Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Marii araaraa Itoophiyaa irratti gaaffiin jaarsummaa Gamtaa Afrikaarratti ka'u maali?
TPLF fi mootummaa federaalaa waliin humnoota hiriiran gidduutti waraana waliinii waggaa tokkoofi walakkaa oliif gaggeefamaa ture biyyoota lixaa, Gamtaa Afrikaafi Dhaabbata Mootummaa Gamtoomanii boqonnaa dhorkee ture.
Waraana gaaga'aa sarbama mirga namoomaa hamaafi gaaga'ama namoomaa hordofsiise kana dhaabsisuuf qaamoleen tattaaffii godhan hedduu ta'aniis, Mootummaan Ameerikaa, Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaan Afrikaa isaan ijoodha.
Waraanaafi rakkoolee siyaasaa biyyoota Afrikaa mudataniif Afrikaanotni ofiin fala kaawwachuu ''African solution for African problem'' ilaalcha jedhuun waraanicha ilaalchisee ejjennoo falmisiisaa qabatee tureen gaaffiin kan irratti ka'u Gamtaan Afrikaa Adoolessa 26, bara 2021 ture ergamaa addaa kan muude.
Pireezidantiin Naayijeeriyaa duranii Oliseeguun Obasaanjoo Gaanfa Afrikaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf ergamaa addaa ta'uun kan hojjetan akka ta'e ibsame.
Obasaanjoon waraanni Tigraay erga eegalee ergamaa addaa yeroo duraaf dhimma waraana dhaabuu haasa'uuf Maqalee galan turan. Irra deeddeebiinis aanga'oota Tigraayiifi mootummaa federalaa waliin mariyataniiru.
Tattaaffiin Obasaanjoo yeroo dheeraa fudhate, gama TPLF irraa qeeqa keessummeessaa ammallee galma barbaadamu bira hin geenye.
Waraana waliinii Itoophiyaa kana ilaalchisee gama adda addaan dhiibbaa uumaa kan turte Ameerikaanis erga waraanni kun eegalee si'a sadii ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa muuddeetti.
Ergamoonni addaa US sadeen Jeefrii Feeltimaan, Deeviid Saatefiildii fi Ambaasaaddar Maayik Hamer irra deddeebiin aanga'oota Itoophiyaafi kan Tigraay waliin walarganii mariyataniiru.
Tattaaffiiwwan jaarsummaan rakkoo kana furuuf godhamu duuba ta'uun kan gaggeessitu US yaaliiwwan Gamtaan Afrikaa taasisus kan biyyoota ollaa kaan keessaas gahee qabdi.
Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinkeen Obasaanjo Ameerikaatti arganii dubbisaniiru. Biyya ollaa kan taate Keeniyaas dhufanii Uhuuruu Keeniyaattaa waliin dhimma Itoophiyaarratti mariyataniiru.
Amma mootummaan Federaalaa fi aanga'oonni Tihgraay mariif qophaa'anii mariyattoota isaan bakka bu'an ifa godhaniis marichi eessatti, jaarsummaa eenyuun gaggeeffaa kan jedhu hedduu ifa miti.
Amajjii darbe BBC' tti kan dubbatan ogeessi siyaasa Itoophiyaa xiinxalan Awwol Aloo(PhD) Waraana waliinii Itoophiyaa waggaa tokkoo oliif gaggeefamaa jiruuf marii siyaasaan furmaata soquuf jaarsummaa Pireezidantii Keeniyaan godhamutu abdachiisaadha jedhan.
Dr Awwol tattaaffiiwwan lameen keessaa kan gama Keeniyaan godhamaa jiru ''hunda hammataafii kan abdii horuudha'' jedhu.
Ameerikaan tattaaffii Keeniyaa ni deeggarti. Gamtaan Awurooppaas tattaaffii Keeniyaa waan deeggaru fakkaata.
Kun abdachiisaa fakkaata.''Jaarsummaan Keeniyaa kan abdii horu kan fakkaatuuf, ''Keeniyaan biyya ollaa humna siyaasa guddaa qabdu ijaa taateef qofa osoo hin taane yaada araaraaf lafa keesseenisi.
Gara marii biyyaalessaa hunda hammataa rakkoolee bu'uuraa Itoophiyaa furuu danda'anitti geessa'' jechuunis ibsan.
Gamtaan Afrikaa waraana kana irratti ejjennoo akkamii qaba ture?
Sadaasa 03 bara 2020 waraanni Kaaba Itoophiyaa erga eegalee dhaabbileen idila addunyaa hedduun ejjennoo qabaniifi tarkaanfii barbaachisaadha jedhan fudhachaaturan.
Amma waraana kana karaa nagaa xumuruuf tattaaffii godhamu adda durummaan ni gaggeessa kan jedhamu Gamtaan Afrikaas warra dhimmicharratti dursanii yaada kennan keessaati.
