara 2036 qopheessuuf xalayaa keenya Koree Olompikii Idil-adunyaaf dhiyeesuuf jenna,’’ jedhan Barreessaan waliigalaa Koree Olompikii Masirii Sharif El Eriyaan.
‘’Yeroon kan Afrikaati, ardii tokkittii dorgommii Olompikii yeroo bonaa hin qopheessin jirtudha, akkan yaadutti Masiriin biyyoota Afrikaa keessaa dorgommii guddaa akkasii ammumaa jalqabdee qopheessuuf bu’uuraalee misoomaa qabdudha,’’ jedhan.
Ibsa kaabineen Masirii baase, pirezidaantiin Koree Olompikii Adunyaa Obbo Baach ‘’bu’uuraaleen misoomaa Masirii dorgommii Olompikii bara 2036 qopheesisuuf ishee dandeesisa,’’ jechuu eera.
Keesummaa tahuun biyyattii kan daawwatan Baach, lafa hektaara 40 caalu magaalaan ammayyaa irratti ijaaramuuf jedhu daawwataniiru.
Magaalaan kun magaalaa bulchiinsaa Haaraa kan taatu yoo tahu Magaalaa Olompikii [Olypic City] jedhamuun moggaafamti jedhame.
Magaalli kun magaalaa guddoo biyyattii Kaayiroo irraa gara Bahaatti Km40 fagaattee ijaaramaa jirti.Ijaarsi istaadiyeemii Olompikii kan bara 2019 jalqabame sadarkaa gaarii irra jira. Istaadiyeemiin kun Afrikaa irraa guddinaan isa lammaffaa taha. El Eriyaan bu’uuraaleen misoomaa kaanis jalqabamaniiru jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Waanti tokkichi amma ijaaramuu qabu ganda Olompikii qofa, garuu qopheesummaa kana mo’achuufi dorgommichi jalqabuu gidduu waggoota torbatu hafa,’’ jedhan.
"Kanaafuu yoo qopheesummaaf mo’anne hojiilee aartii ganda Olompikii keessaa hojjechuuf yeroo gahaa qabna,’’ jedhan.
Masiriin wal dorgommii sadarkaa ardii Afrikaa fi adunyaatti qopheessaa turte. Isaan keessaa Waancaan Afrikaa isa tokko.
Masiriin jalqaba dorgommii Olompikii kan bara 2032 qopheesuuf yaadaa turte.
Birisbaaneen bara darbe dorgommicha akka qopheesitu ibsame.
Yeroo sana Masiriin qopheesummaa kana fudhachuuf hin gaafanne ture. Sababni isaas daawwannan Obbo Baach bara 2020f yaadamee ture sababa weerara koroonaavaayirasiin harkifatee as gahe waan taheef.
‘’Amma akka tarkaanfii fudhachuu qabnu beekan,’’ jedhe El Eriyaan. Garuu ammayyuu gaaffii qopeesummaa idiliee dhiyeessuu jalqabuun yeroo dheeraatu hafa jedhan.
"Biyyootni shanii fi jaha tahan akkasuma qopheesuuf akka nu morkatan beekna, garuu keenya akka mo’atu abdii qabna,’’ jedhan.
Biyyootni biro dorgommicha qopheesuuf gaafatan Jarman, Indiyaa, Meksiikoo, Qaataar, Tarkii fi Raashiyaadha.
"Uummata nan tasgabbeessa"
Bara 2036 dorgommicha mootummaan Masirii qopheesuuf deeggaruu hordofee hedduun namoota biyyichaa biyyi isaanii qopheesuuf qophii tahuu amanaa jiru.
Koreen Olompikii Masirii garuu murtoon kun hanga dorgommii Olompiki itti aanuutti bara 2024 Paarisitti qophaa’utti hin ibsamu.
‘’Uummanni keenya baay’ee gammadaniiru. Miidiyaan namni hunduu waa’ee kanaa dubbataa jira,’’ jedhe El Eriyaan.
"Uummata tasgabbeesuuf yaalaan jira, ammallee dorgommicha qopheesuu hin mo’anne jechaa jirra. Masiriin mo’attee jirti jechuun gammachuu isaanii ibsataa jirra,’’ jedhan.
‘’waan %100 tahe hin jiru, dhuguma morkattootni jiru. Uummanni keenya %99 dorgommicha qopheesuu deeggaru,’’ jedhan.
El Eriyaan waggoota dheeraaf dorgommicha qopheesuuf irratti hojjechaa ture.
Dinagdee biyyattiis bayyaanachiisa jedhee amana. Masiriin warraaqsa, jeequmsa siyaasaa fi tasgabbii dhabuun rakkoo keessa galtee ture.
Dorgommiin Olompikii kun garuu lakkoofs anamoota daawwannaaf dhaqanii fi tursitoota dabalatee galii gudaa argamsiisaaf jedhamee amanama.
‘’Masiriif waan gaarii yeroo kamiyyuu hin argamnedha,’’ jedhan. ‘’Turizimii guddisa, waa’ee Masirii maqaa gaarii kenna,’ jedhan.
Masiriin qophii kanaaf maallaqa biliyoonotaan hin baastu. Ammumaan qophiidha jedhan.
Masiriin yeroo sadii bara 1916, 1938 fi 2008 dorgommicha qopheesuuf dorgomtee ture. Bara 2004 ammoo Afrikaa Kibbaa waliin tahuun qopheesuuf gaafattee ture.
Dorgommiin Olompikii Bonaa sadan itti aanan kennamaniiru. Isaanis 2024 Paaris, bara 2028 Loos Anjelos, bara 2032 ammoo Birisbaaneetti qophaa’a.












