Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ertiraan dippiloomaatiin Sudaan sa'atii 72 keessatti biyyaa akka bahan ajajje
Ertiraan dippiloomaatiin Sudaan sa'atii 72 keessatti bulchiinsa ishee keessaa akka bahan ajajuushee hordofee Kaartuum dhimmicharratti Asmaraa ibsa gaafateetti.
Tajaajilli Oduu mootummaa wajjin hidhata qabu SUNA akka gabaasetti mootummaan Sudaan biyya ollaa Ertiraatti itti gaafatamaan hojii raawwachiisaa sababii itti arii'amaniif ''ibsa'' gaafatee deebii eeggachaa jira.
Dippiloomaatiin Sudaan Asmaraa irraa sa'atii 72 keessatti biyyattii dhiisanii akka bahan ajajamuu ilaalchisee gama Ertiraan ifatti waan jedhame jiraachuu baatus Kibxata gaazexaan Saa'udii 'Al- Ashraaqi' miidiyaa hawaasaa X irratti gabaasee ture.
''Ertiraatti hojii raawwachiisaa Sudaan kan turan Ambaasaaddar Kaaliid Abbaas biyyaa gadhiisanii akka bahan sa'atii 72 kennuun arii'uu,'' gaazexichaa ibseera.
Sudaan dippiloomaatiin ishee guyyaa sadii keessatti Ertiraatii akka bahu ajajamuu irratti guyyaa tokko boodadha kan isheen ibsa gaafatte.
Ministarri ittaanaa dhimma alaa Sudaan Al-Amiin murticha ilaalchisee mootummaan isaanii waan beeku akka hin jirre eeruun, ''gama mootummaa Ertiraan ibsa eegaa jirra. Ambaasaaddarichis gara biyya gaafa deebi'an waan jedhan dhageenya,'' jedhaniiru.
Ertiraan dippiloomaatichi Roobii dabre irraa kaasee guyyoota jiran sadii keessatti biyyaa sababiin akka bahan ajajaman hin ibsine.
Miidiyaan RSF mootumma Sudaan mormuu akka jedhetti, Ertiraan dippiloomaaticha arii'uf kan murteessite,''dargaggoota Ertiraa keessa jiran raayyaa Sudaan ala hiriiranii akka lolan yeroo filan argamaniiti,'' jechuun gabaaseera.
Gama biraan ammoo gaazexaan Sudaan dhuunfaa 'Al -Taagiheer' jedhamu maddeen Ertiraan maqaan hin waamamne eeruun sababa dippiloomaaticha arii'amaniif yoo ibsu, ''kaampii leenjii lixa Ertiraatti argamu ilaalchisee odeeffannoo akka sassaabaniif dargaggoota lama bobbaasuu isaaniin,'' jedheera.
Mootummaan Sudaan humna addaa RSF waliin lolatti jiru mootummaa Ertiraa waliin hariiroo gaarii kan qabu yoo tahu yeroo waraana Sudaaniifi deeggartootasaa yeroo garagaraatti leenjisaa ture jedhamuun himatama.
Yeroo ammaa biyyoota lamaan gidduu hariiroon jiru badaa gochuu danda'a kan jedhame arii'amuun ambaasaaddarichaa murtoon kuni ka'umsisaa mirkanaan maal akka tahe hin beekamne.