Waggootaaf daandiirra jiraachuurraa hanga teenisa minjaalaan seenaa haaraa Itoophiyaa katabuutti

Dargaggoo Daraaraa Mokonnin ijoollummaasaatti abbaa fi haadhasaa du'aan dhabe. Barnoota idilee kutaa saddettaffaatti adda kutuufis dirqame.
Waggoota torbaaf daandii gubbaa jiraateera. Sababa jireenyi kallattii jalaa jijjiirrateen daandii gubbaatti araada adda addaaf saaxilameera.
Dargaggoo Wallagga Lixaa magaalaa Najjootti dhalatee guddate kana mudannoon badaan ijoollummaasaa milkaahinarraa isa hin hanqifne.
Ol adeemaan daandii gubbaa barootaaf jiraate kun amma sadarkaa idila addunyaatti sanuu dorgommii biyyi ittiin hin beekamne tapha teenisa minjaalaan maqaa waamsiseera.
Amma dargaggoo Daraaraa Mokonnin Shaampiyoonaa biyyaalessaa Itoophiyaati. Shaampiyoonaa Baha Afrikaatis.
Sadarkaa taphattoota teenisa minjaalaaf sadarkaa idila addunyaatti kennamuun Afrikaa keessaa saddeettaffaa Baha Afrikaa irraa ammoo tokkoffaadha.
Daraaraan dorgommii kanaan Itoophiyaan waggoota 28 booda shaampiyoonaa Baha Afrikaa akka taatu godheera.
Seenaa teenisa minjaalaa Itoophiyaa keessattis taphataa jalqabaa shaampiyoonaa teenisa minjaalaa addunyaarratti hirmaatedha.
''Ijoollummaatti nama si qabu dhabnaan ni miidhamta'' kan jedhu Daraaraan milkaahina hanga ammaa argateen duubas kaayyoon koo shaampiyoonaa addunyaa nan ta'a'' kan jedhu ta'uu BBCtti himeera.
Ka'umsi milkaa'ina isaa eessa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Daraaraan teenisa minjaalaa akka itti taphachuu eegale yoo himu Obboleessaas hangafaa Obsaa Mokonniiniifi dhalataa Mandii kan ta'e Mikaa'el Abarraa akka gariitti wayita taphatan isaan jalatti arguu yaadata.
Hangafootni isaa lameen kun wayita aanaalee isaanii bakka bu'anii dorgoman Najjoo, Gimbiifi Mandiitti nama hedduutu itti marsee daawwata ture'' jedha.
''Ijoollummaa kootii jalqabee isaan jalatti argeen natti toluu jalqabe. Akka isaanii ta'uun hawwe. Dhumarratti ammoo waaqayyoo jedhee naaf milkaaheera.
''Aanaarraa Godina, Godinarraa Oromiyaa, Oromiyaarraa biyya bakka bu'uun jalqabe.''
Dorgommii teenisa miinjaalaa kun bara inni ijoollee ture sana sababa hangafoota isaa lamaaniifi ijoollee naannoo saanii jajjaboo biroon baayyee jaallatamaa akka tures yaadata.
Umriisaa waggaa 12 fi 13 irraa kaasee tapha kana yaaluu akka eegaleefi wayita ganna 17 f 18 gahu ammoo dorgommiiwwan aanaaleefi Godinaarratti hiree hirmachuu argachuu dubbata.
Dorgommiinsaa jalqabaa kan inni aanaa bakka bu'ee irratti hirmaate Asallaatti akka ta'e ni yaadata.
Sadarkaa Oromiyaatti dorgoommii godhamurratti hiree argatee kan hirmaate wayita obboleessaafi hiriyyaasaa isa Mandii Mikaa'el, kan walharkaa fuudhanii Oromiyaattii tokkoffaafi lammaffaa bahan wayita mohe akka ta'e hima.
''Guyyaa jalqabaa obboleessakoo mahe, aaree na kabaleera (kolfa)... 'akkamitti na moota naan jedhee' na kabale. Achii Mikaa'eliinis nan mo'e. Isan lamaansaanii mo'e baayyeen gammade (kolfa).''
ALI bara 2006 Obboleessisaad Mikaa'e;l Oromiyaa bakka bu'anii dorgommii biiyyaalessaaf gara Baahiradar imalaniiru. Baroota achii booda turan garuu ''anatu irra deddeebiin Oromiyaa bakka bu'ee deemaa ture'' jedha.
'Akka kanan ta'a jedhee yaadee hin beeku'

Ijoollummaatti hangafoota jalatti jalaalli tapha teenisa miinjaalaa sa booji'us biddeenaa akka ta'uuf maqaa biyyaa kan ittiin dhoofsisu akka ta'us yaadee akka hin beekne hima.
''Yeroon Najjootti taphadhu miila jalafaa naannesseen deebisa, harka dugda duuba naannesseen deebisa. Yeroo kana namni natti marsee ilaala harka naaf rukuta, konkolaataa dhaabanii fa'a nan ilaalu. Natti tola ture. Maati keessas namni taphatu jiraachuun hamilee natti horeera.''
Akka kanan ta'a jedhee yaadeen miti kaniin taphachaa ture... karaan waaqayyoo namaa hin galu. Ani yaadeen miti otuun jaaladheedhuma taphadhuu karaa kanarratti of arge.''
''Daandii koo kara kanatti kan qajeelche waaqayyoodha'' jedha Dargaggoo Daraaraan.
''Dandeettii namaa kan namaa mul'isu waaqayyoodha'' kan jedhu Daraaraan, ''akka namaatti ammoo wantan gochuu qabu hin dhiifne'' jechuun cimee hojjechuusaa dubbateera.
Leenjisaan isaa Obbo Ayyalaa Taaddesee milkaahina argataa dhufee gahee akka qabus himeera.
Milkaahina hanga ammaa

