Diidiyar Diroogbaan amantiisaa Islaamatti akka hin jijjirre hime

Taphataan kubbaa miilaa beekamaa, dhalataa Ayivoorii Koost Diidiyar Diroogbaa duree Musliimaa wajjiin otoo salaatuu suuraa mul’isu erga gadhiifameen booda, amantiisaa Islaamatti akka hin geeddarree dubbate.

Dureen amantii kuni taphataan Chalsii duraanii Musliima tahe jechuun suuraa isaanii akka maxxanse dha kan hime.

Haa tahu malee Diidiyar Diroogbaan ergaa Wiixata galgala Tiwiitara irratti barreesseen, yeroo ganda sana daawwatetti ‘’obboloota koo Musliimaafan kabaja kennaa ture,’’ jedhe.

‘Battala tokkummaa ture,’’ jechuunis ibseera.

Dureen amantii Mohaammad Saalah boodarra waan maxxansaan haquun Diroogbaan amantiisaa Islaamatti hin geeddarre jechuun akka geeddaruuf akka kdhatan himan.

Diroogbaan biyyasaa Ayivoorii Koostiidhaaf Waancaa Addunyaa bara 2006 fi 2010 dabalatee al 100 caalaa taphateera.

Bara 2018 sooruma bahuun dura goolii baayyee galchuun.