Rakkoo fayyaa gaa'ila namoota firummaa qaban jidduutti raawwatuun qabu

Qubeelaa gaa'ilaa

Yunaayitid Kingidam Biraadfoord keessatti obboolaan sadii waliin haasa'aa taphataa turan. Manichi kolfaafi gammachuun guutameera.

Obbolaan sadan umuriinsaanii waggaa 20man keessatti argamu kunneenis waa'ee abbaa warraa fi gaa'ilaa haasa'aa turan.

Obbolaan kunneen cidha maatii dhuma torban sanaatti gaggeeffamuuf qophaa'aa turan. Misirroo fi misirriittiin ijoollee adaadaati.

Kun namoota baayyeedhaaf waan naasiisaa fakkaata. UK naannoo Biraadfoordiitti garuu kun kan barameedha.

Obbolaa sadan keessaa isheen angafaafi kan umriin waggaa 29 Ayishaadha. Isheen bara 2017tti ture kan ilma eessuma isheetti kan heerumte.

Ijoollee lamas waliin godhataniiru. Gaa'ilasaanittis baayyee gammadduu ta'u dubbatti.

Yeroo sanatti ilma eessumaatti heerumuun rakkoo ta'e itti hin mul'annee ture. Baqattoonni Paakistaan baayyeenis haadhoolisaanii ijolleesaanitiif akkas akka raawwatan barbaadu.

Obbolaa sadan keessaa quxisuun kan waggaa 26 Saaliinaan garuu ''kan jaalattuutti heerumuu akka barbaaddu'' dubbatti.

Firaan ala gaa'ila dhaabbachuu barbaaddi. Dhimmi kun ammoo maatii yaaddesseera. Obboleettiin isaanii biraa Maalikaanis ammoo jirti.

Isheenis ''yoon du'eyyuu firakootti hin heerumu'' ejjannoo jedhu qabattee jirti. Miiliikaan ''Obbolaa koorratti hin murteessu garuu ani kana hin godhu'' jetti.

Ofii firatti heerumuun rakkoonsaa maaliidhaa?

Garuu hangam yaaddessaadha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UK fi Awurooppaa guutuu keessatti gaa'ila ijoollee essuummanii fi adaadaa jidduutti raawwatamurratti falmiin jira.

Biyyoonni tokko tokko seeraan dhorkaniiru. Kaan ammoo ganaa qorannoo jiru.

Hakimoonni gaa'illi firoota dhiigaa dhihoo jidduuutti raawwatamu rakkoo fayyaa hedduu akka qabu akkeekachiisu.

Kana qabatamaatti hubachuudhaaf ammoo qorannoo guddaan tokko Biraadfoordiitti gaggeeffamaa jira. Qorannoon kunis waggaa 18 guuteera.

Qorattoonnis magaalicha keessatti ijoollee 13,000 adda baasuudhaan yeroo ijoolluummaa isaaniitii kaasee hanga umurii dardarummaatti itti dhiheenyaan hordoffii taasisaa jiru.

Ijoollee qorannoo kana keessatti hammataman kunneenis kan maatii ijoollee eessummanii ykn adaadaa irraa dhalataniidha.

Kunis qorannoowwan miidhaa fayyaa maatii dhihoo jidduutti gaa'ila dhaabbachuun qabu adda baasuuf gaggeeffaman keessaa tokkodha.

Haala qorannoo baatiiwwan muraasa darban keessa maxane tokkootti, qorattoonni ijoollee adaadaa ykn eessumaa fudhuudhaan ijoollee godhachuun balaa jalqaba yaadame caalaa qabaachu irra gahaniiru.

Sabiibawwan ijoollee haadhaa warraa fi abbaa warraa firooma foonii qaban jidduudhaa dhalatan irratti sodaatamu keessaa tokko waan irra deddeebiin qaccee sanyii umamuufidha.

Kun ammoo ijoolleen dhalatan akka dhukkuba dhaalan taasisa.

Kanaan walqabatee ijoolleen maatii firoota irraa dhalatan irratti rakkoon afaanii fi haasaa dhibbantaa 11, kanneen firummaa hin qabneerraa dhalatan irratti ammoo dhibbantaa 7 ta'u adda baase.

