Dubartoonni nama barnootaafi maallaqaan caalanitti heerumuun baramaadha?

Madda suuraa, Getty Images
Yaad-rimeen gaa'ila dhaabbachuu waliin wal qabatu yeroo dheeraaf seera aadaa hawaasaa waliin jiraatu irratti kan hundaa'u ta'ullee waanti baratame kan wal madaalu ykn dhiirotni sadarkaa barnootaa, umurii fi galii fa'iin dursuudha.
Amma garuu dubartoonni baay'een barnoota olaanaa fi walabummaa maallaqaa argachuu isaaniitiin haalli barame kun jijjiramaa jira.
Reeshoon dargaggoota gidduu jiru wayita ilaalamu garaagaarummaan guddaan kan mul'ataa jiru yoo ta'u, dubartoonni barnoota olaanaa qaban dhiirota caalaa haalaan baay'eedha.
Kanarraa kan ka'e dubartoonni hedduun yeroo baayyee hiriyoota barnootaa ykn sadarkaa hawaas-dinagdee wal madaalu ykn isaanii ol ta'u gaa'ila malee turan hedduu akka ta'an ragaaleen kan eeran.
Kanneen filannoo dhabuun namoota sadarkaan isaanii gadi ta'an kanneen waliin jireenya jaalalaa jalqabuun waliin raaganis heddudha. Haalli kun ammoo 'Haayipogamii'' jedhama.
'Haayipogamii' jechuun maali?
'Haayipogamii' jechuun dhiira sadarkaa hawaasummaa, dinagdee ykn barnootaan dubartiidhaa gad ta'e waliin gaa'ila dhaabbachuu ykn walitti dhufeenya jaalalaa uumuu jechuudha.
Akka aadaa biyyoota heddutti faallaa kanaatu jajjabeeffama ture. Dubartootaaf caalaatti kan hawaasummaan fudhatama qabu dhiirota maallaqaan tasgabbaa'oo, umuriin isaaniis nama itti eerumtu caaluu fi sadarkaa barnootanis fooyya'aa ta'e ta'uu akka qabu jajjabeessaa ture.
Ogeettii hawaasummaa Biriteen fi qorattuun pirofeeshinaalaa dhabbata hayyootaa Landan keessa jiru Kaatiriin Hakim "Seenaa keessatti, ijoolleen dhiiraa kanneen hojii ala keessa hojjatanii fi dubartoota caalaa carraa barnootaa dursa argatan ture. Shamarran ammoo hojii mana keessaa haadholii irraa barataan.''
"Qaawwi umurii fi barnootaa guddaan hiriyoottan gaa'elaa gidduutti uumame, dhiirotni olaantummaa akka qabaatan taasiseera. Walqixxummaan barnootaa dhiiraa fi dubartii amala hawaasa ammayyaa fi dureeyyii ta'aniiti," jetti.
Jijjiirama lakkoofsaa

Madda suuraa, TV Times
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qorannoowwan dhiheenya kana keessa ba'aa jiran haalli baratamaan sun jijjiramuu agarsiisa.
Qorannoon bara 2023 Giddugala Qorannoo Pew jedhamu irraa bahe akka agarsiisutti, Ameerikaa qofatti dubartoonni dhibbeentaa 24 (24%) ta'an abbaa warraa isaanii caalaa sadarkaa barnootaa olaanaa kan qaban yoo ta'u, bara 1972tti dhibbentaa 19 (19%) qofa turan.
Qorannoon walfakkaataan kun akka agarsiisutti hiriyoonni gaa'elaa lamaan haala barnootaa fi galiiwal fakkaatu argatan dhibbentaa 29 (29 %)dha.
Haata'uu malee ammallee ol'aantummaan aadaa baratamee kan abbootiin warraa caalanii kan mul'atu yoo ta'u,waanti hubatamuu qabu garuu, waggoota kurnan shanan darban keessatti dubartoonni galii abbaa warraa isaaniin wal maadaalu ykn isaanii ol argatan dachaa sadiitti dhiyaataniiru.
Jijjiiramni kun seera koorniyaa yeroo dheeraaf tureef qormaata ta'uu fi filannoo hawaasummaa yeroo dheeraadhaaf turu gidduutti waldhabdee uumuudha.
"Dubartoonni tokko tokko hiriyoota sadarkaa hawaas-dinagdee olaanaa qaban barbaaduu itti fufaniillee amma ilaalchi sun hanga tokko fooyya'uun sadarkaa baratamoo caalaa jaalalaa fi wal kabajuu dursa kan kennan yoo ta'u, kunis jijjiirama bal'aa gara hariiroo walqixxummaatti taasifamuu calaqqisiisa " jetti Misheel Beegii, kan dhimma kana irratti qorattu.
Hakim akka jedhanitti, walqixxummaan barnootaa amma Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessatti baay'ee beekamaadha.
"Tilmaaman hiriyoonni gaa'elaa tilmaaman walakkaa ta'an ykn yeroo tokko tokko hanga tokko sadaffaa sadarkaa barnootaa walqixa ta'e qabu.
Duudhaa Hawaasa Addunyaa