Mudde bara 2020 yaa'ii IGAD gubbaatti dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Muusaa Fakii Mahammat ''tarkaanfiin olaantummaa seeraa kabachiisuu'' mootummaan federaalaa Itoophiyaa fudhate ''heera biyyattii balaarraa baraaruuf'' jedhan.
''Kun dirqama seeraa biyyoota hundarraayyuu eegamuudhas'' jedhan.
Hanguma waraanni itti fufe Komishinarri gamtichaa misensota garee araaraa sadii pireezidantii duraanii Laayibeeriyaa Eelan Joonsan Sarleef, kan Mozaambiik Yo'aakiim Chisaanoofi kan Afrikaa Kibbaa Kigaaleemaa Mootilaantee ramadanii turan.
Tattaaffiin isaanii osoo hedduu hin turiin ''tarkaanfiin olaantumaa seeraa kabachiisuu'' marsaa xumuraa mootummaa eegale.
Achiis Obasaanjoon ergamaa addaa gaanfa Afrikaa ta'an.
TPLF ejjennoon Gamtaa Afrikaa Loogii qaba jechuu komachuu kan eegale akkuma Obasaanjoon muudamaniin ture.
Dubbiin Komishinarichaa Gamtichi mootummaa Itoophiyaaf looga jira ilaalcha jedhu kan gabbise ta'us booda keessa ''callisa fi gahee irraa eegamu hin baane'' jechuun aanga'oonni TPLF akka komatan sababa ta'eera.
Fedha mootummaa fi TPLF
Mootummaan ministira muummee Abiy Ahimad waraana TPLF waliin dhalateef mariin furmaata soquuf bakka buutota mariyatan ifa godheera.
TPLF bakka buutota isaa maricha irratti hirmaatan ifa gochuu baatus marii kanaaf qophii ta'uu ibseera.
Marii Gamtaan Afrikaa hoogganu kana irratti Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaan taajjabdummaan hirmaatu.
Mootummaan Itoophiyaa marii araaraa kana Gamtaan Afrikaa akka hoogganu fedha qabaatus, TPLF gama isaan Gamtaa Afrikaa caala marii mootummaa Keeniyaan gaggeefamu filata.
Ministirri Haqaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiyoos(PhD) miidiyaalee biyya keessaaf ibsa kennaniin Gamtaan Afrikaa gaggeessaa jaarsummaa kanaa akka ta'u fedha qabaachuu himan.
Dhiyeenya dhimma kanarratti ibsa kan baase Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaas ''rakkoon Afrikaa keenyaa Afrikaadhaan furamuu qaba'' yaada jadhu kaaheera.
Dubbii himaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Mellesee Alem mootummaan jaarsummaan kun karaa Gamtaa Afrikaa itti fufuu qaba jedhechuun fedha jabaa qaba'' jedhaniiru.
Jaarsummaan kun Gamtaa Afrikaan hoogganamuurratti ejjennoo qaamoleen lamaan qaban jaarsummaan kun tarii milkaahuu dhabaa yaaddoo jedhu uumeera.
Teessoo isaa Finfinnee kan taasise Gamtaan Afrikaa rakkoo Kaaba Itoophiyaatti dhalate kanaaf fala gochuuf amma dura pireezidantoota biyyoota Afrikaa sadii akka jaarsa araaraatti ergee osoo hin milkaahiin hafeera.
Ergasii Ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa ta'uun kan muudaman pireezidantiin duraanii Naayijeeriyaas yeroo dheeraa fudhatinii waraanichi akka dhaabatu tattafaniiru.
Mariin araaraa ni gaggeeffama jedhamu kun yoomiifi eessatti akka gaggeefamu ifatti adda bahuu baatus ji'a dhuftu keessa ta'uu akka malu aanga'oonni Ameerikaa akeekaa jiru.
Aanga'onni Tigraay tattaaffii Gamtaa Afrikaef beekamtii kennus, mariin amantaa irraa qabu osoo mootummaa keeniyaan gaggeefamee akka filatu amma dura ibsa baasaniin beeksisanii turan.
Dhimma jaarsummaan kun eenyuun osoo hoogganamee akka filatan dhiyaateef aanga'oonni olaanoo TPLF yaada kennuurraa of qusataniiru.
Mootummaafi TPLF jaarsummaa Gamtaa Afrikaa irratti maaliif waldhaban?
Biyya Ingiliiz Yunivarsiitii Kuun keessa keessa piroofeesara Aadaa kan ta'an dhalataan Eertiraa Aweet Waldamikaa'eel qaamolen lamaan filannoo mataa isaanii kaawwachuun sababaan kan deeggaramuudha jedhu.
''Eenyutu caalatti fedha koo naaf kabachiisa- kan jedhuudha'' jedhu piroofeesar Aweet.