Ijoolleen maatii firummaa qaban irraa dhalatan ''sadarkaa guddina fayyaa qabeessa'' irra gahuudhaaf carraa %54 qofaa yoo qabaatan, kanneen maatii firummaa hin qabnerraa dhalata carraa %64 qabu.

Ijoolleen meeqatu irra deddeebiin dhukkubsatee mana yaalaa deemee kan jedhu dhimma caalaatti waa'ee fayyaa isaaniirratti hubannoo kennedha.

Ijoolleen maatii essumaan ykn adaadaa irraa dhalatan jidduugalaan waggaatti yeroo afur mana yaalaa deemuuf dirqamaniiru.

Dhimma Chaarlis Daariwiin

Aadaan intala adaadaa ykn eessumaa fuudhuu kun kan qalbii seera tumtoota Awurooppaa hawwate ture. Murteerra gahuuf ammoo odeeffannoo saayinsii ifaa barbaadu.

Biyyoonni Iskaandeeniviyaa lamaan Nooriweey fi Siwiidiin gaa'ila intala ykn ilma eessumaa fi adaadaa gutummaa guutuutti seeraan ala taasisaniiru.

Noorweey keessatti bara darbe seeraan ala jedhame labsame. Siwiidiiniitti ammoo dhorkaan bara dhufaarraa kaasee hojiirra oolfama.

UK keessattis sochiin wal fakkaatu eegalameera. Miseensi paarlaamaa warra aadaa cimsanii, Riichaard Hooldan, gochicha hambisuuf qabsoo eegalaniiru.

Paartii Leebar garii dhorkaa kaa'uudhaaf yeroodhaaf karoora omaa akka hin qabaanne hime.

Yeroodhaaf UK keessatti miidhaan gaa'illi firoota dhihoo jidduutti raawwatamu hubachuudhaaf tibba ulfaatti qorannoon dabalataa akka taasifamuu imaammata ''gorsa qaccee sanyii'' lammiilee jajjabeessu hordofaa jirti.

Dhugaatti Biriteeniyaadhaaf intala adaadaa ykn eessumaa fudhuun bara kanatti waan hin baramnedha.

Cimdiiwwan harka wal qabatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hawaasa Paakistaan UKtti argaman jidduutti ijoollaa adaadaafi eessumaa wal fuudhuun fudhatama qaba

Bara durii garuu maatii sooressotaa biratti keessumaa waan baramaa ture.

Qorataan sirna uumamaa 'abbaa jijjirama tirataa' jedhaman Chaarliis Daariwiin intala eessumasaa Emaa Wedwiidin fudhee ture.

Chaarliis Daariwiin firasaa dhihoo Emaa Wedwiidin ijoollee 10 deesseef. Haata'u malee, 7 qofatuu waggaa dhalootasaanii 10ffaa kabajachu kan danda'e.

Intallisaanii tokko, Joorj Daariwiin saayintistiidha. Akkuma inni barreessetti, gaa'ila 20 maatii mootii jaarraa 19ffaa keessaa jiraatan irraa yoo xinnaate tokkoonsaa kan fira dhihoo waliin raawwatamu ture.

Jaarraa 20ffaa irratti garuu UKtti intala eessumaa ykn adaadaa fudhuun gara dhibbantaa 1tti gadi bu'ee ture. Haata'u malee, hawaasa Eeshiiyaa tokko tokko biratti ammaleen itti fufeera.

Waggoota dhiheenyaan dura hawaasni Paaksitaan wallakkaansaa (%46) kan intala adaadaa ykn essummaa fuudhee ture.

Fira fagoo fudhuun hoo?

Pirofesar Odiin, fayyaa qaccee sanyii Biraadfoorditti balaa ijoon gaa'ila ilmaan adaadaa ykn eessumaa jidduutti raawwatamu qofaa osoo hin taane fira dhihoo ykn fagoo fuudhuunis rakkoo akka ta'e eeru.

Firoota fagoo jidduuttis yoo ta'e hawaasa xiqqaa tokko keessatti gaa'illi raawwatamu balaa qabaata.

