Afaan icciitii Chaayinaa dubartoonni qofti dubbatan, kan dhiiroti hin hubanne

Waggaa 400 dura dubartoonni bulchiinsa baha Chaayinaa, Hunaan keessatti milli isaanii cabeefi qal’atee kophee isaanif hojjetame keessa akka seenu taasifama.
Kutaawwan adda baafaman keessatti uggaramanii achi fageenya dheeraa akka hin deemnes ni taasifamu.
Haala kana keessatti dandamachuuf afaan Nushuu jedhamu uuman, afaan kana garuu dhiiroti dubbachuu hin danda’an.
Abdii walii kennuuf jecha afaan barreefamaa dhiiroti hubachuu hin dandeenye kalaqan.
Dhimma kanarratti fiilmii dokimantarii ‘Hidden letters’ ( Qubeewwan Iccitii) jedhu kan dalagde Vaayoolet du Feeng BBC’n dubbiseera.
‘’Yeroon ijoollee ture akkoon koo waa’ee afaan icciitii dubartoonni qofti dubbatan natti himti ture,’’ jettii filmii dokimantarii kana irratti kan hirmaatte shamarreen tokko.
Akka Vaayooleet jettutti, dhuma bulchiinsa Miin fi jalqaba Cheen irratti ture ragaan afaan Nushuu inna dhihoo kana argame.
Bara sana keessatti bulchiinsa Chaayinaa kana keessatti dubartoonni ajaja abbootii, abbaa warraafi ijoollee dhiiraa isaaniif abboomamuun dirqama ture.
Haala kana keesssatti afaan barreefamaa mataa isaanii uuman.
Qubeewwan isaan uuman kunneenis qaama dubartii fakkeessuun kan kalaqaman yoo tahan, mimmiidhagoodhas.
Abdii walitti horuuf jechas afaan barreefamaa kana walaloo, weedduufi xalayaa illee otoo hin hafiin walii barreessu ture.
‘’Unutu akka artiitti ilala malee isaaniif gochaa diddaafi fincilaati,’’
Dubartoonni kunneen barreefamicha maarrabii ykn hafarsituu dadachaatu kan harkatti qabatanii deeman irratti barreessu.
Nushuun qubeewwan shifii tahaniin waan barreefamuuf, ‘’afaan gondaa’’ jedhama ture.
Yeroo jalqaban damee mukaafi cilaattii fayyadamaniitu lafuma irratti barreessu ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartoonni kunneen qonnaan bultoota turan, barnoota idilee kan argatan hin turre. Kanaaf akkamiin afaan barreefamaa kana uuman kan jedhu baruun barbaade.
Seenaan dubartootaas hangas barreefamaan waan kaa’ame miti. Anillee seenaa kana dhagaha hin guddanne, dubartoonni kaanis seenaa kana waan beekan natti hin fakkkaatu.
Nushuun afaan qofa otoo hin taane iddoo baqaannaa dubartootaati, ittiin waan garaa isaanii dubbatatu, qabsoo isaanii qooddatu, walitti dhiyaachuun addooyyee walii tahu.
Intalli durbaa tokko gaafa umrii shamarrummaa irra geessu, maatiin ishee intala birraa guyyaa dhalootaa ishee irratti dhalatte wajjin sirna akka cidhaa qopheessanii,kanaanis bara jireenya isaanii guutuu wal-deeggaruudhaaf walii kakatu.
Dubartoonni kunneen walitti qabamuun gidiraafi qabsuu isaanii hirmaachuun jabeenya ijaarratu.
Haala kanaanis aangoo yeroo olaantummaa qabu wajjin morkachaa turaniiru. Jabinaafi iji jabinni isaanii ananis akka obbolummaa keenyi daraaruuf na kakaasa. Hiikkaan Nushuun anaaf qabu sana dha.
Afaan ittii fufuu dhabuunsaa fi baduunsaa badaa na hin yaaddessu, anaaf akka dubartootaatti barbaachisummaan afaan kanaa seenaa obbolummaa, jabinaa, walitti hidhaminsaa fi aangoo dhiisee darbuusaati.












