'Tigraayitti tajaajilawwan bu'uuraa deebisuuf qophiin godhamaa jira' - Koree Nagaa

Waraana Kaaba Itoophiyaa dhiiga kumaatamootaa dhangalaase marii nagaan xumuruuf koreen mootummaan federaalaa TPLF waliin akka mari'atu hundeesse, mariin akka eegalu ariitiin waliigalteen 'dhukaasa dhaabuu' akka raawwatu gaafate.

Qaamoleen baatilee 20 oliif wal waraanaa turan lamaan amma dura adda addatti dhukaasa dhaabu labsan malee waliigalteerra hin geenye ture.

Waliigaltee raawwachuun gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu, tajaajilawwan bu'uuraa akka deebi'an akkasumas waraanichi karaa nagaa furmaata akka argatu barbaachisaadha jedhe korichi.

Waliigalteen 'dhukaasa dhaabuu' akkuma raawwateen haala mijataa uumamutti fayyadamuun, "tajaajilawwan bu'uuraa ariitii danda'ameen deebisuuf qophiin godhamaa jira" jedheera.

Koreen miseensota torba qabu mootummaan Itoophiyaa ijaare ibsa Roobii baaseen, akkaataa waliigalteen kun itti goolabamuu fi marii siyaasaa itti aanuuf bu'uura kan ta'u yaada (proposal) qopheessuu hime.

Piroppoozaaliin kunis Gamtaa Afrikaafi qooda fudhattoota marii nagaa kana deeggaraniif akka dhiyaatu murtaa'uus himeera.

Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa garuu ibsa koree nagaa kana, "hawwaasa idil-adunyaa gowwoomsuuf hojii burjaajessuuti'' jechuun fuula Tiwiiterii isaanii irratti barreessan.

Itti dabaluunis "adda waraanaa adda addaatti humnootni isaanii [kan mootummaa federaalaa] humnoota keenya qoccolaa jiru, irra deddeebiin waadaa isaanii cabsaa jiru'' jedhan Obbo Geetaachoon.

Mootummaan Abiy yeroo bitatee waraana marroo biraa Tigraay irratti labsuuf taa'a malee gonkuma fedhii nagaa buusuu hin qabu jechuunis komatan.

Mootummaan federaalaa dhukaasa dhaabuun mariin wal-dhabdee humnoota TPLF waliin qabu hiikuuf akka fedha qabu irra deddeebiin ibsaa ture. Mariin kun Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamuu akka qabus beeksiseera.

Irra caalaan naannoo Tigiraay tajaajilota akka ibsaa, baankii fi interneetii waggaa tokkoo oliif argataa hin turre.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu namoomaa ji’a Bitootessaa keessa waliigalame. Ergasii dhiyeessiin deeggarsa namoomaa haalaan dabalaa dhufe.

Mootummaan Itoophiyaas ta'e TPLF waraana lubbuu namoota kumaatamaa galaafatee, miliyoonota qe'eerraa buqqise karaa nagaa xumuruuf koree ijaaruun isaanii ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaa marichi haal-duree tokko malee jaarsummaa Gamtaa Afrikaa jalatti haata'u malee 'yeroo kamuu, eessattuu' akka gaggeeffamu ibseera.

TPLF ammoo mariin kun jaarsummaa pirezidaantii Keeniyaa yeroon aangoo isaanii xumuramaa jiru Uhuruu Keeniyaataan, Naayiroobiitti akka gaggeeffamu jedhee ture.

Uggurri Tigraayirra kaa'ame ka'ee, tajaajilawwan bu'uuraa akka ibsaa, komunikeeshinii fi baankii deebi'an malee mariitti akka hin seennes TPLF beeksisee ture.

Dhiyeenya Gaanfa Afrikaatti Ergamoonni Addaa US fi EU akkasumas dippilomaatotni biyyoota Awurooppaa gara Maqalee imaluun hogganaa TPLF Dr Dabretsiyoon G/Mikaa’el waliin mari’atanii turan.