Fenerbaacheen leenjisaa isaa Joosee Moorinihoo hojiirraa gaggeesse

Fenerbaacheen Benefiikaatiin mo'amee dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessaa baanaan kilebichi Joosee Mooriinoo hojii irraa gaggeesse.

Fenerbaacheen Joosee osoo hin galateeffataniin akkasumaan ''Moorinihoon kileba keenyaa waliin adda baheera'' jedhan.

Moorinihoon Maanchister Yuunaayitid dabalatee kileboota kudhan leenjiseera.

Bara darbe Fenerbaacheen sadarkaa lammaffaan akka xumuru gargaareera.

Galatasaareen bara darbe tokkoffaan yeroo xumuru irra deddeebiin Moorinihoo waliin walitti bu'aa ture.

Tapha qixa 0-0 xumuran irratti Joosee Moorinihoon ''arraba sanyummaa kan of keessaa qabu dubbateera'' jechuun himatan.

Leenjisichi garuu ani faallaa arraba jibba sanyummaati jechuun himaticha haale.

Kilebni Tarkii biraa Beeshiktash leenjisaa isaa Olee Gunar Soolshaayer hojiirraa gaggeesse.

Soolshayer dorgommii Awurooppaa keessaa bahuu hordofuun kilebichi Oolee Gunar Soolshayer qacaree waggaa tokko osoo hin guutiin hojiirraa gaggeesse.

Roomaa irraa gaggeeffamee Fenerbaachee kan gale Joosee Moorinihoon kontiraanni isaa waan hin dhumneef kaffaltii guddaa fudhatee bahe.

Ammas Fenerbaacheen miindaa kontiraata isaa hafe kaffaluun gaggeessa.

Kaan hojii guddaa irratti qacaramanii dadhabanii hojjechuun miindaa guddaa itti argatu. Warri dursanii maqaa isaanii adunyaan milkaa'inaan barte garuu maqaan isaaniiyyuu maallaqa.

Hojii qacaramee malee hojiirraa ari'amuu isaan tujaara taha jedhanii yaaduun rakkisaa tahus, kun Joosee Moorinihoof addadha.

'Ze Ispeeshaal Waan' seenaa kubba miilaa keessatti leenjisaa injifannoon beekamu, leenjisaa kamiifuu morkataa jabaafi faalaasama kubba bareedaa qofa osoo hin taane haala ittiin mo'atee bahu hordofu tahuun beekamudha.

Baarseloonaatti Luwis Vaan Haal waliin hojjette. Poortoo kilaba biyya isaa leenjisuun waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'ate.

Kileba sadarkaa Awurooppaatti hin beekamne Moorinhoon shaampiyoonaa Awurooppaa taasise.

Kanumaan bara 2004 abbaan qabeenyaa Cheelsii yeroo sanaa Roomaan Abraahimovich Joosee Moorinihoo gara Cheelsiitti fidan.

Jooseen Cheelsii waliin waancaa Piriimer Liigii sadii fi Liig Kaappii sadii akkasuma FA Kaappii tokko mo'tan.

Garuu bara 2007/08 jalqabbii gaarii waan hin argisiifneef abbaan qabeenyaa kilebichaa Roomaan Abraahimovich Joosee hojiirraa gaggeessan.

Yeroo sana kontiraatni isaanii waan hin xumuramneef Paawondii miliyoona 18 kaffalameef. Joose Morinihoon osoo hin hojjetiin mallaqa hanga kana argatan jechuudha.

Boodarra Jooseen bara 2010 Riyaal Maadirid leenjisuuf qacaraman. Riyaal waliin waancaa Laaligaa tokkoo fi Kooppaa Del Rey tokko mo'ataniiru.

Shaampiyoonsi Liigiin garuu hin milkoofne. Fiyoorentinoo Peerez gaggeessaan riyaal Maadiriditti aangoo olaanaa qaban Joosee Morinihoo gaggeessuuf murteessan.

Ammas waliigaltee inni kilebicha waliin qabu waan hin xumuramneef beenyaa ykn gatii wlaiigaltee isaanii argachuu qabu. Joosee Moorinihoon.

Kanaaf Riyaal Maadirid Joosee hojiirraa gageessuuf paawondii miliyoona 17 kaffale.

Leenjisaan lammii Poorchugaal injifannoo fi dubbii isaaniin beekaman Joosee Morinihoon ammas bara 2013 mana isaanii ganamaa Cheelsiitti deebi'an.

Waancaa piriimer Liigii bara 2014-15 mo'achuun mudde bara 2015 kilebicha dhiisanii bahan.

Yeroo kanas Cheelsii irraa paawondii miliyoona 8.3 fudhachuun bahan. Sana booda Siir Aleeksi Fergusan booda milkaa'ina kan dhabee fi leenjistoota maqaa qabanis fiduun milkaa'uu dhabe maanchister Yuunaayitid Joose Morinihoo qacare.

Jooseen michuu dhiyoo Siir Aleeksi Fergusanidha. Arsen Weenger waliin walii hin galan malee Fergusan waliin hariiroo gaarii qabu. Yeroo tokko Joose Morinihoon leenjisaan hedduu kabachuu fi irraa baradhu jedhanii ture.

Joose Moorinihoon Maan Yuunaayitid waancaa irraa fagaate akka waancaa Awurooppaa Liigii mo'atu gargaaran. Dorgommii Shaampiyoonsi Liigiittis deebisan.

Garuu hatattamaan waancaa Piriimer Liigii barbaadamu mo'achuu hin dandeenye. Jooseen pirojektii guddaa Maan Yuunaayitid keessatti ijaaranii mokachuuf yeroo gahaa hin arganne. Isa qofa osoo hin taane taphattoota gatii qaaliin kilebichaaf mallattessan akka Pool Poogbaa fa'aa wlaiin wal dhabdee keessa galan.

