Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigraayitti xaafiin kuntaalli tokko birrii kuma 17 ol ta'e-Jiraattota
Naannoo Tigraay keessatti xaafiin kuntaalli tokko hanga birrii kuma 17 olitti gurguramaa jiraachuu jiraattonni BBC’tti himan.
Tigraayitti namoonni hojii deeggarsa namoomaa irratti hirmaachaa jiranis, xaafiin kuntaala tokko birrii kuma 15 hanga kuma 17’tti gurguramaa akka jirullee himaniiru.
To'annoo TPLF jala kan jirtu Maqaleen waggaa oliif addunyaarraa citteetti.
Waraanni mootummaa federaalaa waliin sadaasa 2020 eegale ammallee waliigalteen xumura hin arganne.
Jiraataa magaalaa Maqalee kan ta’e Daani’eel, uummatni haala jireenya hamaa ta’e keessa akka jiru ibsuun, keessumaa gatiin xaafii dandeetti hawaasichaa ol akka ta’e himeera.
Hojjettoonni dhaabbata gargaarsa maqaan isaanii akka ibsamu hin feene akka BBC’tti himanitti, yeroo ammaatti gatiin xaafii akka garmalee dabalu wantoota taasisan keessaa tokko, angaa’oti naannicha bulchaa jiran gatii gurgurtaa xaafii irratti tilmaama baasuu isaaniidha.
“Xaafiin garmalee qaalii ta’eera. Daldaltoonni hawaasicha irratti garaa jabaataniiru. Wanta haala hawaasicha yaada keessa hin galchine raawwachaa jiru. Haala cimaa keessa jirra. Hedduun sadarkaa buddeena nyaachuu hin dandeenyerra geenyeerra, “ jedha Daani’eel.
Namni yaadi isaa kenne biraan Barihee jedhamu gama isaan, “gogiinsiifi beelli jira. Ummatni waan qabu waliif qoodee jiraachuuf yaalaa jira.
''Namootni maatii isaanii Tigraay ala jiran irraa akkuma danda’ametti maallaqa isaaniif ergamuun homaa bitachuu hin dandeenye. Keessumaa gatiin xaafii waan yaadamu miti,” jedheera.
Bariheen akka jedhutti, yeroo ammaatti gaatii xaafii qofa osoo hin taane gatiin daakuu qamadiis, daandeettii haawasichaa waliin tasumaan kan wal gitu miti.
“Namni tokko birriin kuma lama ykn sadii maatii irraa ergameefii, xaafii kiiloo 25 ta’ullee bitachuu yeroo dadhabeerra jirra. Ruubii kuntaala tokko bitachuuf birrii kuma 4 ol qabaachuu qabda, “ jechuun himeera.
Barihee fi Daani’eel akka jedhanitti, Tigiraayitti gaatiin xaafii akka malee akka dabalu wanti taasise hanqinni jiraachuu osoo hin taane, daldaltoonni bu’aa hin taanee irraa argachuuf yaaduun gaatii dabaluu isaaniiti.
“Daldaltoonni xaafii qaban dhoksanii kaa’uun, hin jiruu jechuun karaa dallaalota baasuun gatii olka’aan hawaasicha miidhaa jiru.
''Mootummaan haala kana to’achuuf sochii eegaluu isaa ibsuus, hanga ammaatti garuu jijjiiramni dhufe hin jiru,” jedha Barheen.
Daani’eel gama isaan, “daldaltoonni ‘gatii nuti murteessinuun gurgurra’ jechuun waan murteessaniifidha rakkoon kun kan hammaate,” jedha.
Yeroo ammaatti birrii kuma 16 hanga 17 baasuun namootni buddeena xaafii soorachuu hin dandeenye, qamadii gargaarsa irraa argataniifi bishingaa hanga dandeettii isaaniitti bitatan irraa buddeena tolfachuuf dirqamaniiru.
Jiraattonni akka jedhanitti, daldaltoonni karaa ifa hin taaneen, naannoolee olla Amaraafi Affaar irraa xaafii gara Tigraayitti galchaa jiru.
Dhiyeenya xaafiin hanga tokko naannicha seenuu isaa hordofee gatiin fooyya'ee turuus, utuu hedduu hin turiin gatii hin yaadamne irra ga’uu isaa BBC’n jiraattota irraa hubachuu danda’eera.
Dabalataanis, guyyoota muraasa dura hoogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eel (Dr), jiraattotta magaala Maqalee waliin marii taasisan irratti, hirmaattonni marichaa hedduu dhimma gatii xaafii kaasuun komii isaanii ibsatanii turan.
Akka gabaasa Dimtsi Wayyaaneetti, jiraattota Dabratsiyoon waliin mari’atan keessaa harmeen tokko, gatiin xaafii dabaluu isaaf hoggantootaafi daldaltoota himataniiru.
Marii uummataa kana irratti gaaffii ka’aniif deebii kan kennan hogganaan TPLF, daballiin gatii sirrii hin taanee jiraachuu isaafi haala seera qabeessa hin taaneen sochiin daldalaa baayyachuu isaa mirkaneessaniiru.
“Daldaltoonni seera- qabeessa hin taane muraasadha. Tarreessinee maqaa isaanii qabanneerra. Kan uummatni nutti hime qofa osoo hin taanee nutis adda baafanneerra. Gara tarkaanfii fudhachuuttis ni seenna. Yeroo ragaa argannu gara murtiitti akka dhiyaatan ni taasisna, “ jechuun dubbataniiru.
Xaafii dabalatee mi’ootni biroo erga Maqalee ga’anii booda gara kutaalee naannichaa biraatti akka raabsaman ibsuun, kutaalee Tigraay keessatti gatiin xaafii isa kan Maqaleerra kan caaluu ta’uu isaa jiraattonni ni ibsu.
Hojjattoonni dhabbilee gargaarsaa BBC’n dubbise akka jedhanitti, namni maallaqa qabullee xaafii bituu yoo fedhe akka salphaatti hin argatu.
Kanaaf, karaa dallaalaatiin barbaachisuun dirqama waan itti ta’uuf, gatiin xaafii kuntaala tokko birrii kuma 20 akka caaluu ni taasisa jedhu hojjettoonni gargaarsaa.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa kun yeroo eegaluu, Tigiraayitti gatiin xaafii kuntaala tokko birrii kuma 6-8 gidduu ture.
Waraanni kun Kaaba biyyattii keessatti rakkoo namoomaa guddaa kan uume yoo ta’u, dhabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee, dhabbileen gargarsa namoomaa hedduun, naannichatti namootni miiliyoonaan lakkaa’aman balaa beelaaf saaxilamaniiru jechuun irra daddeebiin ibsa baasaa turuun isaanii ni beekama.
Dhabbileen gargaarsa ji’oottan darban keessa, qamadii, boqqolloo fi nyaata gargaarsa biroo gara Tigraayitti geessaa turaniiru.
Haata'u malee, tajaajilootni bu’uraa kan akka telekoomii, elektirikiifi baankii naannichatti akkuma addaan citeetti jira.