''X'' shororkeessitoota irraa kaffaltii fudhataa jedhan duultonni iftooma teeknoloojii

Miidiyaa hawaasaa ''X''

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Dhaabbanni Iloon Maask X duraan Tiwiitar jedhamuun beekamu gareewwan shororkeessummaan labsamaniifi Ameerikaa keessatti akka hin hojjenne dhorkaman kaffaltiidhaan sabiskirayib akka godhan eeyyameera jedhan duultoonni.

Dhaabbanni Tech Transparency Project (TTP) jedhamu X miseensota Hezboollaadhaaf mallattoo cuqulisaa kenneeraafi jedhe.

''X'' irratti mallattoo cuquliisaa argachuun doolaara 8 nama kaffalchiisa, kanaanis barreeffama dheeraa maxxansuufi kaan caala fayyadamaa baay'ee waliingahuun danda'ama.

''X'' gabaasni kuni bahuun booda mallattoo cuqulisaa haquun eegumsi isaa ''jabaa'' akka ture hime.

Iloon bara 2022tti mallattoo cuqulisaaf kaffalchiisuu yeroo murteesse ijoo dubbii tahe ture. Kanneen qeeqan odeeffannoo sobaaf karaa banaa, kanneen nama biraa fakkeessuun akkawuntii bananiif carraa kennaa jechaa turan.

Kanaan dura mallattoon cuquliisaa sun kan agarsiisu miidiyaan hawaasaa sun eenyummaa akkaawuntii duuba jiru mirkaneesseera waan jedhu dha.

Mallattoo kana baay'inaan kan argachaa turan gaazexeessitootaafi hogganoota biyyaa akkasumas namoota beekamoo dha.

Ameerikaatti namoota qoqqobbiin irra kaa'ameef otoo hin hafiin akkaawuntii argachuun, dhaabbatichi namoota sirrii hintaaneef waltajjii kennaa jira jedhamuun dabalataan seera US cabseera himannaan jedhus irratti dhiyaachaa ture.

Amma wal-tajjiin sun kaffaltiidhaan hojjechuu eegaleera, ''X dhimmi seeraa haaraa itti dhufaa jira,'' jedhe Tech Transparency Project

Akka ''X'' jedhutti gabaasa arguun booda akkawuntiiwwan kana akka adda baase himuun mallattoo cuqiliisaa haqe.

Akka TTP'n jedhutti akkaawuntiin Ansaar Allaah duuba jiru Huutii jedhamuun beekamu mallattoo cuquliisaa argateera. Amma mallattoon sun haqameera. Akkaawuntichi hordoftoota 23,000 ol qaba. Huutiin Ameerikaa fi UK keessatti qoqqobbiin irra kaa'ameera.

Mootummaan UK Huutiirra qoqqobbii kan kaa'e, ''humna dooniiwwan idil-aadunyaa Galaana Diimaarra yabalaniifi dadhabsiisuufi nagaafi tasaggabbii Yaman jabeessuufi,'' jedhe.

''Ameerikaan namoota dhuunfaa, gareewwaniifi biyyoota nageenya biyyaalessaaf yaaddoo dha jettu irratti qoqqobbii keessi. Iloon Maask garuu kanaaf tajaajila filatamaa jarreen kunneen muraasaaf gurguraa waan jiru fakkaata,''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Mallattoon cuquliisaa maqaafi suuraa Hassan Nasrallaa, hogganaa olaanaa Hezboollaa irra jiru ''eenyummaan mirkaneeffamuu'' agarsiisuu fi kunis tajaajila addaa(premium) ''X'' maamiloota sabisbkiraayib godhaniif namni biraan isaaniin fakkeessee akka hin banneef kennu dha.

''X'' tajaajila kana kennuuf fayyadamtoonni waraqaa eenyummaa mootummaa galchuufi mallattoo cuqluliisaa argachuuf ammoo suuraa ofee isaanii agarsiisuun isaaniif mala. Nasrallaan ulaagaa kana raawwachuu isaaniif waan beeakame hin jiru,'' jedha TTP'n

Gareen eegumsaa X adeemsi kenninsa tajaajila kanaa ''dirqama seeraa kan eege dha, qaama''X''f warreen kennaniidhaanis addatti mirkanaa'era,'' jedhe.

Iloon Mask, dureessi addunyaa kanaa miidiyaan hawaasaa kuni ''addabaabaayii magaalaa'' akka tahuun barbaada jechuun bilisummaa of ibsuuf akka jabeessu himuun qabiyyeewwan seeraan ala tahan garuu akka haqu dubbateera.

Raapparii beekamaa Kaanyee Weest yaada farra warra seemii barreesse jedhamuun ji'a saddeetiif ugguramee ture 2023tti gara waltajjichaatti deebisuunsaa ijoo dubbii tahee ture.

TTP'n akka jedhutti NTV chaanaalii TV mootummaa Raashiyaan to'atamuufi akkaawuntiiwwan biroo kan kaffaltii raawwatan adda baasuu himeera. Ameerikaan Raashiyaan Yukireen weeraruun booda daldala wajjin taasifamu seeraan ala jetteetti.