Shamarree hojii qulqulleessummaa irraa hanga dhaabbata faayaa mataashee hundeessuutti

Iyyeruusaaleem Qana’aa jedhamti. Hundeessituufi hoggantuu dhaabbata faayaa fi faashinii Liluuyaan jedhamuuti.
Dhabbanni ishee kunis faashiniiwwan faayaafi omishaalee gogaa irratti bobba'uun hojjataa jira.
Iyyaruusaaleem faashinii fi ogummaa harkaan, waa tolchuu ijoollummaatti haadhasheerraa akka barte dubbatti.
‘’Yeroon barattuu tureetti faayawwan harkaa hojjedhee gurguruun of gargaara ture,’’ jette.
Dhaabbanni Faayaafi Faashinii Luuyaan kunis omishaalee gabaaf dhiyeessu hundumaa kan oomishu meeshaalee naannootti argaman fi deebiifamuun faayidaarra oolfamaniifi naannoo irratti dhiibbaa hin qabne irraa ta'uu dubbatti.
‘'Faayaan keenya maaldaa ykn nahaasii irraa hojjetamu, nahaasii kana immoo qalahaarraa arganna, akkasumas haftee naasii walitti qabunis gara faayaatti geeddarra,’’ jetti.
Kana malees faayaa hojjettu bareechuudhaaf dhakaa jabaataa fi firii mukaa akka fayyadamtus dubbatti.
Miyoota faayaa nahaasii kana miidhagsuuf fayyadamnu Markaatoo iddoo 'Minaallesh Taraa' jedhamu arganna jetti. Callee qalahaarraa hojjetamu immoo Naannoo Amaaraa, Bichanaa jedhamurraa akka fichisiisan ibsiti.
''Adeemsa faayaawwan kunneen oomishuu keessattis miyoota kukkutamanii hafanis deebisnee itti fayyadamna.
''Faaya mormaa, lootii, faaya harkaa fi amartii ni hojjenna. Dabalataan korojoo qarshiifi mi'a garagaraa keessa kaa'uuf fayyadu gogaarraa harkaan hodhineeti tolchina. Faayaawwan tolchine baayyeen isaanii yeroo baazaariin jiraatuufi onlaayiniidhaan gurgurra,'' jechuun ibsti Shamarree Iyyerusaalem.
Hojjettoota haadholii ijoollee ‘abbaa malee’ guddisan
''Haadholiin faaya kana hojjetan iddoo hojii dhufuun osoo irraa hin eegamiin manuma isaanii taa’anii akka hojjetan goona,'' jetti.
Hojjattoonni dhaabbata kanaas haadholii abbaa malee ijoolleessaanii guddisan ta'ulleen dabaluun himti.
Iyyarusaaleem haadholii akkasii hojjechiisuuf kan barbaadde seenaa dhuunfaa mataashee waan qabduuf ta'uu dubbatti.
‘’Ani haadha ogeettiifi jabduu ogummaa harkaa qabdu qabaadhus daa'ima manatti dhiistee hojii barbaacha deemuun garuu hangam akka isheetti ulfaatu nan beeka ture. Kanaafan haala akkanaatiin haadholii ijoolleesaanii qofaa guddisan manaa akka hojjetan gochuun gargaaruu barbaade,'' jetti.
‘Hojii qulqulleessuu hojjataan of barsiise’
Iyyaruusaaleem ijoollummaasheetti abbaa fi haati ishee waan wal-hiikaniif, haatishee qofaa akka ishee guddiste dubbatti.
Sababa kanaanis haatishee gargaartuu manaa biratti ishee dhiistee wayita hojiif deemtu, miseensota maatiifi hojjettuu manaan miidhaan garaagaraa irra akka gahe dubbatti.
Iyyarusaaleem kutaa 12ffaa yeroo xumurtu qabxii yunivarsiitiif tahu waan hin fidneef koolleejiitti kaffaltee barachuuf dirqamte.
Kana fiixaan baasuuf immoo karaa itti qarshii argachuu dandeessu akka yaadde ibsiti.
Mana rifeensaa tokkotti qulqulleessituu taatee qacaramuun, maatii irraa gargar baatee of barsiisuu jalqabde.
Haala kanaanis digrii gosa lama barattee qabxii olaanaadhaan akka eebbifamte dubbatti shamarreee Iyyarusaalem Qana'aa.
Ergasii boodas dhaabbilee miti mootummaa gargaraa keessatti ogummaa baratteen hojjetteetti.
Boodarra garuu ogummaa ijoollummaatti baratte gara madda galiitti geeddaruun dhaabbata Liluuyaan akka hundeessite dubbatti.
‘Liluuyaan jecha Gi’iizii yoo tahu, hiikaan isaas 'ummata addaa' jechuu akka ta'e kan himtu Iyyarusaalam, ''nuti ummannii Afriikaa adda'' amantaa jedhu akka qabdu dubbatti.
Akkasumas ''maamiloota keenya nurraa miya Liluuyaan takkaa yoo bitan hawaasa keenyatti dabalamaniiru jechuudha,'' jetti shamarreen kun.
Gara fuulduraatti haadholii ijoollee isaanii dhiisanii iddoo hojii deemuu hin dandeenye baayyee leenjii kennuufi galii gaarii akka argataniif isaan deeggaruu akka barbaaddu dubbatti.
''Akkasumas hojiiwwan kootiin eenyummaa Afrikaa agarsiisuufi beeksisuun barbaada. Akka ardiitti oomisha keenya fayyadamuu akka qabnu namootatti himuun fedha,'' jetti.
Kana malees faashiniin indastirii naannoo waan faalaniif miyoota irra deebiin faayidaarra oolanirraa faayaawwan akkanaa bal’inaan tolchuuf fedhii akka qabdus himti.
