''Gamtaan Afrikaas ta'e pireezidantiin duraanii Naayiyeeriyaa Obasaanjoon mootummaa Itoophiyaatti dhiyaatu komiin jedhu humnoota Tigraay irraa ni dhagaahama. Kuni kan jedhamu Gamtichi ejjennoo mootummaa Itoophiyaa waliin walsimu qabatee turuu isaan ta'uu ilaaluun ni danda'ama.''
Biyyootni waraana kana karaa nagaa xumuruuf yaalan qaawwi uuman ni jiraa kana jedhan piroofeesarichi, ''Jaarsa araaraan ta'a kan jedhu yeroo baayyatu kanneen waraana keessatti hirmaatan ''kun na hin baasu, isa sana wayya'' jechuuf hiree kennuuf'' jedhan.
Siyaasa Baha Afrikaa fi Gidduugala Bahaa kan xiinxala Abdulraahimaan Sa'iid gama isaaniin ''waraanichi olaantummaa garee isa tokkoon waan hin goolabamneef dhiibbaa hawaasa idila addunyaan malee itti qophaa'anii, fedhaan gara marii galaa jiru natti hin fakkaatu'' jedhu.
Akka ogeessi kun jedhanitti jaarsummaa Gamtaa Afrikaatti qaamoleen lamaan waliigaluu dhabu taanaan marii araaraan bu'aa dhufu irratti gaaffii uuma.
Biyyootni lamaanuu gara marii nagaatti yoo galan fayidaa marii kanarraa argatan ifatti kaahuu qabu jedhu Abdulrahimaan.
TPLF marii araaraaf taa'uuf haaldureewwan kaahe qaba. Mootummaan Federaalaa gama isaan dhimmoota TPLF akka haaldureetti kaase keessaa dhiyeessii deeggarsa namoomaa hin danqamne dhiyeessaa jiraachuu ogeessii kun ni dubbatu.
''Ta'us ammallee qophaayinni qaamoleen lameen nagaa buusuuf qaban mallattoo gaaffii guddaa jala jira'' jedhu.
TPLF yeroo waraanaa kana keessa gama dippiloomaasitiin milkaaahina argachuun isaa amma mootummaa Federaalaa irratti dhiibbaa uumaa jira amantaa jedhus qabu.
Gahee Gamtaa Afrikaa
Gamtaan Afrikaa waggoota 40 keessatti aardii waldhibdeen mariin itti hiikaman ''Afrikaa nageenyiifi tasgabbiin ishee eegame'' ijaaruuf abdata.
Haata'u malee miseensotni Gamtaa kanaa sabaan, amantaafi daangaan walitti bu'anii qawween wal-waraanaa jiru.
Miseensotni gamtichaa waraana waliinii keessa yeroo galan gamtichi garee mariisisu ijaaruun nagaa buusuuf yaala.
Fakkeenyaaf Sudaan Daarfuuritti wal waraansa dhalate hiikuuf gareen Gamtaan Afrikaa hundeesse waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka raawwatamu gargaareera.
Somaaliyaatti ammoo biyyoota adda addaarraa loltoota walitti qabuun gartuu nagaa eegsisu ijaareera.
Amma gamtichi fuula isaa gara teessoo isaa Itoophiyaatti naannesseera. Garuu ammoo qaamoleen waldhaban lamaan dhimma jaarsummaa gamtichaarratti wal-hin taane.
''Mariin araaraa kamuu akka milkaahu yoo barbaadame, jaarsi araaraa qaamoleen lameenuu simatan jiraachuu qaba'' jedhu Abdulrahimaan.
Jaarsa araaraa qaamni lamaanuu hin fudhannee yookan kan tokko amantaa irraa hin qabne taanaan ''garaagarummaa bal'isa malee walitti hin fidu'' jedhu.
Abdulrahimaan Gamtaan Afrikaa erga hundeeffamee qabee walitti bu'iinsa biyya tokkoo keessa galee tattaaffiin nagaa buusuuf godhe keessatti milkaahinni argate murtaa'aadha jedhu.
Kun kan ta'e sababa lamaafi. Tokko qabeenya gamtichi qabu laafaa ta'uu isaatiini. Lammaffaan ammoo Gamtichi bara 1960'ootaa qabee dhimma keessaoo biyya biraa keessa galuu dhabuuf ejjennoo qabateedha.''
Ogeessi kun tattaaffiin gamtaa kanaa hanga ammaa ''bu'aa qubsaa hin finne kan ammaan achiimmoo ni ilaallaa'' jedhu.
Piroofeesarri Yunivarsiitii Kuun Aweet gama isaaniin yaada Komishinarri gamtichaa kennanii turan yaadachiisuun ''gamtichi marii kana keessatti walabaafi loogiin ala ta'a jechuu hin danda'u'' jedhu.
Obaasaanjoon muuxannoo qabanii dhiibbaa gaarii gochuu akka danda'aniis himaniiru.
Marichi eessaa fi akkamitti gaggeefama kan jedhu irratti walii galamuu qabas jedhaniiru Abdulrahiiman.