Miseensa hawaasa dhihoo fudhuun afaan Ingiliffaatiin 'endogamy' jedhamuun beekama.

Hawaasa firoomaan baayyee walitti dhiyaatu jidduutti gaa'ila raawwatan biratti akkoo fi qaccee sanyii waloo qooddachuuf carraa olaanaatu jira.

Gaa'illi firoota jidduutti raawwatamu kunis Paakistaanota biratti qofaa osoo hin taane Ayihudoota, Amiishoota fi kan lammummaa Faransaay Kaanaadaa qaban birattis kan barameedha.

Pirofesar Odiin akka jedhaniitti, ''qacceen sanyii walfakkaatu garee keessatti baay'inaan uumama. Sababii kanaatiin maatiiwwan lamaan qaccee sanyii miidhamaa qabaatu, dhaalu'' jedhu.

Kun ammoo rakkoo fayyaatiif isaan saaxila.

Seeraan dhorkuun ni baasaa?

Qorannichi itti fufeera. Gaa'illi ijoollee eessummanii ykn adaadaa jidduutti raawwatamu fayyaaf balaa qabaachuu ragaaleen agarsiisan bahaa jiru.

Garuu seeraan dhorkuun baasaa?

Namoota hawaasa Paakistaan keessatti argamaniif gaa'illi akkasii balaa qaccee sanyii qabaachuu beeksisuudhaaf waggoota hedduudhaaf Biraadfoorditti waggaa hedduuf duulli taasifamaa ture. Hakimoonnis gorsa addaa kennu.

Kanneen gaa'ila haaraa dhaabaniif balaasaa beeksisu. Baayyeen isaaniis ergaasaa galaafii jira.

Dubartoonni ka'umsa bareeffama kanaarratti eeraman sadi gaa'ila firoota dhihoo jidduutti taasifamu irratti ilaalchi isaanii jijjiiramaa dhufuu dhugaa bahaaniiru.

Sababii kun itti ta'es hubannoonsaanii miidhaa fayyaa irratti qabaatu waan dabaleefidha.

Hiriyaa gaa'ilaakoo firakoo irraa osoo hin taanee naman jaalalaan kufuuf waliinan hundeeffachuu barbaada kan jette Saaliinaan, ilaalchi hubannoo wal jalaan kan dhufuu ta'u dubbatti.

''Haatiikoo Paakistaan irraa gara UK wayita dhufteetti miseensi maatii ture baayyee xiqqaadha. Kanaan kan ka'e ilaalcha ta'e qabdi turte. Haata'u malee, wal jalaan jijjirameera'' jetti.

"Ilaalcha haatikoo qabaataa ture cimaa keessaa tokko ijolleeshee fira dhihootti heerumsiisuudha.

''Amma garuu haatiikoo 'ilma essummaatti heeruumuudhaaf dhiibbaa taasisuun maal gargaara?' yoo jedhuun 'sirriidha' jette.''

UKtti hawaasni Paakistaan gaa'ila firoottan dhihoo jidduutti raawwatamuun maqaansaanii ka'a

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, UKtti hawaasni Paakistaan gaa'ila firoottan dhihoo jidduutti raawwatamuun maqaansaanii ka'a

Obboleettiin ishee Maaliikaan kanaan waliigalti. Hawaasni jijjiiramuu kan danda'u hubannoon hawaasaa dabaluuni jetti.

Bara kanatti ''walitti dhufeenya haaraa. . . namoota ija maatii keenyaatiin ala jiran waliin salphaatti wal arguu dandeenya.''

Kanaaf tokko miidiyaan hawaasummaa babal'achuun kanaaf akka gumaatu eerti.

Obboleettiin isaanii angafaa kan firatti heerumte Ayishaan ijoollee ishee lama keessaa ''tokkoon isaanituu ilma eessumaatti ni heerumu jedhee hin yaadu'' jetti.

Isheen yeroo ilma eessumaatti heruumteetti, ''Sanaan alatti wantin beeku hin turre. Maatiikoo aadaasaaniitti cimoo turan'' jechuun amma garuu haalli jijjiramaa akka jiru ibsiti.