Madda suuraa, ITTF-Africa
Daraaraan dorgommii irratti hirmaate mara irratti injifachuu akka barbaadu, bakka hedduutti injifannoo argachuu dubbata.
Dorgommii dhuunfaa, garee fi saala lamaan godhamu irratti injifannoo hedduu argachuu kan himu Daraaraan Oromiyaa bakka bu'ee ''naqa hedduu injifadheera'' jedha.
''Karaa koo Oromiyaattis ta'e, godinatis ta'e biyyatti akka itti badu hin barbaadu.''
ALI bara 2009 tti kilaba Baankii Daldalaa Itoophiyaatti makamuu kan himu Daraaraan, kilabichi hanga inni itti makamutti sadarkaa argachaa hin turre bara 2010 irraa kaasee kilaboota keessaa tokkoffaa akka ta'e hima.
Bara 2011 irraa kaasees garee biyyaalessaa keessa jira.
Yeroo duraaf biyya bakka bu'ee kan dorgome Morookootti ture. Muuxannoo argatee debi'e. Bara itti aanu, 2012 Naayijeeriyaatti imale qabsii jajjabeessaa argate. Sadarkaa kennamuun hanga 16 keessa galuu danda'e.
Bara 2013 keessa dorgommi ammoo Afrikaa keessatti sadarkaa bahuun warraa jalqabaa 10 keessaa tokko ta'uu danda'e.
Bara itti aanu Shaampiyoonaa Baha Afrikaa irratti sadarkaa sadaffaan xumure.
Bara 2014 dorgommii baha Afrikaa Finfinneetti qophaaye irratti tapha hunda injifachuun tokkooffaa bahe.
''Kuni akka Itoophiyaatti injifannoo waggaa 28 booda argame. Kuni Itoophiyaaf seenaadha. Waggaa 28 booda waancaa argatte.
''Seenaa kana gochuu kootti baayyee natti tole.''
''Itoophiyaan teenisa miinjaalaan shaampiyoonaa addunyaarratti hirmaattee hin beektu'' kan jedhu Daraaraan, yeroo duraaf Itoophiyaa bakka bu'ee dorgommi Qataaritti gaggeefamaa turee torban tokko dura xumurame irratti hirmaateera.
''Dorgommii bara darbe godhame irratti dhuunfaan hirmaadhee sadaffaa baheen seenaa keessatti nama jalqabaa Shaampiyoonaa addunyaarratti Itoophiyaa hirmaachise ta'e.''
Miira dorgommii addunyaarratti nama Itoophiyaa jalqabaa ta'uunsaa itti uume yoo himu ''Itoophiyaa bakka bu'uun nama jalqabaa ta'uukootti baayyee natti tole'' jedha.
Daraaraan amma Shaampiyoonaa Baha Afrikaa waan ta'eef dogommii shaampiyoonota naannolee ( Regional Championships) gidduutti Caamsaa 31 hanga Waxabajjii 3, 2025 Madagaaskaaritti godhamurratti hirmaachuuf garas imalee jira.
Dorgommii magaalaa Antanaanariivootti ''shaampiyoona ata'ee deebi'uuf'' qophii gochaa akka ture Daraaraan himeera.
Daraaraan ammaan tana Afrikaa keessaa sadarkaa 8ffaa Baha Afrikaa keessaa ammoo 1ffaarra jira.
'Wantan ofii kootti himen ta'a'

Madda suuraa, Derara Mekonen
Shaampiyoonaa addunyaa ta'uun hawwiisaa milkeessuu fedhu akka ta'e kan himu Daraaraan galma kana akka milkeessus abdata.
''Nan gaha jedheen ofiikootti hima. Namni waan ofitti hime ta'a'' kan jedhu Daraaraan nan gaha jedheen abdadha, Waaqayyos achiin nagaha'' jedha.
''Jabaadhee hojjechuutu narraa eegama sana goonaan wantan hin milkeessineef hin jiru.''
Dorgoommii addunyaa Qataar irraa miira xiiqiidhaan akka deebi'es himeera.
''Akkan bahee mul'adhummoo nan beeka.''
'Nama jabaadhu namaan jedhu dhabuun na miidheera'
Ijoollummaa isaatti abbaafi haadha dhabee guddachuun ''na miidheera'' jedha.
''Akka namaatti takka hin kufta takka hin kaata. Sana keessatti nama jabaadhu siin jedhu. Horii caalaa namuma nama jabeessu dhabuun xiqqooshee natti dhagaahama'' jedha.
Nama dhiyaate isa jajjabeessu dhabuun rakkina itti ta'us milkaahinarraa akka isa hin hanqisne dubbate.
Dargaggootaf dhaamsi dhaamu ''rakkinni akka cimsu akka jabaattee baatu si godha'' jechuun guyyaan hin dabarre, jiiniifi waggaan hin dabarre hin jiru obsaan jabaadhaa'' jedheera.
Hamma lafa abjuukee geessutti al tokko ni kufta altokko ni kaata. Ni jabaatta, ni laafta. Sana keessatti namni si bukkee iraachuu dhabuu danda'a. Namni jabaadhu siin jechuu dhiisuu danda'a. Garuu namni lafa akkasii nan gaha jedhe ofitti himee jabaatee fuula duratti adeemuu qaba'' jedha.












