Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Galata mucaa waggaa 18, Koobii Maynoo, Maancheen qaanii Onaanaan itti fide oole
“Ammayyu abjuu natti fakkaata. Dhugaa dubbachuuf ammayyu abjuu keessa akkan jirutti natti dhaga’amaa jira,” jedhe taphataan waggaa 18, Koobii Maynoo daqiiqaa 97ffa irratti goolii ittiin Maanchester Yunaayitid tapha diraamaan guutame Wolvisin ittiin mo’aterratti galche booda dubbii dubbateen.
Dhuguma akkuma mucaan xiqqaa kun jedhe ‘abjuu namatti fakkaata’. Gooliin inni galche kun daqiiqaa dabalataa dhumte keessatti ta’uushee qofa osoo hin taane, qaanii karra eegaan kilabichaa, Andiree Oanaan, kilabichatti fide oolchiteetti.
Koobii Maynoof kun Piriimer Liigii keessatti goolii jalqaba lakkoofsisedha. Kilaba Maanchester Yunaayitid keessatti kan guddate taphataan kun, garee guddaa kanaaf taphoota 11 keessatti hiriire keessatti sarara gidduurratti ga'umsa gaarii agarsiiseera.
Maanchester Yunaayitid 2-0n dursa qabatee boqonnaaf bahee ture. Boqonnaarraa yeroo deebiyan warri Wolvis goolii tokko galfatan.
Daqiiqaa 75ffaa irratti jijjiiramee kan gale Maaktoomineen galee daqiiqaa tokko keessatti goolii sadaffaa Maanchester Yunaayitidiif galche.
Diraamaamichi garuu itti fufeera!
Wolviis warri abbaa dirree abdii hin kuttanne. Daqiiqaa 85ffaa irratti goolii dabalatan.
Yeroo daqiiqaan 90n dhumee bakka gubate daqiiqaan 9 dabalamu Maanchester Yunaayitid 3-2n dursaa waan tureef mirgaan gala jedhamee osoo eegamaa jiruu waanti biraan dhalate.
Daqiiqaa 95 irratti ammas Wolvis taphataa isaanii yeroo dheeraatiif miidhamarra ture deebiye, Pediroo Neetootiin, argataniin 3-3 walqixa ta’an.
Kan nama ajaa‘ibe ammoo gooliiwwan Wolvis Maachester Yunaayitid irratti lakkoofsise sadanuu karra eegaan oolchuu kan danda’u turan. Garuu karra eegaan kun Andiree Onaanaadha.
Daqiiqaa dabalame 9 dhumuuf lama yeroo haftetti Koobii Maynoo kilaba Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti seenaa guddaa qabu, Reed Deevilsiin, baraare. Maan Yunaayitid 4-3 Wolvis ta’uun xumurame.
"Piriimer Liigii keessatti kilaba koo ijoollummaa keessa taphachuun waan ajaa’ibaati. Amma kan itti dhimmamuu qabnu taphawwan dabalataa mo’achuuf carraaquudha,” jedhe Koobii Maynoo.
Dursaan garee Maanchester Yunaayitid Biruunoo Fernaadeez, “gurbaa kennaa addaa qabutu tapha kana akka mo’annu nu taasise” jechuun Koobii jajate yaada TNT Sports irratti dubbateen.
Raashfoord shubbisaa buluu isaatiif Birrii Mil 60 ol adabamee booda lakkoofsise…
Taphataan Maanchester Yunaayitid Maarkas Raashfoord erga torbanii mata-duree oduu ta’ee tureera. Sababiin isaa ammoo Hayerlaand Kaabaa, magaalaa Beelfast keessatti halkan lama mana-shubbisaa [nightclub] bulee ‘na dhukkuba’ jechuun tapha FA Cup irraa hafe.
Raashfoord akka isa dhukkube himachuun shaakalarraa hafus garuu bakka inni bulerraa viidiyoon dhokasaan bahe tokko akka inni dhugaatiifi shubbisarra bule agarsiisu bahe.
Kilabichi kana hordofuun adaba naamusaa seenaa Piriimer Liigii keessatti isa ol aanaadha jedhameen Birrii Miliyoona 60 ol isa dabeera.
Ta’us omaa miti. Raashfoord torbanitti miindaa Birrii miliyoona 30 ol waan argatuuf miindaa torban lamaa qofaan ofirraa baasa.
Maallaqa adabame kana caalaa goolii taphni jalqabee daqiiqaa shanirratti kilaba isaaf lakkoofsiseen ‘kiisii baaseeraaf’.
Taphni Piriimer Liigii ho’ee caalaa hawwataafi kan qalbii rarraasu ta’ee itti fufeera.
Liiverpuul hanga tilmaamni kennameefiin ol cimaa jira. Dirree ofiisaarratti durattuu hin hamatamu, amma garuu dirree ormaa deemaniis mo’annu malee jedhanii ‘ni foolatu’.
Tapha Roobii galgala dirree isaarratti simatee Chelsii waliin taphate 4-1n mo’atee qabxii 51n Liigicha dursuu itti fufeera.
Leenjisaan Liiverpuul,Yaargen Kiloop, turtii kilabicha waliin qabu dhuma bara dorgommii kana raawwata jedheera. Kanaaf, mo’ichaan goolabuuf fedhii qabuun dorgommicha daran cimseera.
Maanchester Siitiin ammoo walitti aansee si’a sadii shaampiyoonaa ta’ee Piriimer Liigii keessatti seenaa haaraa galmeessisuuf hidhatee ka’eera.
Arsenaal ammoo dheebuu waancaa wagga 20 ba’uudhaaf kufee ka’aa jira. Mikeel Arteettaan akka yaade ta’uufiif didus, ammallee dorgommii waancaa keessaa hin bane.
Kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti baasii guddaa baasuudhaan taphattoota ciccimoo sassabbachuun bara kana tokkoffaarra kan jiru Chelsiin garuu ammallee sadarkaa 10ffaa irra taa’eema jira.