Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoonni nageenyaa Itoophiyaa 'hedduu' dahoo baqattootaa UN biratti ajjeefaman
Kaaba Itoophiyaa naannawa dahoo baqattoota UN biratti haleellaa raawwateen humnoonni nageenyaa 'hedduu' ajjeefamuu kanneen ijaan argan BBC’tti himan.
Haleellaan kuni Naannoo Amaaraa Godina Gondar Lixaa keessatti buufata poolisii ollaa dawoo baqattoota Kumar bira jiruurratti ALI Adoolessa 10, 2016 raawwatame.
Haleellaa kanaanis yoo xiqqaate poolisoonni sagal ajjeefamuu akkasumas kaan hedduummoo madaa’uu isaanii baqattoonni lama BBC’tti himaniiru.
Haleellaa kana hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamnetu raawwate kan jedhame yoo ta’u daa’imi baqataa tokkoos miidhamuu nami ijaan argan kuni himaniiru.
Namni ijaan argan tokko hidhattoonni ganama sa'aatii 12'tti kaampii Poolisii Federaalaa seenuun haleellaa banan jedhan.
‘’Yeroo dheeraaf walitti dhukaasaa turan. Gara sa'aatii tokkoo fi walakkaa ni ta’a ture.
''Sana booda namoonni kaampii seenuun namoota lubbuun hafan baraaruuf yaalanii, reeffa poolisoota sagal argan. Poolisoonni biroo miidhamanis ni jiru,'' jedhan.
Baqataan biraas ''Hundi keenya of baraaruuf lafarra ciisnee turre,'' jechun BBC'tti himan.
Baatiiwwan darban lammiileen Sudaan kumaatamaan lakkaa'aman haleellaa hidhattootaan irra deddeebiin irratti raawwatamu baqachuun dahoo UN kana keessaa bahaa turan.
Baqattoonni dahoowwan Kumariifi Awulaallaa keessaa baqatan kuma torba gahuu akka danda’u baqattoonni kana dura BBC’n dubbise himaniiru.
Baqattoonni kuni erga yeroo dhihootii hidhattootaan haleellaan irratti akka raawwatame, saamicha meeshaan deeggarameefi nama ugguranii qarshii gaafachuun irra deddeebiin mudachuu dubbatani.
Baqattoonni kuni erga dawoo UN keessaa bahanii daandii ijoo gubbaa fi buufata poolisii magaalaa xiqqoo keessa jiru biratti bulaa akka jiran ibsaniiru.
Haleellaa kana hordofee miseensonni raayyaa ittisa biyyaa gara bakkichaa bobba’uu baqattoonni dubbatan.
BBC’n haleellaa kana ilaalchisee dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) biraa deebii argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Dahoowwan UN Naannoo Amaaraa keessatti argaman, Kumariifi Awulaallaa, baqattoota Sudaan, Ertiraafi Sudaan Kibbaarraa dhufan simatu.
Baatii darbe eegalee dahoon Kumar baqattoota kuma jaha simateera, Awulaallaan immoo baqattoota kuma lama gara caalu Sudaaniifi Sudaan Kibbaarraa dhufan simate.
Naannoo Amaaraa keessatti walitti bu’iinsa raayyaa ittisaafi hidhattoota faannoo gidduu adeemu jireenya baqattootaa rakkoo keessa buuseera.
Erga Sudaan keessa waraanni eegalee lammiileen Sudaan miiliyoonaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’uu UN beeksiseera.
Kanneen keessaa kan 100,000 ol ta‘an gara Itoophiyaatti ce’uun ni yaadatama.