Tiraamp maaliif gara biyyoota Arabaatti marmaaraa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Filannoon imala biyya alaa jalqabaa pirezidaantii Ameerikaa murtee baayyee barbaachisaa ta'e qofa osoo hin taane, yeroo baay'ee akka kallattii imaammata alaatti ilaalama.
Doonaald Tiraamp bara aangoo isaanii jalqabaa Caamsaa 2017 tti haala daawwannaa Pirezdaantota Ameerikaa asiin dura barame faallaa ta'ee hordofaniiru.
Pirezidaantonni Ameerikaa yeroo aangoo isaaniitti biyyota akka Kaanaadaa, Meksikoo fi Awurooppaa daawwachuuf dursa kennuu filatu
Doonaald Tiraamp garuu akkuma aangoo qabataniin biyya boba'aan badhaate Sa'uudii Arabiyaa daawwachuuf kan murteesse yoo ta'u, yeroo lammataaf gara Waayit Haawusitti erga deebi'anii boodas torban kana (Caamsaa 13 - 16) ammas gara biyyoota naannoo Galoo Galaanaatti deebi'uuf jiru.
Sa'uudii Arabiyaa, Kuwatarii fi Emireetotni Araba Gamtoomanii Tiraamp marsaa lammaffaa isaanii keessatti tarree imala biyya alaa isaanii isa jalqabaa irratti ni argamu.
Tiraamp ji'a darbe, sirna awwaalcha Phaaphaasii Firaansis irratti hirmaachuuf j gara Vaatikaanitti imala hin eegamne taasisaniiru. Garuu kun akka daawwannaa hojii ifaa ta'ettii kan ibsamu miti.
Fedhiin Tiraamp ammas biyyoota Galoo Galaanaa daawwachuu isaanii maal akka yaadan kan ibsuudha
Dhimma Galoo Galaanaa irratti kan xiyyeeffatan Piroofeesar Abdullaah Baabod BBC'tti akka himanitti, Tiraamp hoggantoota Galoo Galaanaa waliin hariiroo cimaa uumuun bu'aa siyaasaa fi dinagdee guddaa akka fidu hubataniiru jedhu.
Itti dabaluunis, dhimma biyya keessaa fi addunyaa irratti dhiibbaa biyyootni kunneen qabanii fi invastimantii guddaa Ameerikaatti fiduuf dandeettii jiru waan hubataniif ta'uu ibsaniiru
Dhimmoota Gurguddaa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii bitootessaa keessa karoora jalqabaa isaanii yeroo beeksisan, Tiraamp hojiin isaanii inni olaanaan biyyoota Arabaa dureeyyii ta'an waliin waliigaltee dinagdee taasisuu akka ta'e dubbataniiru.
Murteen kun kan irra ga'ame "dhaabbilee Ameerikaa meeshaalee Sa'uudii Arabiyaa fi biyyoota Baha Giddugaleessaaf oomishanii" waliin waliigalteerra ga'amee booda ''doolaara biliyoona dhibbaan lakkaa'amu'' waadaa seenamee booda ta'uu himaniiru.
''Biyyoonni Galoo Galaanaa kuufama faayinaansii, fandii qabeenya abbaa biyyummaa, fi dandeettii invastimantii bal'aa qabaniin dinagdee addunyaa keessatti gahee guddaa qabu,'' jedhan Piroofeesar Baabod.
Tiraamp rakkoo dinagdee biyyattiin qabdu ilaalcha keessa galchuun biyyoota dureeyyii Galoo Galaanaa waliin hariiroon qabaachuun faayidaa akka qabu hubataniirus jedhu
Bara 2017tti Tiraamp waliigalteewwan doolaara biiliyoona 450 ol qabna taasisaniiru. Kunis gurgurtaa meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 110 KAN dabalatuudha
Yeroo aangoo isaaniitti Sa'uudii Arabiyaa waliin waliigaltee invastimantii hanga doolaara tiriliyoona 1 mallatteessuuf waadaa galaniiru.
Waayit Haawus akka jedhetti, Imireetotni Araba Gamtoomanii waggoota 10 dhufan keessatti doolaara tiriliyoona 1.4 Ameerikaatti invast gochuuf waadaa galuu ibseera.