Kanaaf kilebichi ammas Mude bara 2028 keessa hojiirraa gaggeessuuf murteesse. Moorinihoon Maan Yuunaayitid irraa paawondii miliyoona 19.6 argatan.

Sana booda ammo kileba masaanuu Cheelsii tahe Tootenhaamtu Moorinihoo qacare.

Kileba kana fooyyessuuf hedduu ifaajanis hin milkoofne. Ji'oota 17 Tootenhaam keessatti erga dabarsanii Dani'el leevii Joosee hojiirraa gaggeessan.

Tootenhaam irraa ammoo paawondii miliyoona 15 fudhachuun kilebichaa bahan. Garuu waa'ee Tootenhaam gaafatamanii kilebootan leenjisa hunda waliin hidhata cimaan qaba.

''Kilebni homaa keessakoo hin jirree fi hidhata hin qabne yoo jiraate Tootenhaam'' jedhan.

Sana booda Roomaa leenjisaa kan turan Joose Moorinihoon kilebichi akka waancaa Konfiransii Awurooppaa injifatu taasisaniiru.

Roomaan seenaa isaa keesstti waancaa Awurooppaa tasumaa mo'atee hin beeku. Haa tahu malee, qabxiin barana Seerie A keessatti galmeessan hoggantoota kilebichaa garaa hin geenye.

Osoo kontiraata haaraa naaf dhiyeessu jedhanii eeganii ammas hojiirraa gaggeeffaman.

Roomaa irraa kaffaltiin argatan pawwondii miliyoona sadii taha. Kontiraatni isaanii yeroo gannaa dhufu kana waan xumuramuuf.

Morkataa Joosee Moorinihoo guddaa kan tahan Aantooniyoo Koonteen J. Moorinihootti aanuun leenjisaa hojiirraa ari'amuun maallaqa guddaa argatedha.

Bara leenjisummaa isaatti waliigalaan paawondii miliyoona 37argateera. Chelsiin bara 2018 gaafa hojiiirraa gaggeessu paawondii miliyoona 26 kaffaleef.

Cheelsiin Luwis Filiippee Iskoolaariif bara 2009 paawondii mil. 13.6, Toomaas Tuheliif ammoo baa 2022 paawondii miliyoona 13 kaffaluu hojiirraa gaggeesse.

Leenjisaa biraan ari'amuun kileba tokko irraa maallaqa guddaa argatan Looren Bilaa yoo tahan bara 2017 PSG paawondii mil. 17 kaffaleeraaf.

Addatti yoo ilaalle abaarsa Joosee waggaa sadaffaa jechuun himuu dandeenya. Kileba tokko keessa waggaa sadaffaatti ni ari'amu ykn milkaa'ina gaarii hin argatan.

Kun Cheelsii, Maanchister Yuunaayitid, Roomaa fi Riyaal Maadirid keessatti isaan mudateera.

Joose Moorinihoon eenyu?

Joosee Moriinihoo maatii galii giddugaleessaa qaban irraa Amajji 26, bara 1963 dhalate.

Leenjisaan lammii Poorchugaal kun abbaan isaa taphataa kubba miilaa fi leenjisaa waan turaniif carraa kilaba tokko abbaa isaa jalatti leenji’uus argatee ture. Haa tahu malee Jooseen kubba miilaa sadarkaa kileboota gurguddaatti hin taphanne.

Maatiin isaa barumsa irratti akka xiyyeeffatus barbaadu. Harmeen isaa barsiiftuu mana barumsaa sadrkaa tokkoffaa waan turaniif akka barnoota dhimma biizinesiis baratu barbaadu ture.

Joosee Moriinihoo sana dhaabuu saayinsii ispoortii baratan. Barsiisummaanis yeroo xiqqoo hojjetanii ture.

Jalqaba leenjisaa kilaba Poorchugaal Ispoortiingii fi Poortoo kan turan Sir Boobii Roobsaniif afaan hiikuun hojii isaanii jalqaban.

Sana booda Baarseloonaatti leenjisaa yeroo Sanaa kan turan Luwis Vaan Gaaliif gargaaraa tahuun hojii isaanii idilee jalqaban.

Akka jedhamutti Jooseen falaasama kubba miilaa qaban ofiin hojiitti hiikuuf waan rakkataniif leenjisaa olaanaa kan turan Vaan Gaal waliin walii hin galan ture.

Akka dirree irraa deebi’een haadha warraa isaatti waan isa mudataa oolu yoo himu, ‘’maaf isa jalaa baatee ofiikee leenjisaa taatee hin hojjettu’’ akka jetteen odeessaleen tokko tokko eeru.

Kanumaan Jooseen Benefiikaa fi kilaba Leeraa jedhamutti yeroo muraasa erga dabarseen booda bara 2002 leenjisaa Poortoo tahuun hojii isaanii jalqaban.

Achitti waancaa Piriimera Poorchugaal, Taca de Poorchugaalii fi Shaampiyoonsi Liigii mo’atan.

Sana booda bara 2004 Cheelsii qabachuun waggaa 50 booda waancaa Piriimer Liigii akka injifatu gargaaran.

Jooseen Cheelsii, Inter Miilaan, Riyaal Maadiridii fi Maanchister Yuunaayitid keessatti leenjisaa milkaa’ina gaarii argachuun beekamanidha. Dhiyeenya ammo erga Tootenahaamii gaggeeffamanii kilaba biyya Xaaliyaanii Roomaa leenjisaniiru.

Ammaan kanas hojii leenjisummaa malee jiru.