Madda suuraa, Getty Images
Hawaasa warra dhihaa keessatti gaa'elli dubartootni dhiirota isaanii gadii (hypogamy)waliin taasisan caalaatti mul'achaa kan dhufe yoo ta'u, kutaalee addunyaa hedduu keessatti ammallee gaa'ila keessatti olaantummaan warra dhiiratu mul'ata.
Akka amantaa Indu'izimii hawaasa Hinditti dhiirri tokko dubartii sadarkaa jireenyaan madaaltu ykn gadi taate fuudhu kan hayyamamu yoo ta'u, gaa'elli dhiirri dubartii sadarkaa galii fi barnoota dabalatee waan hedduun isa caaltu fuudhuun dhorkaadha.
Hindii keessatti dhiirootni dhibbeentaan 95 (95 %) dubartoota isaanii gadi ta'an fuudhan. Haata'uu malee, akka qorannoon dhiyeenyaa taasifame agarsiisutti yeroo dhiyoo as lakkoofsi dhiirota dubartoota sadarkaan isaanii olii ta'e fuudhuu dabalaa jira.
Iraan Baha Giddu Galeessaa keessatti dubartoota yunivarsiitii irraa eebbifaman heddu qabdu keessaa tokko yoo taatu, akka duudhaa hawaasichaatti maatiin baay'een ammallee dhiirota jireenya isaanin gitu ykn caalu akka argatan eegu.
Kanaanis dubartootni qeenxee, baratan kunneen hiriyoota "fudhatama qabu" argachuuf rakkatan akka dabalu taasisera jedhu gabaasaaleen.
Chaayinaa keessatti jechi xiqqeessuu "sheng nu" (haftuu) jedhu dubartoota barnoota olaanaa qaban kanneen xumura waggaa 20 hanga 30 keessa jiran kanneen gaa'ela malee hafan ittin qeequuf fayyadamaniidha.
Jaappaan keessatti dubartoonni sababa dinagdeen walaba ta'anii fi sababa biraan gaa'illi jalaa harkifate ykn guutummaatti gaa'ela keessaa bahuun isaanii dabalaa dhufeera.
Biyyoonni akka Noorweey fi Siwiidin faallaa kanaa kan dhiyeessan yoo ta'u, imaammata walqixxummaa saalaa cimaa, boqonnaa warraa arjummaa, fi hirmaannaa hojii dubartootaa olaanaa,kan agarsiisuu fi bu'aan isaas tumsa walqixxummaa kan fidu ta'uu kanneen deeggaraniidha.
Biyyota Dhihaa biroottis dubartoonni barnoota olaanaa qaban dhuguma abbaa warraa isaanii caaluu yoo argachuu baatanillee hariiroo kana keessatti sadarkaa hawaasummaa gaarii qabaachuu akka barbaadan ogeeyyotni qoratan kan ibsan.
Dhiibbaa miidiyaa hawaasaa

Madda suuraa, PeopleImages
Qabatamaan dubartootni dhiira sadarkaa isanii waliin gaa'ila dhaabbachuun gadi bu'aa dhufus, yeroo baayyee gorsa hariiroo fi akkaataa hiriyoota jaalaalaa dureeyyii ykn sadarkaa olaanaa qaban hawwachuun itti danda'amu irratti kennamuu fi hariiroon akkasii ammallee miidiyaa hawaasaa irratti jaalala argachaa jira.
Adeemsi akkasii kun dhiibbaa uumuun dubartoonni abbaa warraa galii guddaa argatan akka hordofan jajjabeessa.
Haata'u malee, ogeeyyiin hawaasummaa tokko tokko haaromsi ammayyaa dhiirotni dubartoota dureeyyii adamsaan olka'uun aadaa baratamaan walxaxaan dhufuu isaa agarsiisa jedhu.
Dubartoonni dhiiraa ol ta'an gaa'ila keessatti yeroo baayyee dhiirotaaf dhiphina guddaa uuma, sababiin isaas yaada aadaa dhiirummaa mormuu waan fakkatufi jedha qorannoon.
Ogeeyyiin hawaasummaa sadarkaan barnoota dubartootaa akkuma ol ka'aa deemuun caasaan hawaasaa malawwan akka garaagarummaa mindaa, hojii yeroo muraasaa guddisuu fi seera bakka hojii madaallii hojii fi haadhummaa rakkisaa taasisuun gahee saalaa aadaa eeguuf haala dhokataa ta'een hojjetu jechuun falmu.
Dhiironni akkaataa idileetti dubartoota ykn haadhotii manaa isaanii caalaa galii argatu, sababiin isaas haadhotii manaa fi haadholiin yeroo baay'ee hojii addaan hin cinne ykn yeroo muraasaaf hojjetu.












