Hongeen Arfrikaa Bahatti mudate hanga yaadamuun olidha -UK

Soomaliyatti hongee mudate hordofee namoonni hedduun buqqa'an

Madda suuraa, Getty Images

Hongeen Afrikaa Bahaatti mudate hanga yaadameen ol yaaddessaa akka ta'e Ministirri Dhimma Afrikaa Yunaayitid Kingidam (UK) ibsan.

Afrikaatti waggoota kurnan darban keessatti hongee hamaa mudateerraa kan ka‘e namoonni miliyoonaan lakka’aaman rakkoo hamaa keessa jiraachuu akeekkachiisan Viikii Foord.

Namoonni miliyoona torbaa ol gargaarsa namoomaa atattamaan barbaadu kan jedhan aanga'aan kun, "Hongeen kun kan yaadameen oli" jechuun himan.

Namoonni bishaaniifi soorata barbaaduuf jumlaan akka buqqa'aniifi kiilomeetira dhibbaan lakkaa‘amu akka deemaniif sababa ta’eera.

Waqtii roobaa afuriif walitti aanee roobni dhabamuu, walwaraansa naannichatti rawwaatu, gatiin midhaanii qaala’uufi dhiibbbaa weerarrii koronaavaarasii uume rakkoo namoomaa duraan ture ittumaa hammeesse.

Viikii Foord biyyoonni michuuwwan ta'aniifi arjoomtoonni sadarkaa addunyaatti beekaman beela sababa hongee kanaan mudateen lubbuun namoota hedduu akka hin banne hambisuu qabu jechuun waamicha dhiyeessan.

Somaaliyaa keessatti qofayyuu daa’imman 380,000 ol ta’an hanqinaa nyaataan hubamuun, xumura bara kanaatti du’aaf saaxilamoodha jedhan Aadde Foord.

Mootummaan UK Paawundii miliyoona 100 fi miliyoona 50($ miliyoona 100 fi miliyoona70) bara kanatti gargaarsa namoomaaf gumaachuuf jira.

Soomaliyaan Afrikaa Bahaatti biyya hunda caalaa miidhamte yoo taatu, Kibba Itoophiyaafi Kaaba Keeniyaattis namoonni miliyoonaan lakkaa’aman sababa rakkoo hongeen rakkataa jiru.

Hongeen waggoota 40 keessatti isa hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa hubeera. Itoophiyaa keessatti keessumaa bakkeewwan kibba-baha Oromiyaa akkasumas Naannoo Somaale kanneen hubaman keessaati.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaa keessa namoonni miiliyoona 20 caalan gargaarsa nyaataa akka barbaadan ibseera.Isaan keessaa harka 3/4ffatti kan dhihaatan daa'immaniifi dubartoota.

Hongeedhuma kanaan horiin miiliyoona 3 ol ta'an du'uu dhaabbatichi kana dura ibsee ture. Sagantaan Nyaataa Addunyaa gabaasa baatii tokko dura baasen hanga Ebla darbeetti namootni miiliyoona 7.2 guutuu biyyaatti deeggarsa nyaataa barbaadu jedhe.