Ayiman al-Zawaahirii kan haleella diroonii USn ajjeefame eenyudha?

Ayiman al-Zawahiiri, haleellaa diroonii USn kan ajjeeffame qaroo al-Qayidaa jedhamuun beekama.

Ogeessa baqaqsanii yaaluu ijaa kan ta'ee fi garee Jihaadistii Masirii kan hundeesse yoo ta'u, bara 2011 US Osaamaa Bin Laadan erga ajjeestee booda ajajaa al-Qayidaa ta'uun muudame.

Sana dura harka mirgaa Bin laadan fi haleellaa Fulbaana 11, 2001 UStti mudate nama adda durumman qindeesses akka ta'etu himama.

Al-Zawahiiri amoota US galmee shororkeessitoota adda dureen barbaadaman jalatti ramaddee turte 22 keessaa Bin Laadanitti aanee nama lammaffaa yoo ta'u, nama waa'ee isaa eeruu kenneef doolara miliyeena 25 nan kenna jettee barbaadaa turte.

Ajeechan US Dilbata darbe Afganistaan, Kaabulitti gaggeessite yaalii al-Zawahiirii ajjeesuu isa jalqabaa hin turre.

Bara 2006 daangaa Paakistaan irrattis isa ajjeesuf haleellaa gaggeessitee turte.

Haleellaa sanaan miseensonni al- Qayidaa afur yoo ajjeefaman al-Zawahiirin lubbuun bahee torban lama booda eenyu iyyuu isa ajjeesuu akka hin dandeenye dhaadate.

Maatii guddaa

Ayiman al-Zawahiiri kan dhalate bara 1951 magaala Masirii, Kaayirootti yoo ta'u, matii beekamaa fi ogummaa akka fayyaa fa'aa qaban keessaa dhalate.

Akakayyuu isaa Rabiyaa al-Zawahiirin imaama guddaa giddu gala Sunnii Baha Giddu galeessaa al-Azaar ture.

Ayiman al-Zawahiirii osoo mana baruumsaa jiruu siyaasa Islaamummaa keessatti hirmaatee yeroo umrii 15 hidhame. Kunis Musliim Biraazarhuud keessatti birmaachuu isaatifi.

Hirmaannan inni siyaasa keessatti taasisu ogummaa fayyaa akka hin baranne isa hin dhrkine. Yuunivarsiitii Kaayirotti mana baruumsa fayyaa irraa bara 1974 tti ogummaa baqaqsanii yaaluu ijaatin maastarsiidhan eebbifame.

Abbaan isaa Mohaammad, kan bara 1995 tti du'e, ammoo mana baruumsa inni irraa eebbifametti pirofeesara Farmaakoolojii ture.

Finxaalessa

Ayiman al-Zawahirin jalqaba irratti duudhadhuma maatii isaa hordofaa Kaayiroo keessatti kilinika fayyaa banee hojjataa ture, booda irra garee finxaalessaa mootummaa Masirii aangoo irraa buusuf hojjataa tureetti makame.

Gareen "Egyptian Islamic Jihad" bara 1973 tti gaafa hundaa'u innis itti makame.

Bara 1981 tti miseensonni garichaa heddu qabaman. Yeroo sana Saadat Israa'el wajjin nagaa buusuu mallatteessuun isaa garee kana baa'ee aarse.

Yeroo mana murtiitti dhiyaatan, garee wajjin hidhaman bakka bu'uun mana murtiitti akkana jechuun dubbate: "Nuti Musliimota amantii keenyatti amannuudha. Nuti biyya Islaama fi hawaasa Islaama ta'e ijaaruu barbaanna."

Pirezidaantii Masirii duraanii Anuwaar Saadat ajjeessuu keessaa harka qaba jedhamee himatamee bilisa ta'us, meeshaa seeran alaa qabate jedhamee waggaan sadi itti murtaa'e.

Bara 1985 tti erga mana hidhaatii bahe gara Saawudii Arabiyaatti imale. Osoo hin turin gara Paakistaan, achiin ammoo gara Afgaanistaan deemun garee "Egyptian Islamic Jihad" kan biraa hundeesse.

Qiyyaaffannaa warra Lixaa

Ayiman al-Zawahirin bara 1990' oota keesa bakka dhokatuu fi deeggarsa barbaachaf biyyoota heddu daawwata ture.

Barota kana booda ammoo Raashiyaan Afgaanistaan gadi dhiistee bahuu ishee hordofee biyyoota akka Bulgaariyaa, Deenmark, Siwizarland keessa akka jirate fi yeroo tokko tokko paaspoortii sobaa fayyadamuun biyyoota akka Ostiriyaa, Yemen, Iraaq, Iraani fi Filippiinsi akka deemetu himama.

Bara 1996 tti viizaa osoo hin qabaatin Chichiniyaatti argamuu isaatin ji'a jahaaf Raashiyaatti hidhamee ture. Aangawoonni Raashiyaa barreeffama icciiti inni Arabiffaan barreesse qabanii dubbisuu waan wallaalaniif icciitin isaa osoo hin baramin hafe.

Bara 1997 ammoo ammoo al- Zawahiriin bakka Osaamaa Bin Laadan jiraatu Afgaanistaan, Jalaalabad deeme.

Waggaa tokko booda gareen finxaalessaa Masarii "Egyptian Islamic Jihad" gareewwan hidhattoota Islaamaa kanneen akka al-Qayidaa shan ta'anitti dabalamuu beeksise.

Bin Laadan erga ajjeeffamee booda, al- Zawahiriin gaggeessaa al- Qayidaa ta'e. Sana booda US haleellaa qilleensaa gaggeessiteen itti aanaa isaa ajjeeste.

Yeroo dhiyoo asi al- Zawahiriin baay'ee bahee hin dubbatu ture. Yero tokko tokko ergaa barreeffamaa gabaabaa fayyadamuun ergaa isaa dabarsa ture.

US Ajjeechaa al- Zawahirii akana akka milkii guddaatti ilaalti, sababni isaa Afgaanistaan keessaa akkaatan itti baate qindaa'aa hin turre jedhamuun qeeqamaa turte.