Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaggeessan al-Qaayidaa Ayiman al-Zawaahiriin haleellaa diroonii US'n ajjeeffame
Gageessaa al-Qayidaa kan ta'e Ayiman al-Zawaahiriin haleellaa qilleensa irraa diroonidhaan Ameerikaan Afgaanistaan keessatti raawwatatteen ajjeefamuu Joo Baayidan mirkaneesan.
Al-Zawaahiriin kan ajjeefame gaafa Dilbata magaala guddoo Afgaanistaan Kaabul keessatti yoo ta'u, haleellaa farra shororkeessummaa CIA'n gaggeessen. "Ayiman al-Zawaahiriin lammiilee Ameerikaa ajjeessudhaan cubbuutti harka isaarra jira. Amma haqni keenya galteetti, gaggeessaa garee shororkeessaa kun du'eera," jedhan Joo Baayidan.
Al-Zawaahiriin bara 2011 erga Osaamaa Biin Laadan ajjeeffamee booda gara gaggeessummaa garee al-Qayidaatti kan dhufe.
Haleellaa '9/11' jedhamu Biin Laadan waliin ta'uun kan qindeesse yoo ta'u, ergasii as namoota Ameerikaan yakka shororkeesummaa cimsitee barbaaddu keessaa tokko ture.
Aangawoonni akka jedhanitti, gaggeessan al-Qaayidaa kun magaala Kaabul keessatti kan ajjeeffame, mana keeessa dhokatee jirutti 'barandaa' irra osoo taa'uu diroonin misaa'ela lama itti furgugifatte.
Yeroo ajjeeffamu miseensoni maatii biroon achi turanis miidhan homtuu akka irra hin geenyes himamee jira.
Haleellaan milkaa'an akka gaggeeffamuf ajaja dhumaa kennuu isaanii Baayidan dubbataniiru.
Ajjeefamuun isaa haqa namoota 3,000 haleella 9/11'n ajjeefamanii kan deebiseedhas jedhan Baayidan.
"Bara meeqa haa turu, bakka barbaadde dhokachuu dandeessa. Uummata keenyaf yaaddoo taata taanan, Ameerikaan si galaafatti. Biyya keenya keenyaa fi uummata keenya ittisuuf tasa duubatti hin jennu," jedhan Baayidan.
Yakka haleellaa doonii waraanaa bara 2000 Adanitti mudateen lammiileen Ameerikaa 17 fi bara 1998 Imbaasiiwwan Ameerikaa Keeniyaa fi Taanzaaniyaatti mudateen lammilen 223 du'an adda dureen kan qindeesse al-Zawaahirii akka ta'e himan Baayidan.
Kana booda Afgaanistaan deebitee mandhee shororkeessitootaa akka hin taanes dubbatan Joo Baayidan.
Oduu himaan Taaliban ammoo haleellan US gaggeessite ifatti qajeelfama idil-adunya cabsuu akka tae dubbate.
"Gochaawwan akkanaa muuxannoodhuma waggoota 20 darban itti milkaa'uu dadhabanii fi fayidaa US, Afgaanistaani fi naannoo sanaatin ala kan ta'eedha," jechuun dubbate oduu himaan Taaliban.
Aangawoonni Ameerika garuu haleellichi bu'uura seeraa akka qabu dubbatu. Ayiman al Zawaahiriin ogeessa baqaqsanii yaaluu ijaa yoo ta'u, erga Osaamaa Biin Laadan bara 2011'tti Ameerikan ajjeeffameen booda gaggeessaa al-Qaayidaa ta'uun muudame.
Baayidaniif yeroo milkii
Ameerikaan Afgaanistaan keessaa haala qindaa'aa ta'een hin baane jechuun erga komatamee waggaa tokko booda, ajjeefamuun al -Zawaahirii ammoo mallattoo milkaa'inaa guddaa ta'aaf.
Erga diroonnin baka jireenya al- Zawaahirii haleeltee booda, aangawoonni Taalibaan bakkichatti akka argamanii fi al -Zawaahiriin achi hin turre jechuuf akka ta'e aangawoonni US ni dubbatu.
Waraanni US Afgaanistaan keessaa bahus, haleellaa laalessaa mandehee shororkeessitootaa irrattii Ameerikaana akka itti fuftu Baayidan haasaa isaanii edaa keessatti kaasaniiru.
"Lolli shororkeessummaa irratti taasifamu cimee itti fufa," jedhan.
Ameerikaan humna ishee guutummaatti osoo Afgaanistaan keessaa baasuf guyyaan tokko gaafa hafu haleellaa diroonitiin namoota nagaa 10 ajjeesun ishee ni yaadatama.