Dhugaatti Biraadfoordiitti amma aadaan kun hir'ataa dhufaa jira. Qorataa olaanaan 'Born In Bradford' pirofesar Joon Raayit akka jedhaniitti, kun ta'aa kan jiru akka tasaa miti.

Garichi UK keessatti balaa gaa'ila ijoollee eessumaa ykn adaadaa irratti odeeffannoo kan maxxansiisee yeroo dhihoo keessa ta'u kaasu.

''Waggaa 10 dura hawaasa waliin yoo haasoofnu namoonni waa'ee miidhaasaa akka hin beekne ifatti dubbatu ture.

''Haata'u malee, amma maatiin hundi ijolleesaaniif waan danda'amuuf hunda gochuu barbaadu.

''Ijoollee fayya qabeessoo godhachuu barbaadu. Kanaaf ammoo barnoonni dhimma furtuudha.''

Weerara aadaa warra Lixaa?

Yaaddoo fayyaatiin alattis namoonni tokko tokko gaa'ila ijoollee essuummanii ykn adaadaa dhorkamee arguu kan baraadan sababiin biraa jira.

Kunis dhiibbaa walitti dhufeenya hawaasaa irratti qabaatudha.

Falmiin Iskaandeeniviyaa jiru akka ijootti kan kaase kanadha. Noorweey biyya gaahilli ijollee adaadaa ykn eessummanii bara darbe itti dhorkameetti, gochichi kan gaa'ila dirqii waliin wal qabate ta'u seera tumtoonni ibsaniiru.

Baqattoonni Eeshiyaa kibbaa tokko tokko ammoo dubartoonni akka firootasaaniitti heerumaniif dirqisiifamuu kaasaa turan.

Maatiiwwan tokko tokko ammoo aadaadhaan hawaasa biraa waliin walitti akka hin hidhamneef jecha gaa'ila firaa jajjabeessu.

Kun kan ta'u ammoo sodaa aadaan keenya ni bada, ni liqimfamna jedhurraa ka'uun.

Qondaalli poolisii olaanaan Noorweey, Jaasmiinaa Hooltan, bara darbe af-gaaffii Birodkaastiingii Noorweey waliin taasisaniin, dubartoonni akka gaa'ila ijoollee essummanii ykn adaadaa waliin akka raawwataniif dirqiisifaman tokko tokko mataansaanii akka tasaatti kiyyoo balaafamaa keessatti akka argamanii fi bilisummaansaanii sarbamu ibsan.

Sababii dhiibbaa maallaqaa fi dahoo xin-sammuu firasaanii jalatti kufaniif gaa'ilasaanii hiikuufilleen sadarkaa hin dandeenye irra gahu.

Gaa'ila ijjoollee eessummanii ykn adaadaa dhorkuun hidhata qaaneessaa sana cabsuuf dandeessisa jedhu.

Dubartoonni haala gaa'ila akkasii keessatti hidhaman gaa'ila hiikuuf gaafatan jechuun hawaasa sana keessatti gonkumaa loogeeffamuu hordofsiisa.

Haaluma walfakkaatuunis, Barreessaan dhimmoota haqaa Siwiidiin, Gunaar Istiroomar biyyisaanii gaa'ila ijollee adaadaa fi eessummanii dhorkunsaa dubartoonni sirna ''gara jabinaa'' irraa bilisa akka baasu dubbatu.

Kunis dhimma falmii aadaa cima kaasedha. Muraasnis murticha akka aadaa warra kaanii tuffachuutti ilaalaniiru.

Sab-daneessummaa aadaa fi filannoo dhuunfaa kabajuu dhabuudhas jedhan.

Biyyoota iskaandeeniviyaatti dhorkaan kun itti fufuus cimdiiwwan tokko tokko karaa seeraan alaa fi karaa waldaalee hin galmoofneetiin ijoollee adaadaa ykn essumaa fuudhuu itti fufuu akka danda'an sodaatu jira.

Tarii qorannoon Biraadfoord waggaa 18 fudhate fi bu'aansaa yoo ifa ta'eetti waa'ee gaa'ila firoota dhihoo irratti odeeffannoo haaraa kenna ta'a. Hangasitti falmichi itti fufa ta'a.