Tiraamp imala kanarraa ''injifannoo milkaa'aa'' agarsiisuu akka barbaadan, Waashingitan keessatti xiinxalaan dhimma Baha Giddugaleessaa fi Ameerikaa kan ta'an Hasan Menyimneh BBC'tti himaniiru.
Pirezidaantiin Ameerikaa invastimantiiwwan gurguddoon sun, keessattuu waliigalteewwan waraanaa, saffisaan akka hojiirra oolan barbaadu.
Sana booda imaammata daldalaa isaanii akka milkaa'inaatti dhiyeessuu akka barbaadan dubbatan.
Haala Baha Giddu Galeessaa
Karoorri waraana booda Gaazaa fi daldalli Iraan waliin hin xumuramne imaammata alaa Ameerikaan dursa kennitu keessaa tokko yoo ta'u, michoonni Galoo Galaanaas kanarraa fayyadamoo ta'u.
Guyyoota jalqabaa turtii isaanii haaraa keessatti Tiraamp biyyi isaanii Gaazaa gara "Zoonii Baha Giddugaleessaatt" jijjiiruuf dhuunfachuu akka barbaadan ibsuun addunyaa rifachiisaniiru.
Yaadni pirezidaantichaa namoota miliyoona 2.1 kutaa biyyattii keessa jiran keessaa harki caalaan bakka biraatti jijjiiruu kan of keessaa qabu yoo ta'u, kunis ''biyyoota ollaa qabeenya guddaa qabaniin'' uwwifamuu danda'a jedhan.
Karoorri kun addunyaa guutuutti baayyee qeeqamaa kan ture yoo ta'u, karoorri filannoo Arabaa waraana booda Gaazaa deebisee ijaaruuf ture Ameerikaa fi Israa'eliin fudhatama dhabe.
Daawwannaa kana irratti Tiraamp naannoo waraanaan miidhame kana keessatti tattaaffii deebisanii ijaaruu kamiifuu biyyoota Galoo Galaanaa irraa maallaqa barbaaduu hin oolan jedhan Prof Baabood, garuu dhimmoota hatattamaa ta'an irratti xiyyeeffachuu hin oolanis jedhan
"Ammaaf Tiraamp michoota isaanii Galoo Galaanaa dursanii namoota Gaazaa keessatti booji'amanii hafan akka gadhiisan akka gargaaran gaafachuutu irraa eegama," jedhu Piroofeesar Baabod.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiibbaa biyyoota Arabaa waldhabdee idil-addunyaa keessatti
Ameerikaan tibbana humna ishee Baha Giddu Galeessaa keessatti dabaluudhaan garee milishaa Huutii Yaman keessa dooniiwwan Galaana Diimaa keessa darban haleelu waliin wal loluu akka dhaabdu dhorkiteetti.
Daawwannaa Tiraamp torban tokko dura Omaan karoora gidduu seenummaa Waashingitan fi Huutii gidduutti jalqabde.
Mr Menimneh Riyaad daawwannaa isaanii dura US haleellaa xiyyaaraa ishee akka dhaabdu gaafachuu mala jedhee amanu.
Traamp Iraan walii galtee niwukilaraa kana yoo hin kabajne haleellaa akka raawwatanis doorsisaniiru.
Tiraamp ji'a Bitootessaa keessa 'Fox News'tti akka himanitti, ''karaa lamatu jira - karaa waraanaatiin, yookaan waliigaltee taasisuu,'' jechuun ''waliigaltee gochuu'' filachuu isaanii ibsaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ibsa Ebla 30 baaseen, "Sirni Iraan Baha Giddu Galeessaa keessatti waldhabdee kakaasuu, sagantaa niwukilaraa isaa tarkaanfachiisuu, michoota shororkeessummaa fi bakka bu'oota isaa deeggaruun itti fufee jira" jedheera.
Haa ta'u malee, gama lachuu waraana irraa kan fagaatan hin fakkaatu, Omaan sagantaa niwukilaraa Tehran irratti Iraan fi Ameerikaa gidduutti jaarsummaa taa'aa jirti.












